Waraqaan Waamicha FDG Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaatti Fac’aa Jira.

Aside

IMG_20141224_203639 IMG_20141224_211555 IMG_20141224_211615

Waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG Mudde 24 Bara 2014 ganama irraa Oromiyaa bakkoota garaagaraatti, addatti haga odeessi kun gumaa’ee nu qaqqabetti magaalota naannoo Finfinnee jiran kan akka Sabbaataa, Alem-Genaa, Burraayyuu, Sulultaa, L/Xaafoo Laga Daadhii fi akkasumaas Finfinnee bakkoota adda addaatti faca’aa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa.  Akka odeessaa fi waraabbii suuraa armaan gadii nu qaqqabe ibsutti, waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG kun dhaamsa ‘’tokkummaan wareeggama qabsoon bilisummaaf barbaaddu haakaffallu’’ jedhu kan ofkeessaa qabuu fi uummata impaayera biyyittii keessatti uummanni Oromoo uummata yayyaba ta’ee otoo jiruu uummata bicuu Tigreetiin gabroomuun salphinaa fi qaanii waan ta’eef, qaanii fi salphina uummanni keenya keessa jiru keessaa baasuun dirqama dhaloota kanaa ta’uu kan ibsuu fi dabalataaniis waamicha Qeerroon yeroo yeroon taasisuus jala jalaan hordofuun barbaachisaa akka ta’ees dhaamsi waraqaa waamicha kanaa ni mul’isa.  Waraqaan waamicha dammaqiinsa qabsoo bilisummaaf taasifamaa jiru kun itti fufiinsaan guutuu Oromiyaa irratti faca’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe ibsuus akkuma odeessi isaa gumaa’ee nu qaqqabeen jala jalaan kan gabaasnu ta’a.

Dabballoonni OPDO miidhama uummata Oromoo irra gahaa jiru mormuu eegaluun akeekkachiisni qondaaltota federaalaan itti kennamaa jira.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGDabballoonni OPDO sadarkaa adda addaa irra jiran, bakkoota garaagaraatti miidhama uummata Oromoo irra gahuu fi yeroo gara yerootti hammaataa deeme dabballoonni mormuu eegalanii jiru.  Akka odeessi nu qaqqabe addeessutti, godina Sh/Lixaa magaalaa Amboo keessatti qondaaltota OPDO kan tahan;-

  1. Obb. Balaay Kumalaa, Afa-Yaa’ii mana maree magaalaa Amboo
  2. Obb. Guddataa Dinquu, hoogganaa Waajira Haqaa godina Sh/Lixaa
  3. Obb. Dachaasaa, hooggana poolisa magaalaa Amboo kanneen jedhaman miidhamni uummata Oromoo addatti barattoota irratti gaggeeffamaa jiru gonkuma akka sirrii hin ta’iin wal gahii dabballoota Wayyaanee garaa garaa irratti jabeessanii mormii isaanii dhageessisan illee, mormiin isaanii kun lukkeewwan Wayyaanee biratti kan fudhatama dhabuu irra darbee, uummata kan nutti kakaasu isinii, dhaaba siyaasaa kan akka ABO waliin hidhata qabdu jechuun akeekkachiisni jabaan qondaaltota federaalaa irraa itti kennamaa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa. Oduma dabalataaniis daldaltoonni wal gahii adda addaa irratti miidhama uummata Oromoo irra gahaa jiru morman doorsisni irra qaqqabaa jiraachuu dhagahameera. Daldaltoota kanneen keessaas;-
  4. Obb. Kaasayee Qaqqabaa, dursa hojjetaa bulchiinsa godina Sh/Lixaa keessa hojjechaa kan turee fi gochaa OPDO nuffuun keessaa bahee daldalaa kan tahe,
  5. Obbo. Dhaabaa Gabbisaa, daldalaa magaalaa Amboo kanneen jedhaman uummanni maaliif ajjeeffama? Maaliif seeraan ala hidhama? fi guutumatti gochaa uummata irratti qaqqabaa jiru wal gahii lukkeewwan Wayyaanee murna hawaasa daldaltootaa walitti qabdee gaggeessitu irratti mormii isaanii dhageesisiisan illee mormii isaanii bu’aa dhorkachuu fi maqaa shororkeessummaa itti maxxansuun jireenya isaanii irratti doorsifnii fi hordoffiin gaggeeffamaa jiraachuu odeessi nu gahe addeessa.