Gabaasa Qeerroo Mudde,07,2015 Amboo
Muddee 7,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo fi uummaatni Oromoo Amboo Warraaqsaa FDG dhoosuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun warraaqsaa FDG qabsiisuun Ganama barii Irraa eegaluun Warraaqsii Magaalaa Amboo keessatti Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo fi Uummata Oromoo Magaalaa Amboon Itti Fufe.
Dhaadannoo Guddaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo fi Magaalaa Amboo fi Mooraa Yuunibarsiitii Amboo Main Campus keessattidhaadannoowwan Qabasoo bilisummaa OPromoo faarsuu fi Warraaqsaa FDG leellisuu dhageesisuun qabsoo finiinsuu eegalan.Dhaadannoowwan:
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba,
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu,
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba,
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu,
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa
fi dimookiraasiiti,
Gaaffii uummataa Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii Adeemaa jiruuf Fallaa sopchii kana Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun UUmmata goolaa jira. Magaalaan Amboo dirree Waraanaa fakkaatti. Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo gamtaa isaanii jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Gabaasaan itti fufa…
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist