Godina Lixa Shaggar Keessatti Uummanni Oromoo Gamaa Gamanaa Malakata Afuufuun Wal Yaamee Milishootaa fi Poolisoota Irraa Meeshaa Hikkachiisaa Jira.

Aside

Muddde 17,2015 ,

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo gandoota baadiyyaa kan akka Boombii Musguree fi Daalachaa keessatti Mormiin uummata itti itti fufee jira.

Ummatni gamtaan malakata afuufe sirba yaa’a halkan Edaa (17/12/2015)hidhataa gandaa tokko osoo bira hin dabarre qawwee irrs gurrachaa jiru. Amma halkan illee imala isaanii itti fufan jedhan. qaamni motummaas polisiin sodaatte caluma jetti. Agaazin waan wal hanqate fakkata hanga amma irra hin dhaqabne. ummatnis ykn hidhattonni erga humni motumman laafee nu dhaqabuu dide jedhanii lubbu isaani sodaf jecha mormi tokko malee hidhannoo isaani hikatani kennaa jiru.

Aside

Mudde 17,2015  Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa jabaachuun itti fufe, Waraanni Wayyaanee Dhukaasaa uummatarratti baneen Milishaan gandaa maqaan isaa Guutuu Margaa kan jedhamu Wareegame jira. Milishoonni aanaa Midaa Qanyii hundi mootummaa ganuun hidhannoo isaanii waliin uummata waliin hiriiruun falmachuu murtii dabarfachuun hiriiratti makaman, Warraaqsii uummataa kun  Qonnaan bultootaa, hojjettootaa mootummaa, milishootaa gandaa fi dargaggoota Barattoota Oromoo hundaan jabaatee itti fufe. haalli kun kan isa yaaddesse mootummaan wayyaanee waraana humna raayyaa ittisa biyyaa fi Agaazii gara Midaa Qanyiitti hedduminaan guuraa jiraachuun ibsamera. waraanni wayyaanee kunis dhukaasaa uummatarratti banuun milishaa gandaa tokkoo ajjeesuun namoota hedduu madeessuun gabaafamera.

Warraaqsa kana dura dhaabachuuf Guyyaa har’aa Mootummaan wayyaanee waraanaa ittisa biyyaa (mekalakiyaa) fi humna agaazii guddaa konkolaataa 7tti fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti imaluun uummata nagaan mirga isaaf falmachaa jiru irratti dhukaasaa waraana banuun milishaa gandaa abbaa maatii 10 ajjeessan Dhukaasaa waraanaa guddaa bananiin guutummaa aanaa Midaa Qanyii jeeqaa olaniru, namootni madaa’an hedduu ta’anis ammaf maqaan kan adda hin baafamne ta’uun ibsame jira.milishaan gandaa wareegame kunis  Obboo Guutuu Margaa Milishaa Ganda Soolee Keenjoo kan jedhamu ta’uu maddeen mirkaneessaniru.daandiin konkolaataa bakkoota hedduutti galgala kana cufamaa jira.

Aside

Muddee 17, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti  Mootummaan Wayyaanee labsii Waraanaa dabarsuutti uummatni haalan dheekkame.  Ganama har’aa irraa eegalee Uummatni Oromoo Meettaa Roobii kuma 16 oliitti tilmaamamu hiriira mormii dhageesisuuf ba’ee, Uummata karaa nagaa mirga isaaf falmu irratti waraanaa banuun har’a Meettaa Roobitti barsiisaan Oromoo Taddasaa Tsaggaayee wareegame. Uummatni namootni hedduun kan ammaaf baay’ina isaanii adda baasuun hin danda’amne madaa’aniru. waraanni uummatarratti banames itti fufe jira.Haalli Meettaa Roobii dachaan ulfaate jira.

Aside

Mudde 17,2015  Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe Godina Wallagaa Bahaa Waamaa Hagalootti Warraaqsii daran jabaachuun itti Fufe, Guyyaa hardhaa Aanaa Waamaa Hagalootti warraaqsii finiina jira, uummatni Baadiyyaa fi Magaalaa hin Hafnee hunduu ba’ee falmachuu irratti argama. Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan Magaalaa Ijaajjii keessatti warraaqsii  guyyoota Sadiif itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Magaalaan Ijaajjii Dirree waraanaatti jijjiramee jira.

Aanaa Midaa Qanyiitti Warraaqsii  Uummataan jabaachuun hojjettootni mootummaa hundii hojii dhaabaan, Milishoonnii gandaa Uummataa waliin hiriiruun Mootummaa Wayyaanee Ganuun Uummatatti hidhannoo isaanii waliin harka kennatan , Mootummaan Wayyaanee Har’a Humna waraana Isaa guddaa konkolaataa 7 Fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti geessa utuu jiruu Daandii Konkolaataa Leencaa irraan jallatee Midaa geessuu bakka Goodaa Abbaa Caalaa jedhamuun Beekamutti uummatni riqicha kutuun waraanni wayyaanee karaa darbee Midaa seenuu dhabuun rakkacha jiru. Aanaa Calliyaa Magaalaa Gedoo fi Baabbichaa Humna Loltuu Makelakeya jedhamuun beekamuun qabamte ganama kana.

  Kaayyoon Waraanni Wayyaanee Midaa Qanyiitti geeffamaa jiruuf hidhattoota gandaa fi poolisoota Meeshaa hiikachiisuuf waan ta’eef  hidhattootni gandaa fi poolisootni of eeggannoo akka godhanii fi haala akkan ulfaatu kana keessatti meeshaa akka hin hiikkatne dhaamsii darbeefii qophiitti jiru.

Mudde 17/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Uummata Oromoo Irratti Waraana Bane.

Aside

Mudde 17/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF Uummata Oromoo irratti waraana bane. Humna waraanaa Konkolaataa 30 ol kan ta’uu gara Meettaatti kan geese  jiru Wayyaaneen yakka duguuginsa Sanyii rawwachuu itti fufe,

Uummatni Oromoo Waraanni Manatti ittisuu kan isaa hin dandeenye guyyaa har’aa Meettaa Roobii keessatti Uummata 16,000tti tilmaamamutuu daandii konkolaataa Cufuun warraaqsaa Biyyaalessaa oromiyaa FDG itti fufee hiriiree jira, Uummatni gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, waraanaan gaaffiin keenya hin ukkaanfamuu, jechuun hiriiruun  Magaalaa Gooroo, Eelaa fi Minaaree irraa  sagalee Mormii waanaanaan mirga keenya falmachaa jirruu irraa duubatti hin deebinu jechuun mormii dhageessisaa gara Magaalaa Shinoo deemaa  utuu jiranii  Waraanni wayyaanee  bakka Ulaa Tuulii jedhamutti uummata nagaan sagalee isaa dhageesisaa jiru. Namootni lama rasaasan rukutaman. Sagalee dhukaasaa guddaatu dhaga’amaa jira. Hallii Meettaa roobii guyyaa har’aa daran yaaddessaa ulfaata ta’uun gabaafame.

Goddinni Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo akkasumas Daadhii keessatti FDG Itti Fufee Jira.

Aside

FDG amma sa’atii kana ganama sa’a 2:30 irra eegalee barattootni fi uummanni godina addaa Oromiyaa Sulultaa, Laga Xaafoo fi Laga Daadhii
hiriira mormii isaa adeemsisaa jira.Gaaffiin uummanni dhiyeessaa jiru deebiin afaan qawwee tahuun isaa Diddaa keenya itti nu fifsiisa
jechuun Qeerroon dargaggootni oromoo magaala Sulultaa ganama kana qonnaan bulaa waliin daandii cufee hiriiree jira.
Akkasuma Laga Xaafotti uummanni maatii isaa tokko osoo hin hambisnee daanditti bahee mormii isaa dhaadannoodhaan dhageesisaa jira.Humnoonni waraanaa wayyaanees ganama Sulultaa fi Laga Xaafotti bobbaafamaa jiru.
Naannowaan Finfinnee guutummaan guututti Fincilatti hiriiruuf waamichas dabarsaa jira. Daandiiwwan guddaan gara Shaggar  kaabaa geessu cufamaa jira

Aside

Mudde 16.2015 galgalaa fi har’a Mudde 17,2015   Warraanni Agaazii  Wallagga Shaambu galchanii jiru. Waraanni kun konkolaataa 7 seene Barattootni Oromoo magaalichaa waraana seenetti dhagaa darbachuun itti chookanii dhadachuu fi WBO ABO dhadessaa jiru. Bulchiinsi magaalaa Shaambuu sagalee guddistuu dhaam namni tokko illee akka magaalaa keessatti gadi bahee hin argameef konkolaataan olii gadi fiigee labsii dhageessisaa jiru illee uummanni diddaa isaa itti fufee jira.