Bosonni Oromiyaa Wallagga,Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Burqaa Lafaa Bakka Jedhamu Keessatti Kan Argamu Akka Inversterootaaf Hin Kennamne Ummanni Gamtaan Saamtota Wayyaanee of Irraa Dhorke

Aside

Ebla 5,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Oromian resistanceGuyyaa Har’aa , Bosonni Oromiyaa Wallagga,Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Burqaa Lafaa Bakka jedhamu keessatti argamu guyyaa har’aa Inversteroota alagaatti yeroo gurguramuuf yaalametti Ummanni Oromoo naannicha jiraatan gamtaan ka’uun qondaalota Wayyaanee kanneen lafa gurguruuf bakkicha dhaqanii fi bulchitoota aanaa akkasumas Investeroota dhalootaa Habashaa  ta’an hunda naannicha irraa ari’uun bulchaa gandaa ta’e Taayyee Bulchaa Jedhamu ammoo qonnaan bultoota naannichaan reebamee Hosptala Naqamteetti ergamuu gabaasi Qeerroo addeessa.