Godina Lixa Shaggar Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufee Jira,Manneen Daldhalaa Hojii Dhaaban,Warraanni Wayyaanees Ambo Keessatti Ummata Irratti Dhukaasa Bane.

AmbooAdoolessa 16/2017 Galgala keessaa sa’a 2:50 irraa eegalee Magaalaa Amboo Keessatti Dhukaasni cimaan kan waraana wayyaanee irraa uummatatti baname , gara naannoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboottii Waraanni Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata sivilii irratti banuun dargaggoota Oromoo Lama Wareeguun Ibsame jira, Kanneen madeeffaman hanga gabasni kun nu gaheetti adda kan hin baanee ta’uu maddeen Qeerroo Magaalaa Amboo addeessaan. Magaalaan Amboo galgala kana caalaatti gara dirree waraanaatti waan jijjiiramte fakkaatti , gabaasaa dabalataan walitti deebina.

Kana malees daldaltooti magaalaa Gincii sirna Wayyaanee kana irra baachuu hin dandeenyu jechuun manneen nagadaa isaanii cufanii jiru. FXG amma bifa haaraan Oromiyaa keessatti eegale kun yeroo gabaabaatti akka guutuu Oromiyaa wal gahu Qeerroon addeessee jira.

Gidduugaleessaa Oromiyaa, Magaalaa Burraayyuu keessatti, sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaachuun Mormiin dachaa sadii(3) oliin dabaluun, gibiraa fi Qaraxa adda addaa uummata akkam kan dheekkansiise yoo tauu, Qeerroon Oromoo Magaalaa Burraayyuu, roorroon uummata keenyarraa dhaabbachuu qaba jechuun, Burraayyuu, Kattaa fi Ashawaa Meedaa jedhamutti Sochii Warraaqsaa finiinsuun, konkolaataa fi Taaskiiwwaan ajajaa fi tajaajila mootummaa wayyaaneetiin socho’anii fi konkolaataa manaa kan abbaan qabeenyummaa isaanii kan aangawootaafi ergamtoota wayyaanee kanneen ta’an irratti Tarkaanfii fudhatanii jiru.

 
Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa itti fufinsaan gaafachaa jirruuf deebiin qubsaa hanga nuukennamuttiifi Master Plan Finfinnee hanga haqamutti, falmaa irraa hin dhaabbanu! jechuun Qeerroon dhaamsa dabarfatanii jiru.

Haaluma kanaan, guyyaa har’aa sa’aa boodarraa eegaluun sochiin kun magaalaa Burraayyuu keessatti kan jabaate yoo tauu, mootummaan wayyaanee humna poolisaa federaalaa fi komaandii poostii heddumminaan gara Burraayyuutti bobbaasee uummata goolaa jiraachuun ifa ta’eera.

Magaalaa Amboofi Gudar Keessattis mormiin kan itti fufee jiruu yoo tauu, magaalaa Gudaritti daldaltootni guutummaatti dunkaanaa(Suuqii) isaanii cufuun mormii sirna wayyaaneef qabaniifi balaaleffaannaa daballii gibiraa mormaa jiraachuu ibsatan. 
 
Magaalaan Amboo dirree waraanaa fakkaatee muddama ulfaataa keessa jiraachuu maddeen Qeerroo ifa godhaniru. 

 

 

Leave a comment