Nov 19,2016
Mootummaan murna bichuu wayaanee uummata nagaa saamuuf hiraarsuutti fulleeffachuun Bakkeewwan hedduu keessatti barattoota Oromoo sadarkaa tokkooffarraa qabee hanga qophaa’inatti jiru gaafachuuf wixxifachaa kan jirtu yoo ta’u,Baajeta kanaan humna diinaa hidhatee uummata gidirsu nyaachisuuf munyuuqaa jiraachuun ifadha.
Haaluma kanaan Ona Wallaggaa Aanaa guutoo Giddaa mana barumsaa qophaa’ina Uukkee barattoota kutaa 11_12ffaa barataniin dirqamaan maallaqa qarshii dhibba lama lama fiddan malee barachuu hin dandeessan jechuun barattoota gidirsaa jiraachuu maddeen Qeerroo naannichaa dubbatu.Mana barumsaa kana keessatti adda durummaan duula barataa gidirsuuf kunaaanuurrati kan fuulleffachaa jiru daarokteerri mana barumsaachaa Asfaahu Allaabbachoo barattootarraan dhiibbaa gurguddaa geessisaa kan jiruuf command post magaalattii keessa socho’us adda durummaan kan ajajaa jiru ta’uu jiraataan naannoo naaf ibsanii jiran
Haaluma kanaan achuma mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Ukkee kan qophaa’inaan wal keessa jiru keessaa Barataa kutaa 9A kan ta’e Barataa Sanyii Gonfaa Immiruu fi yeroof kan maqaasaa hin argatin jirru irratti manni barumsaa adaba waggaa lamaan barnootarraa sababa muusiqaa afaan Oromoo dhaggeeffataniif qofa isin ABO dha alaabaa ABO moobayila keessaa qabdu jechuun badii tokko malee moobaayila
barattoota danuu sakkata’anii barattoota lameen kana hidhaaf umuriin hin geenye jechuun waggaa 2,2 barnootarraa adabuun Asfahu Allaabbachoo daanikteera mana barumsaa ukkee sadarkaa lammaffaa dararaa hammas hin jedhamne dhaqqabsiisaa jiraachuun himame
Daily Archives: November 19, 2016
HOOKARA HOONGAHAA, WAL GAHII WAL DHAHAA;(Walaloo)
Aside
QIXXEESSAA LAMMII IRRAA
Hookara Hongahaa, Wal gahii Wal dhahaa,
Shiraa fi daba malee, Maaltu keessaa baha.
Karoora diigamsaa, Adeemsa adawwii,
Afaan guutatanii, Yoo jedhan wal gahii,
Bitaa natti galee, Hubachuu barbaadee,
Obsee irra ciisee, Oolee bulee yaadee,
Wolaloo atamtu, Kurfaawee dhihaate?
Gammachu moo gaddaan, Walgahiin simate?
Abaarsa moo eebaan,Walgahin fudhate?(2)
Wal xiqqeessuun fayyaa? Hawaasni gabroome?
Kanatu na dhibee,Yaboo, Natti himaa mee,
Teessuma sanatti Ani baay’ee quurramee,
Hedduu jala ceeree, Qalbiin itti dhibamee,
Ijaarsa moo diiggaa? Mee maal haa jetnu mee?(2) Continue reading
Hojjettoota Waajjiraalee Baankii Daldala Xoophiyaa fi Teelee/Ethio Telecom akkasumas Dhaabbata Ibsaa Xoophiyaa keessa jiraniif!
Aside
Noolee Buttaa irraa (17/11/2016
Akkuma beekamu, biyya tokkoof dhalootni biyyi qabdu murteessaadha.Labata/Dhaloota biyyi tokko qabdu keessaa isaan armaan gadii daran murteessoodha!
1.Gootummaa/Jaynummaa:- gootni biyya tokkoof maatii fi saba keessatti dhalateef murteessaadha.Gootni ejjennoo jabina qabu,gootummaan dhugaa fi haqa ofiif qabu,roorroo isaa fi maatii akkasumas gosaa fi biyya isaatti dhufu qolachuufis barbaachisaa fi murteessaadha! Kanaaf,maatiin gosti fi lammiin akkasumas biyyi tokko goota/jagna(jayna) horachuun barbaachisaadha.
2 Beekaa:- Biyyi tokko beekaa yookiin hayyuu qabaachuun waan murteessaadha.Kana keessatti barnooti aadaa duudhaa fi safuu akkasumas toobaa fi toobbana saba ofii eegee barnoota ammayyaa wajjin saba ofii tajaajiluuf hedduu gargaara.Dhalootni beekumsa akkasiin biyya isaa gargaarus, Beekaa/Hayyuu jedhama.
3 Qaruuxee/Gamna:- kanneen armaan olitti jedherraa, kanneen waa hubachuufi akkataa deebii waan barbaadameefi mala/tooftaa/ barbaadamuuf furmaata waan tokkoo ka’anii fi dhawan gamna jedhamu. Continue reading
WBO ABDII HIN MURIN
Aside
Barataa Dachaasaa Deebisaatiin
Gammoojjiin marfamtee
Marfama gidiraa
Sakaalamtee bultus
Bultii bitintiraa
.
Faannikee luqqaa’ee
Yoo koomeen si dhubbu
Gadhee si haa loltuu
Sanyiinkee si hin jibbu
.
Jireenya bosonaaf
Rifeensa jijjiirrattus
Dhibee gammoojiitiin
Yoo dararamtus
.
Ilmaan gadadoof dhiphinaa
Sirratti wal horee
Gufuuf qarri jirmaa
Waraanee si muree
.
Waakkii bishaaniitiin
Dhaanamtee yoo bultu
Waan dhugduu dhabamee
Yoo corroqa dharraatu Continue reading