ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Amajjii 17/2018

Aside

Eessaa kaanee eessarra geenyee?

Aside

Qalbeessaa Dhanga’aatiin
“Qabsoon hadhooftuudha”jecha qabsaa’otaati.
Eeyyee dhuguma qabsoon hadhooftuudha. Mi’aa hinqabdu. Hadhooftuu dhangaggooftuudha. Gaafa kaatu fira nama baay’ifti, gaafii kophaas nama hanbifti. Gaafa fira daneessitu baraguun amala qabsaa’aas miti, akkasuma gaafa kophaa nama hanbiftu abdii nama kutachiiftee nama harkaa bahuuf baatee dhabamuuf yoo sochootees qabsaa’aan jabaatee dhaabata. Irbuudhaka, irbuutu hinsuphamu, hingatamu. Baraan haataadha. Gaafa gabaa taatee deemtus gaafa yarattee nama muraasaan qabsooftus kaayyoo uummataarraa daqiiqaaf sekandiif irraa maquu hinqabdu. Kaayyoon uummataa sirka waan jiruuf jechuudha. Uummatakeef qabsooftee garbummaa jalaa uummatakee baasuuf qabsootti waan jirtuuf jechuudha.

Continue reading

Karaan Jiru Of Duratti Deemuu Qofa!

Aside

Baarentuu Gadaatin  

Waggoota  hedduuf  impaayeera itiyoophiyaa keessatti uummanni gaafiin mirgaa fi dimookiraasii  gaafiin waliqixxummaa  kaasaa ture, keessumaa uummanni Oromoo abbaa biyyummaa isaa kolaneeffattoota habashaa itti duulanii biyya isaa qabataniin dhabe deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture. ittis jira. Gaafii uummataa kana ukkaamsuufis weeratoonni haga wayyaanee har’aatti jiran yakka danuu uummattoota irratti addatti ammoo uummata Oromoo keessumaa sabboontoota ilmaan isaa irratti raawwachaa turaniiru. Baroota dhihoo as aanan kana keessa ammoo  yakki uummata Oromoo  addatti ilmaan isaa irratti raawwataa jiru ammoo akka malee sukanneessaa fi kan daangaa hin qabne ajjeechaa jimulaa taa’aa dhufeera.  Ilmaan Oromoo gaafii mirgtaa karaa nagahaa gaafatan hedduun hidhattoota sirnichaa naatoo namaaf hin qabneen ajjeefameenaiiru, reebamanii miidhaan qamaa qalbii irra gaheera. Kuuniis mana hidhaa sirnichi heddumminaan ijaarratte keessatti manakraarfamaa jiru. kan eessa buteen isaa dhabames amma hin qabu. Continue reading

Qophii Addaa- SQ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa, Amajjii 16,2018

Aside

Uummatni Oromoo Uummata Wal Malee Mootummaa Hin Qabnedha.

Aside

Seenessaa Qeerroo tiin

Uummaatni Keenya roga hundaan haala akkaan ulfaata keessatti argama, uummata keenya qe’eefi qabeenyaa isaaniirraa waraana liyyuuhayilii Somaaleefi Agaaziin irratti banameen buqqifaman haala ulfaataafi gaddisiisaa keessatti argamu. Uummatni keenya haala rakkisaafi ulfaataa akkasiin buqqifamaan
🚨-Godinalee Harargee Bahaafi Lixaa Kaambii Hammarreessaafi bakka nageenyaa isaaniif balaa ta’ee irraa qubsiifamanii kan jiran Miliyoona tokkoo ol akka ta’an mirkanaa’eera. Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa AMAJJII 16 2018,

Aside

Continue reading

Wayyaaneen TPLF Hidhamtoota Siyaasaa Dhuguma Ni Gadhiiftii?

Aside

Gabaasa [SQ, amajji 16, 2018] Mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo maqaa ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon hidhee jiru gadi dhiisuun akeeka isaa akka hin taane oggaa hubatamu, namoota amma dhiifama godheeraaf, gadi dhiisuufani jedhee labse keessattillee kanneen miseensummaa fi deggertummaa ABOn hidhamanii jiran keessatti akka hin argamne hubatame.
 hidhamtootni 528 ol ta’an akka gadi dhiifaman kan gabaasame oggaa ta’u, isaan kunis iddoo gara garaatti hidhamanii kan jiran ta’uun hubatameera. Isaan kunis irra jireessaan uummata naannoo kibbaa keessaa  yakkamanii kan hidhamanii fi kan warra Habashaa irraa ta’uun kan gabaasame oggaa ta’u, kanneen maqaa ABOn hidhaman kan keessatti hin argamne ta’uu maddeen ifa godhu.

Continue reading

SBO Amajjii 17, 2018. Oduu, Sirna Kabaja Guyyaa WBO Amajjii 1 kan bara 2018 irratti haasawaa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan kutaa Xumuraa,

Aside

Akkasumas Sirna kabaja Guyyaa WBO Jaarmiyaan Baqattoota Oromoo Yaman geggeeffatan irratti yaada qindeessaan ayyaanichaa nuuf laatanii fi SBO sagantaa Afaan Amaara.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo dararuufi mana hidhaatti guuruu itti fuftee jirti.

Aside

Gabaasa [SQ, amajji 16,2018] Baatii Fulbaanaa bara 2016 godiina wallaggaa Lixaa Aanaa mana Sibuu Ganda qottee bulaa Bengu’aa laga dhoqee jedhamu Keessa Ukaamfamun Kaambi waraana Dhidheessa jiruti yeroo dheeraaf erga reebamani booda namoonni lama kan maqaan isaanii Caalii Ejjetaafi Jamaal Tasammaa jedhaman gara Maayikalawiiti dabarfamanii dararamaa turaniiru. Maatii fi fira dhokfamuun baatti ja’a ol erga hiidhamani booda mana hidhaa Qilinxooti argamaniiru. Namoonni kunniin erga ukkaamfamanii waggaa lama kan guute yommuu ta’u,  #Caali Ejjetaa abbaa ilmaan afuri,nama daldalan maatii ofii bulfaatu ture jedha odeeffannoon arganne. Dargagoo #Jamal Tasamaa oggeessa meeshaa Elektirooniksii ta’ee Yeroo dheeraa mana hidhaa waan turef dhibee garaachaa dhukubsataa akka ta’e maddeen keenya gabaasaniiru. #Caali Ejjetaa fi #Jamaal Tasamaa jaalan isaani biroo waliin bara 1993 irra qabee miseensa ABOti jedhamun yeroo garagaraati kan hiidhamaa turani fi haras yakka tokko malee mana hidhaa Qilinxooti dararamaa jiru.

Continue reading

OSG Australia calls for UNHCR immediate action to Save the life of Oromo refugees in Yemen

Aside

cropped-OSGA-5-Years-Strategic-Plan_12.jpg

(OSGA, 15 January 2018) Oromia Support Group Australia (OSGA) call to prompt action on a very urgent case  involving 38 Oromo refugees and 10 Somalis detained in West Yemen at Sa’ada town.

According to OSGA report most  of these genuine Oromo refugees are holders of the UNHCR eligibility status. However, 38 Oromo refugees who are in  prison for more than one year are incarcerated from accessing the UNHCR  support and protection and detained under harsh condition.

“During this time only the Red Cross visited them once in the detention,”said OSGA. Continue reading