Breaking News Ebla 30,2015 Warraaqsii Bilisummaa Gootota Qeerroo barattoota Oromoon bifa adda ta’een qabsiifame. Godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo fi aanotaa odinichaa garaa garaa keessatti FDG fi yaadannoo gootota Oromoo bara darbee Ebla 2014 Magaalaa Amboo fi Naannoo Ambootti ajjeechaa jumlaa Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n fudhatee waggaan 1ffaan isaa guyyaa har’aa dhiha Oromiyaa Amboo fi naannoo isheetti kabajame.
Goototni Qeerroowwaan barattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, qopha’inaa fi sadarkaa 1ffaa Magaalaa Amboo bifa adda ta’een guyyaa har’aa FDG kaachisuun guyyaa yaadannoo gootota Oromoo duguuginsa sanyii bara darbee mootummaan Wayyaanee Amboo irratti fudhatee waggaa 1ffaa isaa wayita kabajatanitti FDG bifa haaraan kaachiisuun kan eegalan ta’uu hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo godina lixa shaggar gabaasera. Guyyaa har’aa kana goototni qeerroon barattoonni Oromoo magaalaa Amboo manneen barnootaa armaan gadii keessatti argaman FDG bifa adda ta’een utuu waraana guddaan Amboo marfamtee egaamaa jirtuu qabsiisuun yadannoo waggaa 1ffaa FDG Ebla 2014 warraaqsaan yaadatan.
1. Mana barumsaa Amboo sadarkaa 1ffaa fi qopha’inaa
2. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Liiban Maccaa Amboo
3. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Amboo
4. Mana barumsaa Carii Amboo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa fi kolleejjota Ogummaa fi teechinikaa Amboo keessatti bifa agdda ta’een FDG itti fufee olee jira.
Goototni dargaggootni barattootni Oromoo manneen barnoota kana keessatti argaman guyyaa har’aa ganama sa’aa 2:00 irratti mooraa mana barumsaa keessatti walitti qabamanii hiriiruun dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun,uffata gaddaa uffata gurraacha uffachuun, alaabaa EPRDF fi OPDO gadii buusuun, Yaadannoo sammuu daqiiqaa muraasaa gootota barattoota Oromoo bara darbee FDG Ebla 2014 irratti wareegamaniif gochuun barnoota dhaabuun hiriiraan akka gara magaalaatti qajeelanitti humna waraanaa wayyaanee guddaan wal dara dhaabbachaa erga turani boodarraa barnoota guutummaatti kan dhaabaan ta’uun ibsame. Kana malees goototni barattootni Amboo fi uummatni guyyaa har’a utuu waraana guddaan eegamaa jiranii uffaata gaddaa uffaachuun, alaabaa mootummaa wayyaanee gadi buusuun gadda guddaa bara darbee gochaa uummata nagaa karaa nagaa mirga isaa gaafachaa jiru irratti Mootummaan wayyaanee waraana Agaazii jedhamu bobbaasuun gocha duguggaa sanyii rawwaatameef gadda guddaa ibsachuun, Ajjechaan hidhaan, doorsifnii fi waraannii gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruu duubatti deebisuu hin danda’u jechuun , Warraaqsaa FDG karaa nagaa eegalamee jabeessuun ilmaan Oromoo qaaliin kan irratti wareegaman hanga galii bilisummaa keenyaa gonfannuu fi dacheen Oromiyaa fi qilleensii Oromiyaa ukkanfamee jiru hanga walaboomuutti FDG itti fufa, jechuun guyyaa har’aa bifa adda ta’een warraaqsaa FDG itti fuufsiisa kan oole ta’uun ibsame jira. Mana barumsaa Carii Amboo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa keessatti goototni barattootni Oromoo daadannoo dhageesisuun mootummaa wayyaanee balaaleffachuun barsiisotnii fi hogganaan mana barumsichaa illee guyyaa har’aa akka qooda fudhatanii fi hojii dhaabaan qeerroon dirqisiisuun akka hojii daabee warraaqsa kana keessatti qooda fudhatu taasifame jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Amboo dhaamsa armaan gadii ilmaan Oromoo hundaa fi uummataaf dabarsan.
Ø Uummatni oromoo bara baraan hidhamaa, ajjeefamaa fi barnoota fi jiruu fi jireenya irraa arii’amaa jiraachuun dhaabbachuu qaba.
Ø Yakka ajjeechaa bara darbee fi yeroo garaagaraatti Mootummaan wayyaanee yakka tokko malee Oromummaan yakkee ilmaan Oromoo fixaa jiruuf itti gaafatamuu qaba.
Ø Ilmii Oromoo mootummaa wayyaanee uummata Oromoo lafarraa garaa lafina tokko malee fixaa jiru waliin hojjechuu fi jiraachuun hirmiidha, kanneen wayyaanee waliin jirtan atattamaan wayyaanee hirmii uummata Oromoo irraa akka dhaabbattan waamicha goona.
Ø ABO gachaana uummata Oromooti, nuti ABO ni jaallanna ni deeggarra, ABO’n dimookiratwaa fi jarmiyaa mirgoota dimookiraasii fi namummaa kabachiisuu fi uummata Oromoo bilisoomsuuf qabsoo gitaa gaggeessa jiru ta’uu hubannee waliin hiriirree mirga keenya falmachuuf wanti duubatti nu deebisuu akka hin jirree ni hubachiifna.
Ø Hidhamtootni siyaasaa gaaffii tokko malee hiikamuu qabu.
Ø Filannoon dura gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba.
Ø Hanga gaaffiin keenya deebii argatutti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirtan hundaa gara warraaqsaa FDGtti akka makamtan waamicha keenya dabarsina jechuun FDG’n guyyaa har’a jabaatee itti fufe jira.
Haalumaa walfakkaatuun Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti guyyaan yaadannoo gootota wareegamtoota Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa warregamaniif goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo nyaata lagachuun, uffata gaddaa uffachuun gaddaa guddaa isaniitti dhagaa’amaa jiru utuu waraannii wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa qubsiifamee jiruu yaadachaa olaniru.
Godinuma Lixa Shaggar amboo fi aanota Amboo jalatti argamaan kanneen akka aanaa Midaa Qanyiitti mana barumsaa Baallaammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, keessatti diddaan itti fufuun wal qabatee barattootni Oromoo hidhatti guuramaa jiru,Aanaa Calliyaa Geedoo, Baabbichaa, Tokkee kuttaayyee, Gudar, fi Xiquur incinnii keessattis haaluma walfakkatuun mana barumsaa cufuun uuffataa gaddaa uffachuun yaadannoon gootota barattoota Oromoo bara darbee Ebla 2014 wareegamaniif yaadannoon addaa warraaqsaa itti fufsiisuun kan egalamee ta’uu hoggansii qeerroo bilisummaa godinichaa Magaalaa Amboo irraa gabaasaa jira. yeroo Ammaa kana guutummaan Magaalaa Amboo fi mooraan yuunibarsiitii Amboo dirree waraanaa fakkata, humni waraana wayyaanee guddaan gara Ambootti guurama jira.
Sochii guyyaa har’aa wanti adda taasiisu uummatni Oromoo hundii magaalaa Amboo keessa jiruu daldaltootni, hojjettootni,barsiisotni, jiraattootni magaalaa Amboo fi dafqaan bultootni hojii idilee isaanii dhaabuun yaadanoo addaa gootota wareegamtoota qeerroo barattoota Oromoo fi uummata Oromoo bara darbee warreegama qaalii kanfalaniif gaddaa guddaa itti dhagaa’amee jiruu ibsachaa jiraachuu isaani fi warraaqsa FDG itti fufsiisuu isaniti.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ofiin jedhan humna waraanaa guddaa gara magaalaa Ambootti guuraa kan jiruu fi durumaan iyyuu Amboon waraana guddaan eegaa jiraachuu fi waraana liyyuu hayilii jedhamuu immoo mooraa yuunibarsiitii amboo keessa qubsiisuun uummata goolaa jira. Goototni barattootni fi hojjettootni ilmaan Oromoo hedduun magaalaa Amboo fi aanota garaagaraa keessatti hidhaatti guuramaa jiru, Manneen barnoota Gidina lixa shaggar keessa jiran bakkoota hedduutti cufamanii jiru. gabaasaan kun itti fufa…