Warraaksi biyyaalessaa FXG bifa haaraa ta’een ganama har’aa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti dhohee jira.

Sadaasa 20 bara 2017 
Gootowwan barattoonni moorichaas ganamarraa ka’uudhaan mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa oliif gadi naanna’anii sagalee isaanii dhageessifachaa otuu jiranii waraanni wayyaanee barattoota addaan facaasee jira.
Gaaffiin barattoonni mooraa yuunversiitii wallaggaa gaafachaa jiranis gaaffii mirgaa kan kabajamuu mirga Abbaa biyyummaa oromootti  aanee diddaa COCn nurraa haa dhaabbatu jedhu akka ta’es eeruun nu ga’e addeessee jira.
Mooraa kana keessatti diddaan COC erga eegalee torban kan lakkoofsise yemmuu ta’uu hanga har’aa deddeebi’anii gaaffii haa gaafatan malee deebiin tokkoyyuu nuuf deebi’uu hin dandeenye jechuun qeerroon moorichaa diddaa isaan haalaan itti fufanii jiru.
Guyyaa wiixata har’aas diddaan kun haalaan jabaachuun erga jalqaberraa kaasee humni tikaa moorichaa diddaa kanatti aaruudhaan humna waraanaa jumlaan gara moorichaatti waamsisee jira.
Humni kora bittinneessaas konkolaataa sireeffiin 4 gara moorichaa erga dhufeen booda konkolaataan 2 moorichatti marsuudhaan 2 ammoo moorichatti olseenanii jiru.
Barattoonni moorichaas  mooricha gad lakkisuun diddaa isaanii sodaa nageenyaaf jecha addaan kutanii gara uummata magaalaa Naqamteetti baqachaa jiru.
Waraanni wayyaaneen barattootatti bobbaastes guutummaa naannoo mooraa yuunversiitii wallaggaa dhuunffachuun sagalee guddistuudhaan barattoota doorsisaa akka jirullee maddi oduu qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaarraa gabaasee jira.

One response

  1. Pingback: Warraaksi-biyyaalessaa FXG bifa haaraa ta’een ganama har’aa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti dhohee jira – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: