
Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Waggaa 11ffaa Sadaasa 9,2005, Yaadannoo Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa Fincila Xummura Garbummaa (FXG) Ebla 11,2014 Qabsiifamee Bifa Adda Ta’een Sadaasa 12,2015 Warraaqsa Dhoofamee Boqonnaa Tokko Malee Waggaa Guutuu Gaggeeffama jiru İlaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa dabarse.
Sochiin seenaa qabeessi Warraaqsi FDG Sadaasa 9 bara 2005 waamicha Qabsoo karaa nagaa ABO uummata Oromoo hundaaf godheen qabsiifame keessatti dargaggootni Oromoo, Barattootni Oromoo fi qonnaan bultootni bifa qindaa’ee fi İjaarameen itti hirmachuun wareegama qaalii baasuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkuun bilisummaa ofiifi walabummaa biyya jecha bara Oromoon gamtaan waamicha godhameef simatee falmachuutti jabaate dha.
Goototni Oromoo wareegama qaalii gootummaan hiriiruun lubbuu deebitee bakka buusaa hin qabne kennuun saba isaaniif falmachuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu biyya keessatti gadi jabeessuun uummata gidduu jiraachisuu danda’uu irra darbee Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’a bifa jaarmiyaan ijaaramee qabsich bifa qindaa’een gaggeessuun sochii FDG irraa gara Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXGtti tarkaanfachiisuun abbaa irreetti xummura gochuufi Uummata Oromoo balbala Bilisummaa irraan gahee jiruuf bu’uura kana buusuun danda’amedha. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk