Adoolessa 16,2017/ Uummanni Shaggar lixaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu Qeerroon naannoo Sana’a addeessan.akka gabaasa qeerroo naannoo sanaatti rakkoowwaan jireenyaa ilma namaaf barbaachisan kan akka,tajaajila Daandiin, Ibsaa,Bishaan fi kkf guutummaatti surni nama nyaataa mootummaa wayyaanee ummatarraa kuteera uummanni rakkoo guddaa keessatti argama.
Kun kanaan osoo jiru uummanni dalagee jiraachuu hin dandeenye,tajaajila uummanni argaachuu qabu kutuun gibira humnaan olii nurratti fedhuun mirgaa fi haamilee keenyaa cabsaa jira jechuun uummanni quba nyaachaa jira.sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee kun ilaalcha gad aanaa waan qabuuf hanga kana duraa karaa hedduun duguggaa Sanyii nurratti raawwaachaa ture ammammoo karaa gibiraa uummata keenyaa biyya mancaasuuf waan kadheef sabni Oromoo dammaquu qaba.qaamni sagalee guddaa qabu akka qeerroo kutaa maraa gurra nubuusan nudhaama jechaa jiru qeerroon naannoo sanaa. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk