Mudde 07,2015 Dambi Doolloo
Ummatni magaala Dambi Dolloo walgahii aangawoonni OPDO Wayyaanee yaaman diduun diddaa fi jibbiinsa sirna mootummaa Wayyaaneef qaban ifatti muldhisaa jiru.
Guyyaa kaleessaa fi har’aa gandootiin Yaabaloo fi Biiftuu jedhaman nama mootummaa Wayyaanee bakka bu’u tokkotti haasawuu waan hin feeneef akka gara keenyatti dhuftan hin barbaadnu jedhanii jiru, barattoota waliin gamtaan dhaabbatanii FDG gaggeessas jiru.
Waraanni Wayyaanee haala kana sodaachuun humna guddaa Gambeela irraa gara Dambi Doollootti guuree qubachiisaa akka jiru Qeerroon gabaase.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist