Sadaasa 20 bara 2017
Gootowwan barattoonni moorichaas ganamarraa ka’uudhaan mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa oliif gadi naanna’anii sagalee isaanii dhageessifachaa otuu jiranii waraanni wayyaanee barattoota addaan facaasee jira.
Gaaffiin barattoonni mooraa yuunversiitii wallaggaa gaafachaa jiranis gaaffii mirgaa kan kabajamuu mirga Abbaa biyyummaa oromootti aanee diddaa COCn nurraa haa dhaabbatu jedhu akka ta’es eeruun nu ga’e addeessee jira. Continue reading
Monthly Archives: November 2017
Dirmannaa Oromummaa Uummata Oromoo Waraanni Wayyaanee Itti Bobbaafamee Ardaaf Qe’eesaan irraa Baqqaafamaniif Ajjeffamaa Jiraniif Oromoof Saboonni Cunqurfamoo Impaayera Biyya Ethiyoopiyaa Sagaleen Addunyaatti Dhageesisuufiin Dirqama Namummaati
Aside
Sadaasa,19,2017
Waggoota dheeraaf afaan qawween ofiin bulli mootummaa wayyaanee Uummata Oromoof saboota Cunqurfamoo Impaayera biyyattii bitaa tuee bitaas jira. Har’as Waggoottan imimmaan Oromoo akka galaanaa dhangalaa’aa jiran keessa seennee jirra. Qe’een Oromoo goolii saamtota kaabaa saamtota TPLF tiin boohichaaf watwaannaarra oolaa jira. Guyyaatti lubbuun nama 5 giddu galeessaan baafamaa jira. Qe’ee Oromoorraa Oromoo gadaansisuun ardaan Oromoo samamaa jira. Qabeenyi uummanni keenya umurii guutuu dafqee horataa ture saamtota Wayyaaneen maqaa Liyyuu ayiliin bobbaafteen saamamaa jira. Hanga ammaatti Oromoonni 60000 (kuma dhibba ja’aa) ol ta’aan lafasaanirraa buqqaa’aa jiru. Lafa keenyarrattis du’aa jirra. Shiftaa Wayyaaneen Uummata Oromootti bobbaafte addunyaaf ifa gochuun dirqama namoomaa yeroo hinbarbaannedha.
SQ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Sadaasa 17, 2017
Aside
Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu?
Aside
Baarentuu Gadaa Irraa
Dubbiftoota! Mee abbootiin irree humnaan aangoo qabatan maaf aangoo humnaan qabatan sanarraa bu’uu didu..? maaf salphina eeggatu..?
jedhamtanii odoo gaafatamatanii deebiin keessan maali? Abdiin qaba baayyeen keessan akka sababaa adda addaa tarreessitanii fi kanaa fi sana jettan. Eeyyee namuu sababa adda addaa danuu tarreessuu danada’a. Sabani kunis walfakkaachuu baachuu mala! Dhugaan lafa kanarra jiruu fi irra jiraan namaa irratti walii galu, kan seenaan abbootii irree ka’anii kufanii argisiisu garuu tokkoo fi tokko qofa!!! Continue reading
SBO Sadaasa 19, 2017. Oduu, Bulchiinsa Waraanaa Mootummaan Wayyaanee bifa haaraan Oromiyaa irratti diriirsuuf carraaqaa jiru kan ilaallatu fi gaaffii fi Deebii Jaal Sanbatoo Geessisaa Waliin taasifne kutaa 5ffaa.
Aside
Gabaasa Godina Wallaggaa aanaa Buunnoo Beddellee irraa akka armaan gadiitti.
Aside
Odeessa dhiyoo : Oromiyaa kaassatti saamtonni kaleessa biyya saamaa turan akkuma baran se’anii kallattii garaagaraan saamuudhaaf halkanii fi guyyaa fiigaa kan jiran yoo ta’u; Eegumsa qeerroo fi hawaasa bal’aan godhamaa jiru deeggaramuun poolisoonni oromiyaas haamileedhaan hojii nageenya hawaasaa tiksuu fi kiraa sassabdota irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.Bu’uuruma kanaan daldalli seeraan alaa iddoowwan garaa garaatti saaxilamuun to’annaa jala oolaa jiru.Bifuma kanaan Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti Ganda Liilloo Saaxoo bakka addaa iddoo eegumsaa (kellaa)77 jedhamutti gaafa guyyaa 07/03/2010 kan qabame yoo ta’u guyyaa har’aa kana immoo makkalaakayaa fi humni poolisii federaalaa dirqamaan fe’amee haa bahu ykn haa gadhiifamu jechuun uummata doorsisaa jiru.sukkaarri qabame kun konkolaataa midhaan fe’u tokko guutuudha.Taalgaan konkolaatichaa 70449 dha. Yeroo ammaa kana haalli jiru sodaachisaadha.Waan irra gahame odeeffannee kan dhiyeessinu ta’a. Obsaan nu eegaa.Gadaan gadaa bilisummaati.Qabsoon itti fufa injifannoon ni dhufa.
Jimmaa Yuunibarsiitii Keessatti Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mooraa Main campus FXG Dhageessisaa Oolan
Aside
Sadaasa,18,2017
Barattoonni mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa guddaa diddaa sirna garboonfataa wayyaanee dhageessifachaa jiru. Barattootni kunneen Oromoon arrabsuuf xiqqeessuun haa dhaabbatu jechuun, barattuu saba guddaa Oromoo ji’a tokkoon dura arrabsite arraba sabaan uummata Oromoof saboota cunqurfamoo impaayera biyyatti sabaaf sablammoota kibbaa walitti buusuuf kan akeekkate ta’uu hubachuun adaba sirrii adaba barattuu kanaaf malu akka laatu gaafachaa jitu. Shamarree "Siisay Jamaal" jedhamtu barattuu ispoortii waggaa 2ffaa yoo taatu, barattoonni Oromoo akkasuma gumiin GDASAO baga nagaan dhuftanii barattootaaf qopheessee Mooraa kitoo Furdisaatii dhiichisaa utuu galanii kan Oromoota arrabsite yoo ta’u, qaama seerattiillee himatamaa kan jirtu ta’uu hubachuun murtiin haqa qabeessaa akka irratti fudhatamuu qabuuf barattoonni Oromoo gaaffii dhiyeessaa jiru.
Akkasuma uummata Oromoo lafasaarraa buqqaasuu, ajjeesuu, saamuu, gudeeduu, hidhuuf darararuu mootummichi fuulleeffatee kan itti jiru waan ta’eef, sirna uummata nagaa dararu bakkaa kaasuun Mootummaa nagaa uummata keenyaa eegu uummanni hanga filatutti, mootummaa ce’umsaa biyyattii keesatti akka gadhaabbachuu qabu dhaadannoo isaaniin gaafataa jiru.
Hiriira Mormii guyyaa har’aa kana bultii dheeraaf irratti qophaa’anii qopheessaa akka turan dubbachuun waraqaa waamichaa barattootaaf EDA galgala harkatti raabsamaa akkasuma gabatee Beeksisaatti waamichi barataaf har’a Sa’afi walakkaa akka lakkoofsa hanashaatti waamame akkuma waamameen milkii gaariin Hiriirri mormii jalqabamuu gabaasan. Waraqaa waamichaa sanarra qabxiiwaan ijoo mooricha ilaallatan kan
1,Mirgi barattoota Oromoo Jijjigaa Yuunibarsiitii irraa dhufanii haa kabajamu, waadaan nuu galame haa eegamu!
2,Muummee folklore fi muummee afaan Oromoo irra dhiibbanaa gahaa jiru haa dhaabbatu!
3,Shamarree "Siisay Jamaal" jedhamtu kan ijoollee Oromoo fii Uummata Oromoo arrabsite irratti mooraan tarkaanfii barbaachisu fudhachuu qaba!
4,Exit exam’n hafuu qaba!
Qabxiilee jedhan barataan marti fudhatee bahee mirmii dhageessisaa jiraachuutu himame. Haala hiriira sanarraaf suuraawwan video akka arganneen isiniin geenya
Mooraa Mattuu Yuunibarsiitii Keessatti, Gocha Badaa Moorichi Xaxeen Gaaffii Barattootaa Gara Waldhabiinsa Sabaatti Jijjiiruuf Akeekamuutti Akka Jiru Gabaafame
Aside
[SQ,sadaasa,18,2017]
Mattuu Yuunibarsiitii keessatti Fincila barattoonni Oromoo diddaa Mootummaa Wayyaaneef akkasuma peresedant moorichaa akka isaan bulchuu hibdandeenye hiriira mormii gochaa turuusaanii gabaafamaa ture. Gaaffii haqaa barattootaa gara dabarsuuf ta’e jedhee walga’ii barattoota Oromoo hinmakatin saboota Ethiopia kaawwan mara waliin waltajjii taa’uusaas gabaasni yeroo darbe gabaasaa turre ifa godha. Walga’ii sanarratti saba Oromoo jechoota hadhaahaan arrabsaama akka tures ifaadha. Waltajji barattoota Oromoo hinmakanne kun, Gaaffii barataa Oromoo jallisanii gara jeequmsaaf waldhabdee saboota birootti akka naannahuuf leenjii barattoota saboota biraaf kennaa turan. Continue reading
Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Gadxiqqeessee Qaamni Ilaalu Qaama Qancarsa Wayyaaneef Bobbaafamedha.
Aside
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa,16,2017
“Utuu Sangaan hiniyyin qanceen iyyiti” jedha Oromoon. Madaan uummata Oromoo madaa sobdoonni gaafa ka’an horfanii gaafa ka’an akka saree arraaban miti. Madaa dhala namaati. Madaa titisni irra wal ariitus miti. Madaa abbaa qabudha. Madaasaarraa Titiisa ittisuun dirqama madaa’aa tokkooti. Madaan madaa wangoota wayyaaneen nyaatameef titiisni akka OPDO akka hinfayyine gochaa jirtudha. Madaa kamuu isa madeesseen hinfayyu. Abbaan madaa fayyisu madaahaa sanaaf kan madaahaan na yaala jedhee itti kennatu qofa. Har’a ba’aan uummata Oromoorra jiru dargaggoota hedduu saggoo cabsee utuu jiruu agarra. Dargaggeessa akka jaarsaa gugguufee deemutu Oromoo keessatti baay’ata. Dargaggoota kanaan “ati dullacha”jedhanii bira darbuurra ” maaltu si goophessen?” bareeda. Kun Kanaan utuu jiruu madaasaaf ba’aa uummatasaa kana addunyaatti agarsiifachuusaaf lubbuun dargaggoota kitilaa addunyaa kanarraa darbeera. Waan haxxummaa Wayyaanee bahanii balaaleffatan qofaaf, waan saamicha lafa Oromiyaa falman qofaaf doktoorota meeqatu barnoota yakkamee dirreerratti gatame? Yoo jenne lakkoofsaan oli. Continue reading
Dararaan Oromoo Irratti Lakkuu Ta’aa Jira, Oromoon Lafasaarraa Buqqaafame Sharaa Baqattummaaf Keessa Buufate Keessaa Wayyaaneen Qabdee Hidhaa Jirti.
Aside
[SQ,sadaasa,18,2017]
Uummata Oromoo irrratti waraana mootummaa Wayyaaneen maqaa Liyyuu Ayilii jedhee bobbaafameen ardaaf qabeenyasaa dhabe, bakka dahoof sharaa buufatee jiruttillee dabballoota Wayyaaneen OPDO waliin ta’uun Wayyaaneen hidhaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Oromootni qabamanii hidhaan dararamaa jiran kanneen magaalaa Adaamaa keessatti baqatanii jiraataa jiran too ta’u, akka gabaasa arganneetti yoo ta’e Oromoota uummanni gaggeessummaaf isaan kahate kanneen rakkoo uummataa yeroo yeroon mootummaa Naannoof akka deggarsa gaafaraniif filatamanidha jedha gabaasaan keenya. Continue reading
