Ilmaan Oromoo Barnoota Xumuranii Waggaa Dheeraaf Hojii Maleeyyii Tahan Guyyaa Har’aa Finfinnee Keessatti Diddaa Sirna Wayyaanee Taasisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo, Muddee 17, Finfinnee Irraa
krYeroodhaa yerootti akkuma gabaasni dhiyaataa jiru Oromiya keessatti barattootni sabboontotni Oromoo gaaffi mirgaa kan abbaa biyyuummaa kaasuun diddaa finiinsaa jiraachuun dhagayamaa jira.

Gaaffiwwan mirgaa kaánii diddaan jabaachuudhaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa lafa seenu dhabeera, kallattii adda addaa irraan uummannis tahe barataan haala keessa jiruu fi hojii mootummaa Wayyaanee irratti dammaqiinsaan kaée gaaffii dhiyeessuun gaafachuu irratti argamuudhaan mormii dhageesifataa jiru.

Gaafa Muddee 17,2014 qaalaínsa jireenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti mulátaa jiruun uummanni mootummaa irratti gaaffii kaasaa jiraachuun akkasuma Finfinnee keessatti hoji dhabdoonni kumaatamaan lakkaawaman ilmaan Oromoo lakkoofsaan guddaa tahuun waan hubatamaadha. Barataan wagga hedduu barumsa isaa xumure, bara dhufee darbu barataan Yuuniversitii fi koollejji irraa eebbifamee gara maatiitti galuun maatii irratti baáa tahuu mannaa hojii barbaacha magaalaa Finfinnee keessa jiraataa jiru.  kr

Akka keessa beektoti gabaasanitti bara kana hoj-dhabaan Finfinnee keessa 200,000 ol akka taheedha, keesssatu bara 2014 dachaadhaan kan dabale walumaa gala bara mootummaa Wayyaanee keessa hoj dhabdummaan babaláchuu irraan qaalaíinsi jireenyaa uummata irraas gahaa waan jiruuf dimshaashumatti gaaffiin gama kanaan kaáa jiru mootummaa Wayyaanee hedduu kan yaaddeeseedha, kanumaan hará hoj dhabdoonni wal gurmeessuudhaan mootummaan wayyaanee biyya bulchuu hin daandenye, barataan barumsa booda gara itti deebiú erga hin qabnee biyyattii keessa Yuuniversitii tamsaasuun waan uummataaf yaadu fakkeessee uummata gowomsaa jira. Kanumaan hoji maleeyyiin waggaa sadii ol erga barumsa xumuranii wal gurmeessuudhaan mootummaan Wayyaanee aangoo irraa buú qaba jechuudhaan,kan hin baranne mootummaa keessa taaée qabeenya uummataa saamee jiraata,abbaan qabeenyaa hará qaama mootummaa keessaa kanneen hin baranneedha, kan barate daandii irra jiraatee waan nyaatu dhabee agabuu bula sababaa jedhuun Finfinnee kutaa bulchiinsa Buraayyuu keessatti wal gahuun diddaa dhageessifataa oolanii jiru.

Magaalaan Naqamte Wallaggaa Boba’aan Konkolaataa Dhibuu Irraan Uumati Socho’uun Rakkoo Ta’e.

Aside

Naqamte gazMudde 17,2014,Wallagga Naqamtee fi magaalota naannoo keessaa boba’aan konkolaataa dhabamuu irraan uumatis olii gadi socho’uu dhabee haalaan cinqataa jira.Nagadii fi hojiileen adda addaa sababaa kanaan hin soco’an,Addatti konkolaatoti dhuunfaa fi kanneen uumata deddeebisan socho’uu hin dandeenye. Mootummaan baajeta addatti waan qabuuf gaaza akka garaa naqachuun uumata hiriira galee jiru karaa cufaa jirtu jedheen poolisaan dorsisaa jiraachuu qeerroon ni gabaasa.

NqaNaqqq

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi waggaa 3ffaa Engineering ta’an Hidhaman.

Aside

Mudde 17,2014 Gabaasa Yuuniversitii Madda Walaabuu

diddaa9Diddaan baratoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu haalaan jabaachuu irraan barattooti hedduun hidhamanii jiru,addatti ammo isintu FDG qindeessa sababaa jedhuun Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering mana hidhaa hin beekamnetti geessamanii jiru.

FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabatee deemaa jiru daranuu bifa isaa jijjirrachaa mootummaa Wayyaanee afuura dhorkaa jira. FDG addatti dhaabbilee barnoota ol’aanoon yeroo garaagaraa murannoon diina dura dhaabbachuun diddaa isaanii mul’isaa jiru. Haala kanaan guyyoota calqaba Muddee irraa dhaabbilee barnootaa kan akka Yuuniversiity Finfinnee nyaata lagachuun eegale Yuuniversiity Bulee Horaa,Jimmaa fi Mattuu itti ce’uun nyaata lagachuu irra darbee diddaa isaanii mootummaa gabroonfataatti mul’isaa kan turan yoo tahu; mootummaan abbaa hirree aadeffate diddaa uummataa humna waraanaan dhaamsuuf yaalu illee diddaan kun har’as itti fufuun dallaa Yuunversiity Madda Walaabuu keessatti  Mudde 15 bara 2014 irraa diddaan jabaa gaggeeffamuu eegale har’a Mudde 17 itti fufuun mormiin jabaa gaggeeffamaa jira.  Mootummaan abbaa hirree Wayyaanee diddaa barattoota kanaa dhaamsuuf humna waraanaa dallaa Yuuniversiitichaatti heddumminaan ol naquus gootonni barattoota Oromoo meeshaa waraanaa kanaaf otoo hin jilbeeffanne diddaa isaanii gaggeessuu daran itti fufanii jiru.

Kana malees dabalataaniis mootummaan abbaa irree Wayyaanee maloota diddaa uummataa dhaamsuuf tattaaffatu keessaas reebicha hamaa irraan gahuu, qaama hir’isuu fi hidhuu akkuma ta’e hundaa diddaa barattootaa kana irrattis barattoonni hedduun reebbamuu fi doorsifamuu irra darbee barattooni gara fuula duraatti maqaa fi baayina isaanii Qeerroon bahuuf jiru  gara buuteen isaanii dhibuus; kanneen keessaa warri adda durummaan qabamanii FDG qindeesituun yakkamanii jiran barataa Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi barataa Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering fa’aa kanneen jedhaman akka keessatti argaman odeessi Qeerroo nu qaqqabe addeessa.