Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.

Video

Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.


Gabaasa balinaan, Kaleessa akkuma gabaasne jirru lammiileen biyyaa Liibiyaatti gara jabeenyaan ajjeefaman guyyoota muraasa dura haala suukkanneessaa tahuun isaa dhala namaa kamuu kan hin dagachiisneeeha. Baqattoonni 28nuu keessaa hordoffii mootummaa Wayyaanee yeroo darbee FDG Oromiyaa keessatti dhalate mormii dhimma Master Pilaaniitiin mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatanii falammii gaggeessuu irratti gara jabina mootummaa Wayyaanee baqachuu irraan dargaggoonni Oromoo hedduu naannoo garagaraatti godaansisee jira, Dargaggoonni kun mudatee jiru keessaa gochi kun kan irratti raawwatame kanneen akka Mangistuu Gashee,kaanis dargaggoota Oromoo maqaa hin argatin jiru, gochi kun dimshaashatti kan raawwate sabni Tigraay keessa waan jiruuf hiriirri taasifame kun hanga muummicha ministeeraa Wayyaanee hirmaachisutti gahus sababa mootummmaa wayyaanen biyya isaanii irraa bahanii carraan kun isaan kan mudateedha, kanumaan har’a hiriira taasifameen uummanni lakkoofsi isaa guddaa walakkaan ol uumata Oromoo kan tahe dhaadannoo hedduun, sirbis dhageessifameera.
Dhaadannowwan jedhamaa oolan,

  1. Mootummaan Wayyaanee hattuudha,
  2. Kan obbolaa keenya ajjeese mootummaa Wayyaaneeti,
  3. Shorokeessaan mootummaa Wayyaaneeti, kan jedhuu fi dubbii muummichan
  4. jedhames uummanni isin hin dhageenyu jechuudhaan feshaleessan.

Uummanni sagalee dhageessisaa oole kana booda aangoo irratti isin hin barbaannujechudha,kanumaan dhagaan darbatame, poolisoonni Wayyaanee 50 ol tahan baayina uummataa hanga kana keessaa kan hubatame reebicha uummataan garmalee miidhamuun beekame akkasuma uummata keessas keessattuu dargaggoota irratti miidhaan guddaanis tahee jira baayeen suuran kan olkaa’ame gocha isaanii addeessus ni jira yeroo ammaa uummanni miidhamee jiru Hospitaala Gaandii fi Zawudiituu kan ciisan dhibbaan lakkaawamu, uummata gadda isaa ibsachuuf bahe irratti ammas miidhaa gurguddaan qaama mootummaa Wayyaameetiin irra gahamee jira.

Qabeenyaan manneen mootummaa naannoo kanatti argamanis dhagaadhan hojiin ala tahanii jiru, Yeroo ammaa naannoo hiriirri kun itti gaggeeffamee fi daandii Boolee, Waddeessa(Piyaassaa)geessu martiyyuu humna waraana Wayyaaneen eegamaa jira, uaummanni qe’ee isaatti hin galu jechuudhaan mootummaan wayyaanee nu fixeera jechuun iyyaa booyichaa dhageessisaa jira.Ammas kan itti fufu uummanni Oromoo jaallan keenya gochi kun irratti raawwate suuraa qabannee magaala Finfinneetti wal argee hiriira adeemsisiu Qeerroon waamicha isaa dabarsuu fedha.

Tarkaanfii Sukanneessaa Libiyaa Keessatti Fudhatame Irratti Ibsa ABO

Aside

OLF_ABO_Logo

Lammiilee mootummaa dirmatuu fi lammii dhaqqabuuf dhihooti hin qabne, rakkoo fi hiraara jalaa of baasuu fi abdii nuuf dabra jedhuun gammoojjii hamaa qaxxaamuree Libiyaa gahe irratti tarkaanfii sukaneessaa ISIS (Mootummaa Islaamaa) ofiin jedhuun lammiilee Saboota Iyophiyaa irratti fudhatame tarkaanfii namoomaa ala kan tahee fi dhala namaa kamuu irraa hin eegamne waan taheef ABO gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan bineensummaa akkanaa ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne tahuus dabalee hubachiisa. Tarkaanfii loogummaa amantii irratti hundaauun namoota harka qulleeyyii fi sivilii irratti fudhatame kanaan gadda itti dhagaame maatii lammiiwwan gaagaamni irra gaheef ibsaa jajjabina hawwaaf. Loogummaa bifa kamuu ummataa fi lammiilee miidhu kamuu jabinaan kan dura dhaabbatu tahuus mirkaneessa. Hiree kanaanis hundee rakkoo lammiilee Itophiyaa balaaf saaxile kana hawaasni addunyaa akka hubatu yaadachiisuu fedha.

Empaayerri Itophiyaa empaayera bittaan abbaa irrummaa irratti dagaagee lammiileen mirga dhablee taasifamuun keessatti hiraarfaman,

Biyya hacuuccaan siyaasaa fi dhiittaa mirga ummata fi ilma namaa hadhaawaa tahee keessatti gaggeeffamu tahuu irraa fi tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa bahuu dadhabuu irraa lammiileen dhibbeentaa 40 ol tahan hiyyummaa maayyiin keessatti dhamaaa jiraatan,

Empaayera saaminsaa fi malaammaltummaan keessatti saaree murni bicuu keessatti duroomee, wayyabni keessatti hagabee jiraatu,

Empaayera ummatoota biyyattii keessaa kan miliyoonotaan lakkaaaman harayyuu gargaarsa alagaan jiraatuuf dirqaman keessa jiraatan,

Biyya bilisummaan ummatootaa fi matayyaa kabajamuu hanqatuu irraa barattootni, beektotni, gazexessotni, hogganootni jaarmayoota siyaasaa keessatti hidhaman, ajjeefamanii fi dararaman, Empaayera mirgi walaba tahanii bakka buaa ofii filatuun abjuu itti tahe, lammiileen kan hin beeknee fi hin feene filuuf itti dirqisiifaman, filannoo fakkeessiin hawwaasa addunyaa sobaa jiraatuun filmaata itti tahe,

Empaayera mootummaan Heera ofiif raggaase cabsuu dhaan dhimma amantii keessa harka naqatee matootii amantii sirna abbaa irrummaaf amanamoo tahan amantoota irratti muudamanii fi kan mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan ariamanii fi hidhaman tahuu irraa lammiileen biyyaa kumoota dhibbaan keessaa baqatan taatee jirti.

Tarkaanfii suukanneessaa Liibiyaa keessatti fudhatame irratti Ibsa ABO.pdf

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 21 Bara 2015

Aside

SBO Ebla 22 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu GGO fi Guyyuma kana ilaalchisuun gaaffii fi deebii Qondaala WBO Godina Bahaa waliin geggeeffame akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, 20 April 2015

Aside

Wallagga,Aanaa Nuunnuu Qubmaa Keessaa, Qe’ee Keenya Irraa Hin Buqqaanu Sababaa Jedhaniif Qofa Qonnaan Bultooti Oromoo 80 ol Manneen Hidhaa Gara Garaatti Hidhaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ebla 20,2015

Because I am OromoWallagga,Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ganda qonnaan bultaa Furdisaa lafa qonnaa fi bososna Baanqoo jedhamu mootummaa Wayyaanee investerootaaf hiruu isaa irraan kan ka’e uummanni Oromoo naannichaa diddaa fi falmatnaa dachii isaanii taasisaniin ergamtootaa fi bulchitoota Wayyaanee waliin walitti bu’uu Qeerroon gabaase.

Gaafa Ebla 19,2015 Diddaa uummanni naannoo kanaa kaaseen wal qabatee mootummaan Wayyaanee loltoota isaa Naqamte irraa gara naannichaatti erguun fincila kaafatniittu, dachii mootummaan irraa buqaaa isiniin jedhe irraa ka’uu diddan sababoota jedhuun abbootii warraa kanneen ta’an qonnaan saddeettamaa ol manneen hidhaa beekamtii hin qabne kan akka Waamaa Adaree,magaalaa Nuunnuu, mana hidhaa Jimmaa Arjoo fi Jaatoo Naqamteetti guuramanii hidhamuu isaanii Qeerroon addeessa.

Kanneen keessaa maanguddoonni umuriin bulan lama haalaan miidhamanii mana hidhaa Naqamteetti darbatamanii jiru, kanneen kunis:-

  1. Obo,Qalbeessaa Donee
  2. Obbo, Firrisaa Waakkennee

Jedhaman yeroo ta’an hidhamtoota warreen hafan kaan keessas shamarran Oromoo maatii qonnaan bulaa keessaa akka keessatti argaman gabaasi addeessa.

Biyya Haqni Hin Jirre Keessa itti Filannoon Maalumaa?? Wallee Haaraa Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoon Ebla 2015

Aside

Hiraara Baqattoota Oromoo Irra Gahaa Jiruu fi Haala Kabajaa GGO Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Qophii Sagalee Oromoo Ebla 17,2015

Aside

Kabajaa Ebla 15,Guyyaa Gootota Oromoo Yuniversitii Adaamaa

Aside

11087160_697149213764485_560275915_o 11171940_697149317097808_314414668_o

SBO 19 Bara 2015: Oduu, Sirna Kabajaa Eebla 15, Seenaa Gabaabaa Ayyaluu Itichaa fi Ibsa Qeerroo…

Aside