Adoolessa 17_2017/Wayyaaneen TPLF bifa kasaaraa dinagdee dhibbantaa 85% keessa galee jiru suphachuuf jecha ummata Oromoo irratti gibira gara malee fe’uun beekamaa dha haalli kun gibiraan uummata saamu mormuun Qeerroon Jalduu hardha guyyaa guutuu FDXG finiinsaa ooluun mootummaan Wayyaanee fi lukkeelee isa muddama keessa oolcheera.muddama kanaan kan kadhe lukkeelee isaani konkoolaachiftootaa fi imaaltoota konkoolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi saamicha gaggeessa oluusaani Qeerroon addeessa.
Konkolaachisaan maqaansaa DAANYEE TAARIKUU jedhama reebichaan miidhaa cimaa irra geessisuun mallaqa (qarshii)5700 ykn kuma shaniifii dhibba torba naannoo Ginciitti samaniiru.akkasumas yeroof maqaansaanii adda baafamuu baatus saamicha kana namoota hedduurra geessisaniru.
Akkasumas guyyaa hardhaa lixaa shaggar aanaan Baakkoo Tibbeetti duulli gabaasa lagachuu eegaleera. Suqonnii fi manneen nyaataa tokko tokkoos cufamanii akka oolan qeerroon Baakkoo Tibbee addeessan. Diddaan kun hanga sirni nama nyaataa kun diinni saba keenyaa kun gochaa dinummaasaa nurratti rawwachaa jiru nurraa kadhutti waan eegalle itti fufna jechaa jiru.
Haaluma kanaan qeerroon Baakkoo Tibbee FXG fi Diddaan gibira seeraan alaa kana hangar dhabutti diddaan bifa wal fakkaatuun kutaa hundatti akka gaggeeffamu dhaammataniiru.gabaasa biraa dudduubaan…
Galanni kee hin badin.