Seife Nebelbal Radio, August 8, 2014

Aside

MACHA TULAMA 50TH ANNIVERSARY DEMONSTRATION AUGUST 1,2014 WASHINGTON DC

Aside

Manni murtii waliigala Oromiyaa guyyaa kaleessaa galmee himata dharaa ilmaan Oromoo irratti dhiyaate ilaalee murtii akka kennu dirqame.‏

Aside

Q NEWS3AAGabaasaa Hagayyaa 7,2014 Ilmaan Oromoo 68 olitti lakka’aman Godina  Lixa Shawaa Mana hidhaa Kachallee Ambootti  kanneen kumaan lakka’aman  waliin erga jumlaan ukkamfamanii hidhamuun baatii 4 oliif dararama turanii  booda badii tokkoo malee dhiibbaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin  sadarkaa mana  murtii waliigala Oromiyaatti himanni dharaa irratti dhiyaatee guyyaa har’aa  beellama  marsaa 2ffaaf mana murtii waligala Oromiyaatti mana hidhaa Amboo  irraa konkolaataa poolisaan fe’amanii poolisootaan eegamaa wayita qajeelanitti sirboota warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo farsuu fi Oromummaa leellisuu sirbaa Magaalaa amboo irraa hanga Magaalaa Finfinnee  Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti dabaree wal harkaa fuudhuun diina  Oromootti eenyummaa isanii argisiisan. hallii kun abbaa irree EPRDF yaaddoo  ulfaataa keessa galchuun cinatti Manni murtii Oromiyaa kiloo 6tti argamuu humnoota poolisaa, tikaa, fi hidhamtoota ilmaan Oromoo, maatii hidhamtootaa  fi namoota hidhamtoota bakka bu’uun ol iyyaannoo hidhamtootaaf deddeebisaa  turaniin guutamee muddama guddaa keessa kan olee ta’uu maddeen keenya bakka  bu’ootni Qeerroo bilisummaa Oromoo dhibba kana hordofuuf ramadamaan gabaasan.

Abbootiin seeraa fi abbaatiin alangaas himata sobaa kana fi sochii  tumsa hidhamtoota Oromoof maatii hidhamtootaa fi sabboontota Oromootiin  taasifamaa jiruun hedduu muddamuun mul’atera. Mootummaan Wayyaanees sochii  tumsa guddaa Oromoon waliif gochaa jiruun waan qabee gadhiisuu dhabuun,  dabballootaa fi poolisota isaa bobbaasuun dhiphina keessa seenee jiraachuun saaxilamera. Maatiin hidhamtootaa fi sabboontotni Addacha irratti argamuun  ilmaan keenya balleessa hin qaban bilisaan gadhiifamuu qabu, yoo xiqqaatee  hanga guyyaa har’aa badii malee hidhamuu isaaniif mootummaan gaafatamuu qaba. Mirgii wabii dura jalaa dhorkamee ture illee eegamuufi qaba jechuun  dubbachaa turan. Sabboontootni Oromoo dhaddacha nkana
nhordofan hundii gaaffiin mirgaa akkamitti maqaa shororkeessitummaan nama himachiisa jechuun, sagalee mormii qaban uummataaf ibsuun dubbiin kun sobaa fi jallinaan kan guutame waan ta’eef Oromoon gamtaan falmachuu qaba jechuun dhamsa dabarsan.

Haalli jiru baay’ee muddaa fi rakkoo guddaatti kan adeema jiru waan  ta’eef manni murtii waliigala Oromiyaa kanuma irraa ka’uun dhaddacha guyyaa  har’aa Oleen ilmaan Oromoo irratti himanni dhiyaatee soba, ragaa qabatamaa  kan hin qabne ta’uu hubachuun hidhamtoota irra caalaaf irra deebi”uun  qorannaan akka godhamuuf, Yakki dhiyaacha jiru kun shororkeessuummaa nama jechisiisa moo hin jechiisiisu kan jedhu illee irraa deebi’ame akka qoratamu dubbachuun beellama Hagayyaa 30/2006tti beellame jira.ilmaan Oromoo hidhamanii jiran immoo bilisaan gadi akka lakkifaman  gaaffii kaachiisan. haaluma kanaan manni murtii waliigala Oromiyaa muddamaa fi dhiphina guddaa keessa turte.

50TH ANNIVERSARY OF MACHA TULAMA PRESENTATION BY AYYAANTUU 2014 D.C

Aside

Wallagga,Anaa Manasibuu Sabboontoti Oromoo 6 Hidhaa Wayyaaneen Guyyaa 17f Dararamaa Turanii Wabii Qarshii 2000n Gadhiifaman‏

Aside

Q NEWS3AAGabaasi Qeerroo Wallagga,Aanaa Manasibuu Hagayya 7,214 addeessuun mootummaan Wayyaanee namoota 6 maqaa ijaarsa hojii ABO jedhuu  fi uummata mootummaa irratti kakaastaniittu jedhuun guyyoota 17f mana hidhaa magaalaa  Aanaa Manasibuutti dararsaa tureeen booda wabii qarshii 2000tiin guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 6/2014 gadhiifamanii jiru.Namootni kuni mana hidhaatii haa bahaniyyuu malee ammallee boodarraan hordoftoota basaastota isaa itti tolchee waan isaan hojjetan akka gabaasaniif qopheeffatee jiraachuu isaa waliin gabaasni nu gahe addeessa. Namootni kuni jiraattoota aanaa Manasibuuti, maqaan isaanii:

  1. Abdii Taammiruu-Hoj-dhabaadha,nama umurii 29ti.
  2. Jaalallee-barataa kutaa 12ffati, umurii 27
  3. Abdiisaa Abraham-Daldalaa Bunaa fi Dhadhaati
  4. Dabalee Goobanaa-Qote bulaa fi hojii humnaa guyyaas kan hojjetuudha, nama umurii 35,
  5. Tuujjubaa Shaaroo-barataa kutaa 10ffaati,
  6. Hirphaa Disaasaa-Daldalaadha,jiraataama magaalaa Aanaa Manasibuuti,

Namootni kun kanneen uummata ijaaraniidha mootummaa irratti,siyaasa ABO biyya keessa tamsaasaa jiru,maddi fincilaas isaanuma jechuudhaan guyyoota 17 reebichi hamaan irratti raawwachaa tureera ammammoo wabii qarshii 2000tiin haa ba’aniyyuu malee isaan duukkaa basaastota tolchitee akak jirtus gabaasni nu Qeerroo gabaasa.

 

Walllaga Naannoo Giddaa Daallee Sababaa Barattooti Oromoo 8 Irratti Murtiin Hidhaa Baatii 6 fi Qarshiin 400 Murtaayeen Tasgabbiin dhibuu Qeerroon Gabaase

Aside

Hagayya 07,2014 Najjoo

FightGabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Ganda Giddaa Daallee Irraa Hagayya 4/2014 Addeessuun guyyaa har’aa maqaa ABOtiin, farra mootummaa keenyaa,leellistuu ABO fi kanneen uummata keenya kakaasan,ABO faarsan jechuudhaan godina wallagga lixaa aanaa Najjoo ganda Giddaa Daallee jedhamutti sabboontota barattoota oromoo nama 8 irratti hidhaan baatii 6 fi qarshiin 400 itti murteeffame. Barattoota kana yeroodhaa yerootti hordofuudhaan hojii guyyuu isaanii kan mootummaa Wayyaaneef dhiyeessaa ture qindeessaa mana barumsaa Giddaa Daallee kan tahe Barsiisaa Waaqgaarii Teessoo kan jedhamu ganda Giddaa Daallee keessa kan jiraatu yoo tahu ijoollotni kuni maqaan isaaniii akka armaan gadiiti:

1.Gaaddisaa Waaggaarii-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa barata-umurii 23
2.Eebbaa Zarihun-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa; umurii 22
3.Leencoo Fufaa-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 26
4.Yohaannis Birraatuu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 24
5.Eebbaa Immiruu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 22
6.Maatiwoos Indaaluu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 24
7.Daanyee Gannatii-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 25
8.Toliinaa-mana barumsaa Gorii sadarkaa olaanaa kutaa 9ffaa,umurii 26

Barattoota kana irratti erga murtiin darbee kaasee naannoo Najjoo Giddaa Daallee keessa tasgabbiin dhabee jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 6, 2014

Aside

Wallee Haaraa “Nuti Qeerroon Leenca Goota” HQB/Wallisaa Sabboonaa Bashannanaa /Hagayya 2014

Aside

Mootummaan Wayyaanee FDG Ebla 2014 Keessa Ka’een Wal Qabasiisee Oromoota Ambotti Hidhaman Irratti Ragaa Sobaa Basuuf Mseensota OPDO 100 Qopheesse.

Aside

OPDO.jpg saamtuuGabaasaa Hagayyaa 5,2014, Godina  Shawaa Lixaatti gaaffii mirga fi dimookiraasii kabajamuu mirga abbaa biyyuummaa goototni dargaggootni batrattootni Oromoo fi waliigalatti uummaatni Oromoo hundi itti hirmaachuun karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffataniif mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO jedhamtuu humna Waranaatti fayyadamuun ilmaan Oromoo meeshaa tokko illee of harkaa hin qabne irratti warana banuun yakka waraanaa uummata irratti rawwachuu, badii tokko malee jumlaan hidhaatti guuree dararuu fi himata tokko malee qawweedhaan mooraa mana hidhaa keessatti akka ittifaman taafamera, Dargaggootni barattootni Oromoo dhabbilee barnoota olaanoo biyyatti garaagaraa irraa baratan badii tokko malee Oromoo fi Oromummaa qabachuu qofaan barnoota isaanii irra dhorkamaniiru.

Kanneen mana hidhaa  mootummaa abbaa irree Wayyaanee biyyaatti keessatti hidhamanii himata tokko malee afaan qawween ittifamaa jiran irratti himannaa kijibaa qopheessuun raga kijibaa/sobaa miseensota OPDO qindeessuun ilmaan Oromoo mana hidhaa karchallee Amboo keessatti hidhamani jiran dararama jiru. Qeerroon bilisummaa Oromoo Godina Lixaa Shawaa haala kana jabinaan jala bu’uun ragaalee sobaa kanneen bahuuf qophaawan galmee mootummaa keessaa akka argate jira.Jarreen sobaan ilmaan Oromoo irratti raga bahuuf deeman kanas uummanni Oromoo akka dura dhaabbatu uumanni Amboo fi miseensotiin qeerroo jabinaan irratti hojjetaa jiru.

Ergamtooti Wayyaanee (Miseensonni OPDO) 100 Godina Lixa Shawaa keessaa  galmeefamanii ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran irratti raga sobaa keennuun lammii isaanii miidhuuf qophaawan kunis kanneen armaa gadiiti :-

  1. Leejjisaa Jootee tika Wayyaanee Magaalaa Amboo nama yeroo hedduu sabboontota Oromoo ajjeesisaa,hisiisaa fi raga sobaa irratti kenna ture.
  2. Saajiin Mulaaleem Waqjiraa poolisii ta’ee Magaalaa Amboo ganda 01 keessatti kan ramadame nama yeroo hedduu mana ilmaan Oromoo sakkataasisuu fi raga soba ba”aa ture.
  3. Saajiin Hirphasaa Guutamaa poolisii Magaalaa Amboo ganda 01
  4. Ajajaa dhibbaa Birhaanuu Eebbisaa Magaalaa Amboo ganda 01.
  5. Inspetor Biraanuu Jifaraa poolisii Magaalaa Amboo ganda o1
  6. Inspector Shaanbal Guddisaa Duube poolisii Magaalaa Amboo ganda 01
  7. Baqqalaa Irranaa Tolasaa jiraata Magaalaa Amboo ganda 03 dabballee wayyaanee.
  8. Tarikuu Ebbisaa Qajeelaa jiraataa Magaalaa Amboo
  9. Birhaanuu midhaksaa didhaa jiraata Magaalaa Amboo ganda 03
  10. Gargaara kumander taarikuu Waraash poolisii Magaalaa Amboo ganda 03

Guutummaa Galmee Kanaa Argachuuf :- Miseensota OPDO 100 Ragaa Sobaaf Qophaawan

SBO Hagayya 06 Bara 2014 Oduu – Kora Gamtaa ABO Godina Awuroppaa irratti gaaffii fi deebii J.Barsiisaa Guutamaa waliin taasifame akkasumas Tokkoomuu ABO irratti yaada gaafatamaan Siyaasaa WBO Zoonii Kibbaa J.Amaan Filee kennee fi Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside