Afarsaa Siyyaasaa Ammaa Jala Dhaabbachuun Dirqama Oromoo Maraati.

Qalbeessaa Dhangi’aa

 Sadaasa, 6,2017]

“Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti” akkasuma “ariifataan horii gata” jedha Oromoon. Dorgoommiin atiloototaaf fayyada. Fiigicha ariitiis kan itti gargaaramu atileetota. Namni qabsoo mirgaa gaggeessu sardamaa, abdi kutataa miti. Namni qabsoo sabaa gaggeessu tokko haala naannoo isaa miijanee ilaaluu baannan qabsoon isaa duraa akka gufatu maaltu wal’aaleree? Qabsoon kutannoo barbaaddi. Murannoon itti seenuu, kaayyoo ofiif wareegamuun qabsoo keessatti akkaan barbaachisa.

Oromoon garboonfattoota kana faana qabsoo godhu keessatti wareegamuu isaa marruu beekna. Wareegamtoonni keenya kaleessaa kaayyoo Bilisummaa qabatanii “referendum ” utuu jedhanii lubbuun taraniiru. Nutis dhaloonni har’aa “federalism ” jechaa jirra miti. ‘Freedom’ jechuun iyyinee addunyaattis lallabataa jirra. Erga akkas ta’ee qabsoon Oromoon gama kamiinuu, qaama kamiinuu galma haa ga’u, nuti qabsoo kan dhaabuu qabnu hanga Bilisummaatti akka itti fufuun banbansinu hubatuu nurra jiraata. Kaayyoo ilmaan keenya kaleessaa lubbuun darbanii sana ilmaan nyaatee balleessu utuu hintaane, ilmaan kaayyoo wareegamtootaa galmaan gahu ta’uu nurra jiraata.

Wayyaaneen adeemsa tubboo jijjiirrachuun nurratti kan qancaraa deemtu ta’uu hinqabu. Dhuka Wayyaanee dhaloota qarxam gochuun cabsu ta’uu qabna. Tubboo jijjiirrachuun wayyaanee yeroo gara yerootti argamaa jira. Tubboo gaafa jijjiirrattu haaraa fakkaatti. Tubboo gaafa jijjiirrattu garraamii fakkaatti. Tubboo gaafa jijjiirrattu partii haqaa fakkaatti. Kanaaf immoo yeroo yeroon tubboo jijjiirtee ittiin uummata keessa danbaliiti.

Tubboon meeshaa bishaan lafa fagoo fuudhee magaalaa keessa bittimsudha. Duuchaatti tubboon Meeshaa dhangalaa’aa of keessa dabarsu. Wayyaaneenis meeshaa Tubboo kanaan Oromiyaa keessa dhangalaati. Meeshaa kanatu biyya Oromiyaa kana keessa danbaliisee dhiiga ilmaan Oromoo kana obaasiisa. Meeshaa tubboo kana barbadeessuun mataansaa wayyaanee dhabamsiisuudha. Hanga meeshaa kana hinballeessinetti, hanga hundee Wayyaaneen lafa Oromiyaa keessa cerecerree hinbaasnetti du’uun keenya itti fufa. Hanga kana balleessuu hindandeenyetti, nii hidhamna, nii reebamna, nii godaansifamna, nii saamana.

Of haaromsa wayyaanee kana itti dammaquun nurra jiraata. Sirna Wayyaanee kanaaf dhabama gochuun alatti sirna wayyaanee kana keessatti bilisomnaan abjuu bara beelaati. Abjuun bara beelaa waa’ee buddeenaaa qofa nama abjoochisa. Waan garbummaa jala jirruuf karaa ebeluu immoo nuu darbinnaa? Lakki karaa ebeluu bilisoomna! Lakki isa kana wayya fakkaata….kana jechuun nama dhagaadhaan buddeen ta’a jedhee eegu nu fakkeessa. Qabsoon Oromoon karuma Oromoo galma gaha. Daboo biraa kadhachuus hindeemu.

Abbaan qabsoos uummatichuma. Kanaaf dirqama irraa eegamu bahuuf dhaloonni ammaa martuu of qopheessaa ta’uu qabna. Dhaloota harka namaarraa bilisummaa eegu taanan, namichi funyoo mormatti nu diree hallayyaa nu buusuu mala. Kanaaf jaarmiyaa ofii jabeeffachuu. Dhaabbilee qabsoo haqaarra jiran kamuu deggaruu. Namni kamuu dirqama irraa eegamu bahachuu. Inni waraana beeku qawwee hidhachuu, inni maallaqa qabu maallaqaan wal tumsuu, inni barreessu seenaa utuu hindabsin barreessee dhaloota egereef olkaahuuf qophaa’uu, inni karaa nagaa diina dura dhaabbataa jiru qeerroo bilisummaa sochii isaa akka qote bulaa makatutti, hojjetaa dabalatutti qamaa Oromoo kamuu akka dabalatutti ammas sochii jabeessuun nurra jira.

Adeemsa midhaan alaa galuurra geenyee jirra. Midhaan waktii Arfaasaa fi Ganna itti dadhabaa bahan Birraa makaratu. Birraa gaafa makaraa Afarsaa qopheeffatu. Afarsaan waamtuu qilleensaati. Midhaan haamame kana dullaan jigii itti bahee erga tumee ykn dhahe booda, afarsaa fudhatee oobdii seena. Afarsaan ija midhaani oobdii qulqullooftuu sanarratti hanbifti. Habaqii darbattee bakkeetti gatti. Habaqiif midhaan adeemsa afarsaan addaan dhilamu. Habaqiin afarsaa jala dhaabbachuu hindandeessu. Midhaan sanarra rukkina ykn heddumina bal’aa kan qabu habaqiidha. Habaqiin ykn galabaan baay’iinaan midhaan ykn callaa sana haa caalu malee afarsaa jala dhaabbachuuf humna hinqabdu.

Habaqii kuntaala tokko irra ija midhaanii tokkotu jabduudha. Habaqiin kuntaalli tokko takkaatti qilleensaan jijimaa bu’anii oobdii gadidhiisu. Qilleensa afarsaa tokkootiin bakki buutee isaanii dhabama. Midhaan jabaadha. Dhaabatee hafa. Kanaaf adeemsi kun adeemsa qabsoo keessattis nii mul’ata. Qabsaa’aan afarsaa siyyaasaa jala dhaabbachuu qaba. Qabsaa’aan nama qilleensaan baatamee gama gamanatti ce’u, ta’uu hinqabu.

Qabsaa’aan fakkaattii ija midhaanii ishee oobdii keessatti haftuu sana. Qabsaa’aan haqaa kaayyoo saba bal’aa imaanaa uummata fudhatee socho’u afarsaa siyyaasaan dirree qabsoo kan lakkisu ta’uun irraa hinjiraatu. Adeemsi qabsaa’ota ittiin dhilanis kanaan wal fakkaatuu mala. Afarsaan siyyaasaa qabsaa’aa haqaaf qabsaa’aa gogaa lama uffatee jiru addaan baasa. “Dubbiin baay’ateef Harreetti hinfe’amtu’ jedha Oromoon. Kanaaf; Afarsaa Siyyaasaa Ammaa Jala Dhaabbachuun Dirqama Oromoo Maraati.

Horaa Bulaa
Qabsoon hanga Bilisummaatti

 

One response

  1. Jn yaada dansaa nu dhiheessitanii gltm jechaa, ” Afarsa siyaasaa” kan yeroo ammaa qabsoo keenya haa xinnaatuu, haa guddatuu miidhaa jiru akkamiin injifanna? Tooftaa fi tardimoon itti irra aannuun maali?GltmOmarSent from my Huawei Mobile

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: