Guyyaa Har’aa Gootonni Qeerroon University Mattuu Shira Diinaa Diduun FXG Itti Fufanii Jiru.

 Sadaasa 9,2017 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu warraaqsa FXG Finiinsuun Shira diinaafi ergamtoota jala dhaabbatan.
Gaaffiin Qeerroo Barattoota Oromoo Gaaffii Uummata Oromooti, Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaaf deebiin hanga Kennamutti Qabsoon itti fufa!! Shirri diinaan mooraa dhaabbilee baarnootaa irraatti xiyyeeffachuun dalagamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, Gaaffii keenyaaf deebiin kennamuu qaba, Presideentiin Yuunibarsiitii Mattuu Dr Taaddasee erga

amaan Wayyaanee shira diinaa dalagaa jiru aangoo gadhiisuu qaba jechuun diddaan isaanii jabeessaan.
Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Shira Mootummaan Wayyaanneefi Ergamtootni Wayyaanee Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo ukkamsuufi Mirga barattoota Oromoo sarbuuf, lubbuu balleessu, hidhaafi gidiraa dheereessuuf shira diinummaa xax
amaa jiruufi xaxamaa ture Qabsoon Jala dhaabbatani Warraaqsa Finiinsu irratti argamuu. Yeroo ilmaan nafxanyoota tigree sakkatta’insa tokko malee Mooraa barnootaa seenaan, ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyii sakkaatta’insaa gudd

 

aan hiraarfamaa oluun Yuunibarsiitii Mattuutti akkan kan hammaatedha. Hiraarsii halkanii guyyaa humnoota tikaa wayyaaneetiin barattoota Oromoo irratti wayita gaggeeffamaa jirutti Ergamaan Wayyaanee presidentiin Yuunibarsiitii Mattuu Dr Taaddasee ilmaan tigree shira barattoota Oromoo irratti dalaganiif eeggicha guddaa gochaafi jira. Akka isaan sakkatta’insa tokko malee mooraa Yuunibarsiitii seenanii bahan gochaa utuu jiruu Goototni barattootni Oromoo warraaqsaan dura dhaabbatan. Gabaasa dabalatan walitti deebina.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: