Filmaata Dhufu Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide.

Aside

Proj.1 Proj.2 Proj.3

Gabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 26,2014

Filmaata Dhufuuf Mohachuu Sababa Jedhuun  Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide. Abdii Dhabuudhaniis Hojiin Ibsaa Galchuu Karatti Hafe.‏

Diddaan uummataa Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti haala wal hidhataan finiina jiraachuun kallattii adda addaan Qeerroon gabaasaa
jira,Mootummaan Wayyaaneen yeroo ammaa dhimma filannoon wal qabsiisee uummata garaa laaffifachuudhaaf ummata biyattii qabachuudhaaf caasaa qabutti dhimma bahee filannoof qophii gochuutti jira, carraan filannoo inni gara uummata oromoo irraa qabu yeroo ammaa yaaddessaa fi akka hin filamnes waan shakkuuf,kanas maaliin uumatatti dhiyaachuu akka qabu karoora keessa waan galcheef uummata Oromoo qabachuudhaaf uummataaf waan gaarii hojjechuu, keessattuu uummata baadiyaa keessa jiraatuun filatamuudhaaf inni guddaan irratti xiyyeeffatee caasaa qabuun hojii eegalee jiru misooma daandii hojjechuu ,projektii ibsaa galchuu fi mana barumsaa olanaa kan akka yuuniversitii babal’isuu jedhu uumataaf waadaa seenuu irratti torbeewwan kana keessa kan eegale, godina Qellem kanneen akka aanaa Jimmaa Horroo, Anfilloo, magaala Dambi Doolloo,Qeebbee, keessatti duula kana irratti namoota isaa bobbaasee mootummaan uummataaf ibsaa galchaa jira, daandii baasa jira waan taheef sirna bulchiinsa isaa aangootti fayadamee har’a gahe kana isa baasuu diduu hubatee gara sobaan fakkeessaadhaan yaada uummataa argachuutti kaayyefatee caasaa OPDO keessaa kanneen dhalootaan oromoo hin tahin, uummata Oromoo gidduutti kan guddataniin dhimma bahuueegalee akka jiru gabaasni Qeerroo lixa Oromiyaa Qellem, Dambi Doolloo irraa addeessa.

Aanaa Jimmaa Horroo keessatti torbee kana kan hojjetamaa jiru hojii ibsaa galchuu irratti kan bobbahan, humna uummataatti fayadamee projektii ibsaa kana yeroodhaan akka xumuramuuf uummataaf waamicha taasise keessatti uummanni aanaa kana keessa jiraatu hojii isaanii lagachuu fi argamuu diduun, kaayyoon mootummaa Wayyaanee nuun nun fayadadu, uummata Oromoos wan fayadu hin qabu kan jecha uummata irraa dhagayaniin abdii uummata irraa dhabanii isa kaayyefatan daandiitti gubbaatti feshelaa’ee hafe, ammas taanan uummanni kan jedhu filannoon keessan jala geenyaan ibsaa galchitanii, kaleessa ijoollee keenya ajjeeftani, hojii irraa ariitani jechuudhaan Muddee 20 irraa kaasanii duula mootummaan wayyaanee uummata oromoo keessatti filatamuuf jecha hojii sobaa eegale uummataan feshala’aa jiraachuu godina Qellem, aanaalee garagaraa irraa dhagayamaa jira. aanaa kana keessatti uummatni Qote bulaan Qeerroo waliin jiraatee diddaa waan jabeesseef, akkasuma hojiin Wayyaaneen caasaa isaan uumata keessatti dalagu dhoksaattis tahe mul’inatti ifatti bahaa waan jiruu kana hunda hubachuu irraan uummatichi ABO dha jechuu eegale, qorachuufis uummata kana kan qoratee dhiisu wallaaluu gama caasaa caasaa mootumaa godina Qellem irraa Qeerroo qaqqabuun gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Haaluma kanaan tokkummaan uummataa Qeerroo waliin cimee kan jiru tahuu isaa kunoo gabaasonni Qeerroo lixa oromiyaa, Qellem irraa nu gaha jira.

Barruuleen Waamicha Qabsoo Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Tamsa’uu Itti Fufe.

Aside

IMG01244-20141106-1858IMG01251-20141106-1957 IMG01257-20141106-2050
IMG01259-20141107-1228

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Mudde 25,2014

Waraqaan waamicha qabsoo bilisummaaf gaafa guyyaa Mudde 24 bara 2014 irraa eegalee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti faca’uu eegale Mudde 25,2014  itti fufuun magaalota Oromiyaa fi baadiyyaalee keessatti bal’inaan faca’uu itti fufee jira. Akka odeessa gumaa’ee nu qaqqabetti, waraqaan kun magaalota Oromiyaa kan akka Amboo fi naannoo ishii, Giincii, G/Baraat, Jalduu, Geedoo, Naqamtee fi naannoo ishii, Waayyuu fi naannoo ishii, Walisoo, T/Boolloo,G/Gurraacha,Fiichee fi naannoo ishii, dhaabbilee barnootaa ol’aanoo garaagaraa kan akka Yuuniversiitii Finfinnee, Amboo, Walisoo, Wallaggaa fi akkasumaas kan bakkoota adda addaatti  fac’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe addeessa.

Faca’uu waraqaa waamichaa kanaan wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee shororkaa keessa galuun uummata waraqaa kana dubbisu humnaan akka hin dubbifne irraa bittimsuu fi waraqaalee faca’an kanneeniis irra deemuun funaanaa jiraachuus odeessi nu qaqqabe addeessa.

WAYYAANEEN NACAQASSI !

Aside

Habtamu NagashHabtamu Negashe Balcha Irraa

       Mudde, 25,2014

Oromumaan keenyaan biya iraa baqanee.

Yakka taka malee Oromiyaa  irraa fagaannee,

Kino haga araa biyyatti hindeebinee.

Lammi irraa addan baane,

Firaan addan banne,

Ollaan addan banne.

Kino haga araa Oromumaaf jeenne,

Akka ilmaan shibiraa adunyaa iraa facaanne.

Hayyottin Oromo maaf biya baqattan,

Baratton Oromo maaf biya baqattan ,

Goottonni Oromo maaf biyyaa baqattan?

Maalifissi hidhaman,

Maalifissi tumaman ,

Maalifissi ajeefaman?

Biya keessa kan jiran?

Mee yakka maal qaban?

Gutummaa Walaloo Haftaamuu Dubbisuuf:-  Wayyaaneen Na Caqasi

እውነት ተናገሪ!!

Aside

Mesert Tulluuምነው ማትናገረ ተናገሪ እውነት፡                                                                                  

ሁሌ ምትታፈን በስው ስራሽ

አንድው እውነት ሞቶ ውነትን ሲያበስር፡

ሌላው ግን በአፉ ውሽትን ደስኳሪ፡

ተናገረ ዝም አትበል እውነት መሆክን፡

አትሞት አትጠፋ ነዋሪ ነህ በውን፡

ተሸብህ በውሸት እንዳትወጣ ኢፋ፡

አንተ እንደ ነበረክ በአለም ላይ አንጋፋ፡

የስው ልጅ ሲመጣ ወደዝች ምድር፡

ውሽት አይነገር ከውነት በቀር፡

አዳም ሲያስተምር ፉቅርና እውነት ፡

ሔዋን ስትደገም ጀመረ ወሽት፡

እግዜር ሲፈጥረን በዝች ምድር፡

ዋሾ እንዳንሆን ከውነት በቀር፡

እኔ እውነት ነኝ እውነትም ነች እኔ፡

ውሽት የማይቃጣኝ ነዋሪ ነኝ በውኔ፡

ታእዲያ ስንቱ ሀጥያት ሲስራ ሰንት ግፉ፡

እውነት ለምን ትጥፋ ለምን ትሽነፉ፡

Read More:- እውነት ተናገሪ