Barattoonni Oromoo Yuuniverstii Finfinnee fi Maqaleen Calleensaa fi Gaddaan Gochaa Hammeenya Wayyaanee Ibsataa Jiru.

Aside

231

Yuuniversitii Finfinnee

Finfinnee

Finfinnee

Mudde,7 bara 2015 Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee gamtaan hiriiruun ayyaana Sabaa fi sab-lammii Wayyaanee kabajju irratti calleensaan gadda isaanii muldhisuun gochaa sirnichaa diduu muldhisan. Kana irratti dabalees Barattooti Oromoo Yuuniversitii Maqalee guyyaa har’aa gaddaan baratoota Oromoo rasaasa Wayyaaneen dhuman yaadataa oolan.

Yuniverstii Maqalee

Yuniverstii Maqalee

Shaggar Sulultaa fi Horroo Guduruu Aanaalee Hunda Keessatti FDG Jabinaan Itti Fufee Jira.Loltooti Wayyaanee Warraaqsa Dhaamsuu Hin Dandeenye.

Aside

Mudde 07,2015 Gabaabsa Qeerroo

Shaggar Sulultaa keessatti diddaan sirna abbaa irree Wayyaanee jabaatee itti fufuun uummanni gamtaan ka’uun sa’aa ammaa kanatti guutummaatti FDG gaggeessaa jira.Kana malees har’a Muddee 7,2015 Godina Bahaa Wallaggaa Aanaa Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu fi Nuunnuu Qumbaa keessatti Warraaqsii FDG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi Uummata Qonaan Bultoota Oromoon Haalaan
Jabaachuun Warraaqsii Diddaa Garbummaa Lafa Sochoosa jira, Barataan Oromoo Tokko Giddaa Ayyaanaa irratti rasaasan rukutamee jira.
Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun diddaa isaanii haalan jabeessan. mootummaan Wayyaanee sochii FDG uummatni karaa nagaa gochaa jiru irratti dhukaasa banuun goolaa jiraachuun ibsame. Aanaa Giddaatti dhukaasa Wayyaaneen uummata irratti baneen barataa Saamu’eel Kabbadee barataa kutaa 12ffaa rasaasan rukutamee mana yaalaa galee jiraachun ibsame jira.Goototni Barattootni Oromoo dhukaasaa wayyaanee dura dhaabbachuun dhaadannoowwaan itti aanuu kana sagalee guddaan dhageesisuun FDG jabaatee itti fufe.

 

Arjoo Guduruu

Arjoo Guduruu

Sulultaa

Sulultaa

Sulultaa mudde 7

Sulultaa

Har’a Mudde 7,2015 Shaggar Kibba Bahaa Tullu Boolloo fi Horroo Guduruu Magaala Gabatee Akkasumas Anfilloo Qeellam Keessatti FDG Itti Fufe.

Aside

Anfilloo Magaalaa Muggii

Anfilloo Magaalaa Muggii

Horro magaalaa Gabatee

Horro magaalaa Gabatee

Har’a Mudde 7,2015 Shaggar Kibba Bahaa Tullu Boolloo fi Horroo Guduruu Magaala Gabatee Akkasumas Anfilloo Qeellam Keessatti FDG Itti Fufe.

Godina Shaggar kibba dhihaa garuma Yuunibarsiitii walqixxeetti kan dhiyaattu magaalaa tullu boollottis gaaffi abbaa biyyummaa Barattoonni dhiyeessaniin Magaalaan tullu boolloo humna waraanaan marfamtee jirti.

Qeellami Anfilloo fi Horroo magaala Gabatee keessatti barattooti manneen barnoota Qophaayinaa haala qindaaween diddaa isaanii deemsifaa jiru,haala kanaan waraanni Wayyaanee doorisisuu fi barattoota akka hiriira irratti hin hirmaatne guddoo rakkisaa jiraachuun beekame.

 

Barattooti Oromoo Yuniverstii Diillaa fi Walqixxee Diddaa Itti Fuun Waraanni Wayyaanee Gaazaa fi Ulee Sibiilaan Walqixxeetti Dhimma Bahaa Jira.

Aside

Mudde 7,2015 Gabaasa Qeerroo

Barattooti Oromoo Yunivarsitii Dillaa guyyaa har’aa FDG itti fufanii jiru.Barnooti guutummaatti dhaabbatee jira. Kana malees Yuunibarsiitii Walqixxees sagalee isaanii dhageessisuun mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo daguugaa jiru balaaleffatan. Qeerroon Yuunibarsiitichaa har’a ganama obboroo walga’uun gaaffii aabbaa biyyummaa erga bulchiinsa mooraa Yuunibarsiitii Walqixxeef dhiyeessaniin booda,humni tikaa itti bobbaafamuun barattoota Oromoo gaasii summii,uleedhaanis kan caccabsan ta’us,biyya abbaa keenyaa kabachiisuuf wanti dugduuba nu deebisu hinjiru jedhaniiru Humni tika qabeenya barattootaa saamaa kaan mana hidhaatti guuraa kan jiru yeroo ta’u, Barattoonni barnoota dhaabanii jru.

Mooraa Yuuniversitii Adaamaa, Amboo, Finfinnee, Hawaasaa fi Jimmaatti Har’a FDG Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 07,2015 Finfinnee

32Mooraa Yuuniversitii Adaamaa, Amboo, Finfinnee, Hawaasaa fi Jimmaatti har’a FDG itti fufee jira. Yuuniversitiiwwan kanneen irra adda kan taasisu yuuniversitii Adaamaa keessatti FDG qabatee jiru kan dhaamuu fi humna waraana wayyaaneen boodatti deebi’u osoo hin taanee kan ijaarsa hundee gadi fageeffatee jiru hojjettoota mootummaa mooraa yuuniversitii guutummaa habashaa irraa kan hafe, barataan oromoo guutummaan yuuniversitii keessaa miseensotaa fi deggertoota OPDO dabalatee gaaffiin keenya gaaffii sabaati gaaffiin kenya lafaati saamamuu lafaa fi ciramuu lafa keenyaa jabeessine mormina kan jedhanis msieensota OPDO gaaffii abbaa biyyummaa har’a FDGn magaalaa fi mooraa yuuniversitii Adaamatti gaggeeffamaa jira.Humni waraanaa magaala Adaamaa buufatee jiru kan har’a magaala Finfinnee irraa ergame poolisii federaalaa lakkoofsa 5,6, fi 7 keessa magaala Finfinneetti argamu  diddaa yuuniversitii Adaamaa dura dhaabbachuuf guuuramee jira.

Dhaadannoowwan yeroo amma barattootaan gaggeeffamaa jiran
-Abbummaan oromiyaa oromoodhaan haa mirkanooftu
-Maaster Pilaanii tooftaa duguuggaa sanyii ilmaan oromoof kaayyeffameedha hojiirra ooluu hin qabu
-caaseffama magaala oromiyaa jedhamee bahe ni mormina
-Mootummaan wayyaanee nun bulchin
-Qaroon keenya WBO dha!
-Abdiin keenya ABO!
-Gumaa barattoota keenya ni baasna!
-Alagaan nun dhaalin!
-Maasteer pilaanin gonkumaa hojirra hin oolin
jechuudhaan har’a ganama sa’a 1:00 irraa kaasee FDGn magaalaa Adaamaa fimooraa yuuniversitii Adaamaa akkasuma koollejjiwwan garagaraa magaala Adaamaa keessatti itti fufee jira.
Oromiyaan hanga bilisoomtutti, diinni uummata oromoo mootummaan wayyaanee abbaa irree hanga xumuree oromiyaa gadhiisutti diddaan Qeerroo fi uummata oromootiin itti fufa!

Godina Harargee Aanaa Ciroo fi Godina Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti FDG “Dinne Didaa” Jedhu Qabatee Uummanni Jabinaan Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jiraachuu Qeerroon Gabaase

Aside

Muddee 7,2015 Gootonni Barattooti Oromoo godina Harargee Aaanaa Ciroo sirna mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuun guyyaa har’aa hiriira mormii guddaa bahuun gaaffii mirgaa kaasan, kana malees Godina Lixa Shaggaritti warraqsii FDG Guddaan Uummata Oromoo Magaalaa Amboo , Yuunibarsiitii Amboo, Qonnaan Bultoota Amboo fi Magaalaa Gudar, Qonnaan Bultoota Aanaa Tokkee Kuttaayee fi Barattoota Oromoo Magaalaa Gudar Dabalatee Warraaqsii Seenaa qabeessi bifa adda ta’een gaggeeffama jira. Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin
Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun Uummatni Daandii konkolaataa cufee Hiriira
Mormii guddaa itti fufee jira. Qonnaan Bultootni Oromoo AMBOO-GUDAR daandii konkolaataa cufuun Warraaqsii FDG haalaan jabaatee jira,
Waraanni Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti sagalee dhukaasaa Gurguddaa nama naasisu dhukaasa jira, Gaazii
Summaa’aa Uummatarratti waraanni Wayyaanee dhukaasaa jiruun Magaalaa GUDAR keessatti qonnaan bultootnii fi uummatni hedduun kukkufee
jiraachuun ittumaa Warraaqsaa Mormii uummatni gaggeessa jiru ulfaachisee jira.

Kana malees  Barattootni Oromoo AANAA MIDAA QANYII M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa warraqsaa FDG Guddaa Uummata Oromoo Magaalaa Ballammii fi Goototni Barattoota Oromoo MIDAA QANYII Warraaqsaa FDG dhoosuun mootummaa abbaa
irree wayyaanee dura dhaabbatan. Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun goototni Barattootni Oromoo dhaadannoowwaan itti aanuu kana sagalee guddaan dhageesisuun FDG jabaatee itti fufe. Dhaadannoo haala walfakkaatuun dhageesifama jiru:
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba,
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu, mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n bakka nu hin buutu, mootummaan uummata isaa ajjeesuu addunyaa irra hin jiru.
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba,
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu,
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa
fi dimookiraasiiti, jechuun Waarraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan, Waraanni Wayyaanee lakkoofsaan Heddumina qabau uummata irratti
bobba’ee jiruun wal dura dhaabbachaa jiru.

 

 

Ummanni Magaalaa Dambi Doolloo Walgahii Wayyaanoti Yaaman Gamtaan Dide,Manneen Barnootaa Hundi Akka Cufamanitti Jiru.

Aside

Mudde 07,2015 Dambi Doolloo

Ummatni magaala Dambi Dolloo walgahii aangawoonni OPDO Wayyaanee yaaman diduun diddaa fi jibbiinsa sirna mootummaa Wayyaaneef qaban ifatti muldhisaa jiru.

Guyyaa kaleessaa fi har’aa gandootiin Yaabaloo fi Biiftuu jedhaman nama mootummaa Wayyaanee bakka bu’u tokkotti haasawuu waan hin feeneef akka gara keenyatti dhuftan hin barbaadnu jedhanii jiru, barattoota waliin gamtaan dhaabbatanii FDG gaggeessas jiru.

Waraanni Wayyaanee haala kana sodaachuun humna guddaa Gambeela irraa gara Dambi Doollootti guuree qubachiisaa akka jiru Qeerroon gabaase.

Abbootiin Amantaa Haala Biyya Oromootaa fi Sochii Barattootaa Irratti Maal Jedhuu??? /TVOMT/SBO

Aside

FDG Oromiyaa Dhihaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaayi Coomaan Suluulaa Finca’aa Keessatti Jabaatee Itti Fufe!!‏

Aside

diddaa9Muddee 7/2015 Godina Horroo guduruu Wallaggaa Aanaa Abbay Coommaan Sululaa Finca’aa keessatti Warraaqsii FDG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaan daran haalaan jabaatee itti fufe! Guyyaa har’aa ganama Baree Lafaa irraa
eegaluun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun Sagaleen Dhaadannoo guddaan Suluula Finca’aa keessa dhageesifama jiraachuu Maddeen Keenya gabaasu. Dhaadannoowwan Walfakkaataa Amboo irraa dhageesifamaa jiruu Suluula Fincaa’aa Horoo guduruu keessaas itti fufuun dhageessisan.:
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba,
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu,
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba,
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu,
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa fi dimookiraasiiti,jechuun Warraaqsa haalan jabaata ta’ee fi uummata
Oromoo Jirattoota naannoo warshaa kan hirmaachise ta’uun gabaafame.

Warraaqsi Biliisummaa Yuuniversitii Amboo fi Oromiyaa Bakkoota Kaan Har’as Itti Fufee Mootummaa Wayyanee Sardaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde,07,2015 Amboo

AboooMuddee 7,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo fi uummaatni Oromoo Amboo Warraaqsaa FDG dhoosuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun warraaqsaa FDG qabsiisuun Ganama barii Irraa eegaluun Warraaqsii Magaalaa Amboo keessatti Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo fi Uummata Oromoo Magaalaa Amboon Itti Fufe.
Dhaadannoo Guddaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo fi Magaalaa Amboo fi Mooraa Yuunibarsiitii Amboo Main Campus keessattidhaadannoowwan Qabasoo bilisummaa OPromoo faarsuu fi Warraaqsaa FDG leellisuu dhageesisuun qabsoo finiinsuu eegalan.Dhaadannoowwan:
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba,
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu,
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba,
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu,
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa
fi dimookiraasiiti,
Gaaffii uummataa Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii Adeemaa jiruuf Fallaa sopchii kana Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun UUmmata goolaa jira. Magaalaan Amboo dirree Waraanaa fakkaatti. Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo gamtaa isaanii jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Gabaasaan itti fufa…