Uummatni Oromoo Qabsoo Uummata Kuurdish irraa maal barata?

Aside

Abbaan Iyyatu; Ollaan Birmata!

barruuBiyyootiin hara daangaasaanii seera mootummootii idil addunyaan kabajsiifatanii alaabaa isaanii dhaabbatanii qaama mootummoota gamtoomanii taan hundi tokkollee boca hara ilaallu kanaan kan dhalate hin jiru.

Hundumtuu wareegamaa qaqqaaliifi gatii guddaan itti bahee, kan eenyummaasaa mirkaneeffatedha. Biyyi tolaan kadhaatiin walaboome hin jiru.

Lafa kanarratti ilmi namaa seenaa hedduu keessa dabreera. Gabroomuun akka jiru bilisoomuunis ni jira. Biyyittii hara qaroomaafi dinagdeen addunyaa keenya dursaa jirtu United States of America irraa jalqabee, irra jireessi biyyootii addunyaa kanaa, hadhaa gabrummaa kan dhandhamanii dabranidha.

Dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbata akkuma jedhan, gabrummaan hangamillee jabaatu kan jalatti hafu garuu gonkuma hin jiraatu!

Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle Saba gugddaa akka Oromoo, Gidduu gala Eeshiyaa kan tae, saba Kurdish jedhamuun beekamu, uummata Miiliyoona 30 tii ol taetu jira.

Sabni kun akkuma saba kamiiyyuu uummata aadaafi afaan ofii qabudha.

Haatauyyuu malee babalina amantaa wajjiin wal qabatee qabiyyeen lafa Kurdootaa kun biyyoota olla isaaniitiin liqimfamaa dhufe.

Lafti Kurdootaa karaa Bahaa kan ture, godinni Rajihilaat jedhamu, Iraanotaan nyaatamee, kunoo hara qaama Iraan Kaabaa taee argama.

Lafti Kurdootaa karaa Kaabaa kana ture godina Baakuur jedhamu ammo Turkootaan saamamee, hara qaama Kibba Baha Turk taee argama.

Lafti Kurdootaa karaa dhihaa kana ture godinni Rojaavaa jedhamu Sooriyaatiin fudhatamee, kunoo hara qaama Sooriyaa Kaabaa taee argama.

Akkasumas lati Kurdootaa karaa Kibbaa kan ture Baasuur jedhamuun kan beekamu, kunoo hara qaama Iraaqa Kaabaa taee argama.

Uummatni Oromoo Qabsoo saba Kuurdish irraa maal Barata.docx

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 16, 2014

Aside

SBO Hagayya 17 Bara 2014 Oduu – Gaaffii fi deebii J.Gammachuu Fayyeeraa – Ibsoota Ejjennoo fi Yaada hirmaattota Kora Gamtaa Miseensota ABO Kaaba Amerikaa

Aside

Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Sabboonaa Barataa Biqilaa Balaay Sagalee Qeerroo Irraa

Aside

Yoo Diina Diinomsan Biyya Bilisoomsan!!

Aside

Kun Dubbii Qeerroo Oromooti!!

barruuAkkaataa naamusa hawaasummaa ummata Oromootti, kan gorsaafi dinniina hawaasaa tuffatee, adaafi duudhaa biyyaatti buluu dide, yakka yakkeef fala falatee, hooda guuttatee of qulleessuu dide Cirattee jedhama.

Ciratteen fafaa nijibbu. Ciratteen hoodaa nihooddatu. Waliin burqaa tokko hindhugan. Waliin dhiyaana tokkotti hindhiyaatan. Waliin gumii hintaaan. Waliin seera hintumatan. Ciratteen laguudhaa nilagatan. Dua isaanii nilagatan. Cidha isaanii nilagatan. Irraa hinbitan. Ittihingurguran. Waliin hinyaatan. Irraa hinfuudhan. Ittihineerumsiisan. Gaddaa – gammachuu waliin hinirmaatan. Biyya Waloo waliin hinqabaatan.

Kanaaf cirattee akkanaan yuuyyessu ykn. diinomsu. Inni yuuyyae bubbultii keessa qalbii jijjiirratee amala fooyyeffatee Aadaafi Safuu uummaataatti deebiee hoodatee akka of qulleessu carraa kennuuf. Isa kana hundaa didee fafooma filate nidiinomsu. Diinimmoo diinaa biyyarraa godaansisu. Ittiduulanii waraanaan buqqisu. Duudhaa qabnutu kana. Aadaa keenyatu akkana.

Diina Diinomsan (1).doc

Waraanni humna ittisa biyyaa buusii Wayyaanee dhorkachuun gaaffii dabalinsa miindaa fi mirgaa itti fufan

Aside

Hagayya 16,2014 Adaamaa

Fincilli diddaa garbummaa daran jabaachuudhaan kan dhufe Waraana Humna ittisa biyyaa keessattis dhalate. Mootummaan wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf saaminsaa fi buusii garaa garaa dhimma bahaa kan as geesse yeroo ammaa kana wayita qaalainsi jireenyaa olaanaan Uummata Impaayera biyyattii mudachaa jirutti buusii MELES FOUNDATIONdhaa fi Hidha Abbayyaaf gaafatameen Humni ittisa biyyaa guutummaan dhorkatanii jiran. Waraanni Humna ittisa biyyaa yeroo dheeraaf dabalinsa miindaa gaafachaa kan as gahee fi dabalinsa miindaa taasifameenis addatti dhorkamuu isaaniitiinis gaaffii mirgaa itti fufanii jiran. Yeroo ammaa kanatti Waraanni mootummaa wayyaanee haala olaanaan burkutaauu fi hunduu abdii kutuu keessa beektotni saaxilanii jiran.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 15, 2014

Aside

Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Gooticha Barataa Biqilaa Balaay Toleeraa

Aside

Sagalee Qeerroo irraa
Dargaggoo Biilaa

Gootichi Barataa Biqilaa Balaay Abbaa isaa Obbo Balaay Troleeraa fi Haadha isaa Aadde Siccaalee Mul’ataa Abdataa irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Habaaboo Guduruu ganda Caalaa Fooqaa keessatti bara 1991 A.L.Otti dhalate. Dhalatees Hiriyyoota isaa waliin taphachuu, Seenaa baruuf tattaafachuu fi barsiisuu kan jaallatu sabboonaa qaroo ilma Oromooti. Barataa Biqilaan guddatee barnootaaf akka gahetti bara 1999 AL.Otti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Caalaa Fooqaa seenuudhaan kuitaa 1ffaadhaa hanga 8ffaatti barate. Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa mana barnootaa sadrkaa lammaffaa Kombolchaa seenuudhaan kutaa 9ffaa fi 10ffaa barate. Barnoota isaa Cinaatti ilmaan Oromoo sabboonummaa barsiisaa gama kallattii garaa garaadhaan QBO keessatti qooda olaanaa fudhachaa kan ture bara 2009 AL.Otti kutaa 10ffaa akka xumureen Koollejjii Horroo Guduruu magaala Fincaa’aa seenuun bara 2011 A.L.Otti muummee Veternarydhaan eebbifame. Barataa Biqilaa Balaay dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessu argaa bira kan hin dabarre QBO keessatti qooda fudhachaa kan as gahe Fincila diddaa garbummaa bara 2014 dhimma naannawa lafa Finfinnee qabatee dhoheen magaala Amboo keessatti hiriira barattootnii fi Uummatni gamtaan gaafa Ebla 25, 2014 gaggeessan keessatti qooda fudhachuun rasaasa mootummaa wayyaaneedhaan sa’a 12:29 PM irratti mataa rukkutame. Rukkutamees waldhaansaaf gara Hospitaala Xiqur Ambasaa guyyaa sana kan fudhatame yoommuu tahu maallaqa hedduu dhangalaasuudhaanis waldhaansa olaanaa irra ture. Waldhaansi olaanaan taasifamus rukkuttaa bakka hamaa rukkutamee fi waldhaansa taasisfameen qorichi kennamaafii ture mataa isaa keessaa rasaasa baasuuf yaalii godhamaa ture summii itti tahuun gaafa hagayya 11 bara 2014 Addunyaa kana irraa du’aan boqoteera.
Barataa Biqilaa Balaay bakka Ciisutti  Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Gooticha Barataa Biqilaa Balaay Toleeraa (1)

Breaking News -Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Miseensotni Korichaas arii’amaa jiru‏.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Hagayya 15,2014

OPDO.jpg saamtuuYeroo dheeraaf Ulee mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo rukkutu tahuun tajaajilaa kan as gahe Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Fincila diddaa garbummaa bara 2014 gaggeeffame keessatti isin miseensota ABOti, FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtu jechuudhaan Qorannaan caasaa qulqulleessuu magaala Adaamaatti eegalame xumura malee hafuudhaan gara magaala Shaashimanneetti cehamee jeequmsa olaanaa irratti argamu. Miseensota Koree gidduu galeessaa OPDO kan turanii fi tika Caasaa OPDO kan turan Obbo Geetaachoo Olii fi Abdoo kanneen jedhamanis miseensummaa irraa haqamanii jiran. Kanneen walgahii kana irratti argamaniidhaafis gatiin hojii isaanii sadarkaa A, B,C, Ddhaan kennamaa kan jiru yoommuu tahu Iccitii kana baasnaan namuu itti gaafatama jechuudhaan bilbila harkaa irraa funaanuun walgahii muddaa irratti argamu. Keessi OPDO bututaa fi wal amantiin isaan gidduutti dhibamuu irraa Passportiin amanamtoota Koree gidduu galeessaa yeroo dheeraa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Obbo Dirribaa Kumaa irraa fudhamee jiraachuun isaas ni yaadatama.

Wallagga, Anaa Giddaa Kiramuu keessatti FDG itti fufe. Uummatnis walgahii Wayyaanee lagate

Aside

Hagayya 15,2014 Gabaasa Qeerroo Giddaa Kiiramuu

OromiaALutaContinua2011FDGGodina Wallaggaa aanaa Giddaa Kiiramuu keessatti FDG jabaachuudhaan itti fufe. Mootummaan wayyaanee uummata naannoo kanaa olola siyaasaan afaanfaajjessuuf walgahii waamtus uummatni gamtaan walgahii kana hafuun mootummaa abbaa irree wayyaanee waaroo qaanii uwwisee jira. Uummatni walgahii kana irratti argames nuti biyyi keenya Oromiyaadha, Ilmaan keenya ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhuu fi kanneen kana fakkaatan gaaffiilee abbaa biyyummaa kaasaa kan oolan yoommuu tahu dabballootni wayyaanees gaaffii kana deebisuu dhabuudhaan baaraganii jiran. Mootummaan abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo irratti daldala siyaasaa bara dheeraa gaggeessaa kan as gahe lamuu akka hin hojjennes Qeerroon Wallagga bahaa addeessee jira.