Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 13, 2014
Aside
SEENAA Y.G (2005) kutaa 3ffaa | Muddee 12, 2014
Bilisummaan Dhiigaan malee hin argamtuun haqadha. Dhiigaan malee akka hin argamne itti amananii seenanii hojjachuun ammoo waa biraati. Dhaadannoo isaa ykn jecha isaa qofa beekuun ga’a miti jechuu kiyya. Bilisummaan dhiigaan malee hin argamtu jechuun, wareegama Lubbuu hanga gumaacha nam-tokketti baafnu malee, Bilisummaan gonkumaa hin jiru jechuudha. maarree,Ummati Oromoo , Bilisummaan dhiigaan malee akka hin argamne beeku dhabee ykn itti amanuu dhabee moo, waan Bilisummaan barbaaddu sana guutuu hanqachuu irraa Bilisummaan irraa fagaatte ? Bilisummaa keenya gonfachuuf wareegamni kafalaa jirru salphaa miti. wareegama barbaachisu kafallee Bilisummaa keenya goonfachuu qabnaan, murtee Ummata Qabsoo gaggeeffatuu ykn dhaaba Qabsootti jiruuti. Wareegamni hin jiru jedhee qabsootti kan seenu, ykn wareegama baqachaa Bilisummaa kan hawwuu yoo jiraatee, waan wareegama gaafatutti seenee laaquu dhiisuu wayyaaf. Namoonni akkasii irra jireessa karaa gabaabaa filannaatti of-salphisanii Ummata isaanis salphisu.
Sadarkaan Qabsoon Ummata Oromoo irra jiru yoo ilaallee , irra jireessi, addatti Biyya keessaa wareegama barbaachisu baasuun gootummaatti fudhatamuu argaa jirra. Wareegama barbaachisu kafalanii, wareegama hanqisuun ni danda’ama. Wareegama hanqisuuf jedhamee, sirna guyyaa irraa gara guyyaatti Ummata keenya dhiiga jigisaa jiru waliin karaa Nagaa hojjanna jechuun, diina jabeessee , wareegama addunyaa irratti hin mul’annee nu baasisuu akka danda’u hubachuunis dansaadha. Wareegama hanqisuuf haalaa fi adeemsa diinaa akka dansaatti qorachuu fi irratti walii galuu barbaachisa. addunyaa irratti Ummatoonni cunqursaa of irraa darbachuuf qabsaa’an , karaa wareegama itti hanqisanii Bilisummaa isaanii goonfatan ni filatan. Fincilli Ummataa wareegama waa maraa hanqisuuf filatamaa ta’aa dhufeera. Warri qawween wareegama hanqisuuf socha’anis ni jiru. sochii amma keessa jirruun ykn bakka waliif tumsuun hin jirreetti , sirna nama nyaataa wayyaanee kaasuuf yeroo nu gaafatuu danda’u, yeroo kana keessa ammoo, wareegama Qabeenyaa, Maallaqaa , jireenyaa, Lubbuu baafnuu fi wayyaaneen jiraachuuf miidhaa waa maraa {saamicha daboo kadahttee }nu irratti gaggeessitutu wareegama nu hanqisa moo, Tumsa godhannee sochii keenya qindeeffannee Fincila Diddaa Gabrummaa wal irraa hin cinnee fi waraana jabaa ijaarree finiinsuutu wareegama nu hanqisa ? jennee Filachuun murteessaadha.
WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA !!! kutaa 3ffaa.docx