SBO Sadaasa 12,2017. Oduu,Ibsa Tumsa Ummattootaa, Bilisummaa fi Dimokraasii irraa laatame, Haala Sochii Yunivarsitii Mattuu Keessaa ilaalchisee yaada Barataan Caalchisaa Dhugumaa SBOf laate fi Gaaffii fi deebii Jaal Sanbatoo Geessisaa Kutaa 2ffaa

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Sadaasa 10, 2017

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa FDG Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroon

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9,2017

Aside

SBO: Sadaasa 10 bara 2017. Oduu, Ibsa ABO Yaadannoo Waggaa 12ffaa Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) ilaallatuu fi Gaaffii fi Deebii Jaal Sambatoo Geessisaa waliin taasifame.

Aside

Haala Sochii Uummata Oromoo Oromiyaa Ammaaf Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoof Adeemsa Harcaatoota Wayyaanee.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Bilisummaan saba tokkoo mirkanaa’uuf aarsaawwaan gurguddaa kaffaluun dirqama qabsoon namatti laatudha. Aarsaan qabsoo keessatti baafamu aarsaa tolaa akka hintaaneef qabsaa’oonni daandii haqaa qabatanii uummaata isaanii walaboomsuuf carraaqaan haxxummaa diinaa irratti baruun wal hubachiisaa adeemuun barbaachiisa. Uummanni Oromoon kaleessa du’aa tire, reebamaa hidhamaa ture. Har’as sanumaaf. Ta’us ajjeechaan, hidhaan kamuu duubdeebii qabsoo utuu hintaane uummaata banbansee qabsoo fuulduratti dhiibaa jira. Qabsoon akka nama Qurxummii waadee nyaatuu eeggannoo gaafata. Namni Qurxummii nyaatu eeggataa, haanxaa ykn lafee ishee keessaa ilaalaa nyaachuu baannan, laagaa waraanuun hinhafu. Laagaa waranamtee, kokkeetti haanxaan Qurxummii si qabattee jiraachuun waa danda’amaaree? Namni qabsoo gaggeessuus diina gidduu akka jiraataa jiru dagaggamaaf agachu hinqabu. Isaaniin mil’ataa adeemuun jireenya lubbuusaa cinatti jireenya qabsoo egereef murteessaadha. Haala keessa jiru daawaachaa adeemuun kallattii bahaaf galmaa isaaf karaa saaqa. Karaa Itti jirru karaa boochoo karaa asphaaltii nutti fakkaatuu hinqabu. Bu’aa ba’ii, karaa diilloo ayyaan ilaallattootaaf diilloon halagaa irra guute; karaa gufuuf gufata baay’atu irra adeemaa jirra. Sanaaf karaa qulqulleessuun daandii Bilisummaa uummaataaf baafame sana haalaan bareechaa adeemuun barbaachisaadha. Continue reading

Wallee Warraaqsaa Artist Bilisummaa Jifaaraa.

Aside

Guyyaa Har’aa Gootonni Qeerroon University Mattuu Shira Diinaa Diduun FXG Itti Fufanii Jiru.

Aside

 Sadaasa 9,2017 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu warraaqsa FXG Finiinsuun Shira diinaafi ergamtoota jala dhaabbatan.
Gaaffiin Qeerroo Barattoota Oromoo Gaaffii Uummata Oromooti, Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaaf deebiin hanga Kennamutti Qabsoon itti fufa!! Shirri diinaan mooraa dhaabbilee baarnootaa irraatti xiyyeeffachuun dalagamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, Gaaffii keenyaaf deebiin kennamuu qaba, Presideentiin Yuunibarsiitii Mattuu Dr Taaddasee erga

amaan Wayyaanee shira diinaa dalagaa jiru aangoo gadhiisuu qaba jechuun diddaan isaanii jabeessaan.
Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Shira Mootummaan Wayyaanneefi Ergamtootni Wayyaanee Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo ukkamsuufi Mirga barattoota Oromoo sarbuuf, lubbuu balleessu, hidhaafi gidiraa dheereessuuf shira diinummaa xax
amaa jiruufi xaxamaa ture Qabsoon Jala dhaabbatani Warraaqsa Finiinsu irratti argamuu. Yeroo ilmaan nafxanyoota tigree sakkatta’insa tokko malee Mooraa barnootaa seenaan, ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyii sakkaatta’insaa gudd

 

Continue reading

ONN

Aside

ONN:Haala Oromiyaa Kessatti Deemaa Jiru Laalchisee Marii Bal,aa Ogeessa Dinagdee fi Xiinxalaa Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Ethiopia Dr.Rundaasaa Asheetee Waaliin Goonee Jirru Hordofaa.

TV Gaadisa Dhugaa Gaaffiif Deebi Dr. Gizaachoo Tessoo Waliin

Continue reading

Afarsaa Siyyaasaa Ammaa Jala Dhaabbachuun Dirqama Oromoo Maraati.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aa

 Sadaasa, 6,2017]

“Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti” akkasuma “ariifataan horii gata” jedha Oromoon. Dorgoommiin atiloototaaf fayyada. Fiigicha ariitiis kan itti gargaaramu atileetota. Namni qabsoo mirgaa gaggeessu sardamaa, abdi kutataa miti. Namni qabsoo sabaa gaggeessu tokko haala naannoo isaa miijanee ilaaluu baannan qabsoon isaa duraa akka gufatu maaltu wal’aaleree? Qabsoon kutannoo barbaaddi. Murannoon itti seenuu, kaayyoo ofiif wareegamuun qabsoo keessatti akkaan barbaachisa.

Oromoon garboonfattoota kana faana qabsoo godhu keessatti wareegamuu isaa marruu beekna. Wareegamtoonni keenya kaleessaa kaayyoo Bilisummaa qabatanii “referendum ” utuu jedhanii lubbuun taraniiru. Nutis dhaloonni har’aa “federalism ” jechaa jirra miti. ‘Freedom’ jechuun iyyinee addunyaattis lallabataa jirra. Erga akkas ta’ee qabsoon Oromoon gama kamiinuu, qaama kamiinuu galma haa ga’u, nuti qabsoo kan dhaabuu qabnu hanga Bilisummaatti akka itti fufuun banbansinu hubatuu nurra jiraata. Kaayyoo ilmaan keenya kaleessaa lubbuun darbanii sana ilmaan nyaatee balleessu utuu hintaane, ilmaan kaayyoo wareegamtootaa galmaan gahu ta’uu nurra jiraata. Continue reading