(Ijoo Dubbii ABO Onk. 16, 2017)
Qabsoo haqaa Sabni Oromoo Walabummaa isaa gonfachuuf geggeessaa turee fi jiru adda durummaadhaan kan hoogganu Addi Bilisummaa Oromoo Akeekaa fi Kaayyoon isaa galma gahiinsa qabsichaa ti. Jaalalaa fi deggersi dorgomaa hin qabne kan Ummatni Oromoo Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromootiif qabus Akeekaa fi Kaayyoo Dhaaba kanaa tolchee hubachuu fi kiyya jedhee itti amanuu irraa kan maddee dha. Kunis firii wareegamaa fi qabsoo hadhaawaa ABOn ummata ijaaruun waliin wareegamuu irraa kan argame malee akkasumatti bilaasha kan dhufe miti. Continue reading


