Mudde 12/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan, Mooraa Yuunibarsiiti Jimmaa Arfan keessatti warraqsii jabachuun itti fufe. Guyyaa kaleessaas itti fufuun akkuma warraaqsa finiinsuu egalaniin
hoomaan waraanaa yeroo moora Main Cumpasitti barattotatti seensifamu, Barattootni mooraa gadi lakkisuun Magaalaa Jimma keessatti walitti qabamuun sagaalee dhaadannoo dhageesisuu itti fufan . Humnootni tikaa Wayyaanee fi loltootni abbaa irree barattoota Oromoo irratti gaazii
Summa’aa dhukaasuun qabanii hidhaatti guuruu irratti argamu.kanneen ukkanfamuun qabaman keessatti barattootni dubaraa fiigaanii jalaa ba’uu hin dandeenye akka heddummatan hubatame jira. Kanneen keessa
1. Kibbee Lamuu Barattuu Muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
2. Zannabach …Barattuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
3. Magartuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
4. Bashaatuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa. Kanneen
Shammarran Oromoo kun yeroo qabamanitti gootummaan dhadachaa fi tokkummaa jechaa akka qabaman barattoota kaan irraa beekamee jira.
Daily Archives: December 12, 2015
Duula “DINNE DIDAA” Shaggar Lixaa Keessatti Mudde 12,2015 Deemaa Jiru.
Aside
Gootonni Barattooti Oromoo Yuniversitii Haromaayaa Irraa Qabamanii Mana Hidhaa Haromayaa fi Harar Jiran Birmatnaa Isaan Barbaachisa.
Aside
FDG Muddee 12,2015 Oromiyaa Bakkoota Gara Garaa
Aside
Diddaa Gabrummaa Ginda Barat Muddee 12.2015
Aside
Yuniversitiin Jimmaa Mooraa Kittoo FDG Itti Fufanii Jiru,Waraanni Abbaa Irree Wayyaanee Mooricha Marsee Barattoota Gidirsaa Jira.
Aside


Aside
Muddee 12,2015 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa AMBOOtti Warraaqsii Biyyaalessa Oromiyaa FDG haalan jabachuun itti fufe, humni waraanaa
Agaazii fi Humni Poolisii Federaalaa humnaa Olii fi Humni ittisa biyyaa Magaalaa AMBOOtti guuramaa jiraachuun itti fufe, daandiin bakkoota hedduutti cufamee jira. dhukaasni Meeshaa gurguddaadhan Magaalaa Amboo irratti baname jira.… gabaasaan itti fufa!
Aside
Mudde 12/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo fi Baadiyyaa walisootti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe,Addatti Qonnaan Bultootni Walisoo Aanoota akka wancii, Roggee, fi Ammayyatti warraaqsii Haalan jabaachuun itti fufe. Waraanni Agaazii fi humni ittisa biyyaa uummata irratti waraana banuun guyyaa kaleessa hanga har’atti namootni 7 Wareegamuun mirkanaa’ee jira. Guyyaa
kaleessa sa’a booda irraa eegaluun network balleessuun uummata Baadiyyaa walisoo Irratti waraanni baname. Kanneen madaa’an lakkoofsaan hedduu ta’uu fi kanneen wareegaman hedduu ta’uu ibsuun, hanga ammatti namootni 7 wareegamuun ibsame. Guyyaa hardhaas Warraaqsii jabaachuun itti fufee jira…gabaasaan itti fufa.
FDG Magaala Qarsa Godina Haragee Bahaa, Muddee 12,2015
Aside
Aside
Mudde 12,2015 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun Wallagga Dambi Doollootti waraana isaa guuraa jiru dhalootaan Tigiroota kan ta’an qofa naannichatti geessuun ganda 03 keessa qubaachiisaa akka jiru beekame. Ummanni diddaa isaa daran jabeessee jira.
Yuniversiti Wallaggaa Naqamtee ammoo barattooti baadiyyaatti guuramaa jiru.










