Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi waggaa 3ffaa Engineering ta’an Hidhaman.

Mudde 17,2014 Gabaasa Yuuniversitii Madda Walaabuu

diddaa9Diddaan baratoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu haalaan jabaachuu irraan barattooti hedduun hidhamanii jiru,addatti ammo isintu FDG qindeessa sababaa jedhuun Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering mana hidhaa hin beekamnetti geessamanii jiru.

FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabatee deemaa jiru daranuu bifa isaa jijjirrachaa mootummaa Wayyaanee afuura dhorkaa jira. FDG addatti dhaabbilee barnoota ol’aanoon yeroo garaagaraa murannoon diina dura dhaabbachuun diddaa isaanii mul’isaa jiru. Haala kanaan guyyoota calqaba Muddee irraa dhaabbilee barnootaa kan akka Yuuniversiity Finfinnee nyaata lagachuun eegale Yuuniversiity Bulee Horaa,Jimmaa fi Mattuu itti ce’uun nyaata lagachuu irra darbee diddaa isaanii mootummaa gabroonfataatti mul’isaa kan turan yoo tahu; mootummaan abbaa hirree aadeffate diddaa uummataa humna waraanaan dhaamsuuf yaalu illee diddaan kun har’as itti fufuun dallaa Yuunversiity Madda Walaabuu keessatti  Mudde 15 bara 2014 irraa diddaan jabaa gaggeeffamuu eegale har’a Mudde 17 itti fufuun mormiin jabaa gaggeeffamaa jira.  Mootummaan abbaa hirree Wayyaanee diddaa barattoota kanaa dhaamsuuf humna waraanaa dallaa Yuuniversiitichaatti heddumminaan ol naquus gootonni barattoota Oromoo meeshaa waraanaa kanaaf otoo hin jilbeeffanne diddaa isaanii gaggeessuu daran itti fufanii jiru.

Kana malees dabalataaniis mootummaan abbaa irree Wayyaanee maloota diddaa uummataa dhaamsuuf tattaaffatu keessaas reebicha hamaa irraan gahuu, qaama hir’isuu fi hidhuu akkuma ta’e hundaa diddaa barattootaa kana irrattis barattoonni hedduun reebbamuu fi doorsifamuu irra darbee barattooni gara fuula duraatti maqaa fi baayina isaanii Qeerroon bahuuf jiru  gara buuteen isaanii dhibuus; kanneen keessaa warri adda durummaan qabamanii FDG qindeesituun yakkamanii jiran barataa Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi barataa Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering fa’aa kanneen jedhaman akka keessatti argaman odeessi Qeerroo nu qaqqabe addeessa.

2 responses

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Oduu Amma Nu Gahe | Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi Waggaa 3ffaa Engineering Ta’an Hidhaman |

  2. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi Waggaa 3ffaa Engineering Ta’an Hidhaman |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: