Nin lola gootummaani,Kaayyoo koo hin jijjiru hamma bilisoomtu Oromiyaani

Aside

Barattooti Oromoo 80Yuuniversitii gara garaa boqonnaa yeroo gannaaf maatiitti galan dirqisiifamanii loltoota Wayyaaneen osoo konkolaataan fe’amanii deemanii 20 ol madaa’an.

Aside

Hagayya 20,2014 Amboo

new-image-qerrooGuyyaa har’aa battootni Oromoo dhaabbilee Barnoota Olaanoo irraa baratan Godina Kibba Lixa Shawaa irraa walgahii ariifachiisaa jechuun FDG irraa isaan dhaabuuf Wayyaaneen humna waranaatti dhimma ba’uu barattoota dirqiisiisee Konkolaata tokkotti barattoota 80 ol fe’uun gara Magaala Jimmaatti utuu adeemuu karaatti konkolaatan garagalee barattoota 20 ol ta’an irra midhaan ulfataan qaqqabee Hospitalaa Waliisoo galanii du’aa fi jireenya gidduutti argamu.

Akkuma torbeewwan kana keessa walgayiin barattoota Yuuniversitii irraa galan torbee kana keessa bakkoota adda addaatti eegalu jechuun yuuniversitii 9 irratti isaanis Yuuniversitii Adaamaa,Amboo,Wallaggaa,Haromayyaa,Madda Walaabuu,Jimmaa,Bulee Horaa,Mattuu fi Dirre Dawaatti kan gaggeeffamu yoo tahu isaan keessaa yuuniversitii 3tti guyyaa haraa kan eegaleedha,haatau malee barattoota oromoo dhiibbaa miidhaa garagaraa ajjeesuu irra madaanii akka isaan jiraatan mala itti barbaaduudhaan konkolaataa caccabaadhaan kaleessa guuraa oolaniiru,kun karaa miidhaa konkolaataatiin barattoota kana irratti gaggeessuudha,akkuma yaadan hamma yaadan tahuu baatuus bakkeewwan sadii irratti konkolaataan barattoota featee utuu deemuu galagalee jira,namootni sirriitti beekan yoo dubbatan konkolaatawwan barattoota itti funaananii deeman kun hojii dhaabee kan lafa tureedha jedhu,bakkeewwan konkolaataan kun itti galagale keessaa:

– Kibba Lixa Shawaa irraa kaee gara yuuniversitii Jimmaa kan imalu asuma shawaa keessaa utuu hin bahin galagalee barattootni hedduun madaaniiru,
– Kaaba Shawaa irara fuudhee gara Adaamaa kan imalu Caancoo bakka jedhamutti galagalee barattootni walakkaa ol madaanii jiru,
– Gindabarat irra fuudhee gara Amboo utuu deemuu konkolaataan lama wal faana galagalee baratttooni guutummaatti madaanii jiru
– Bakkeewwan biroos akkasuma akka dhagayamaa jirutti garuu barattooni lubbuun darban hin jiran qaamaan hiratanii madaanii hospitaala garagaraa galanii kan jiran irraa kan hafe.

Walgayii barattootaa kana irratti kan argaman koreewwan giddu galeessa hojii raawwachiiftuu OPDO namoota 5 fi isaa oliin gurmaaanii yuuniversitiiwwan kana irratti kan argamaniidha,ijoollota isaan fayadan of jala tooressanii sodaadhaan walgayii kana irratti wal gurmeessanii argamaniiti kan jiran,kaayyoomti isaanii inni duraayyuu haala hin beekanmeen barattoota kana miidhuu ture balaama konkolaataan kun dursee waan qindeeffameedha jedhu akka gabaasni isaa caasaa mootummaa irraa addeessutti. Kunis kan irratti hubatamee jiru qaama isaanii kan taan konkolaata biraadhaan gaggeessani keessaa fooani,kun waanti barattoota kana irratti qophaayee jiraachuu isaa raggaasisa,ammas haalli jiru bakka walgayiitti sodaachisaa akka tahee fi jarris barattoota irra sodaa qabantu mulataa akka jiru gabaasni nu gahaa jiru addeessa,dhimmoota kana ammas gabaasni guutuun gadi fageenyaan kan dhiyaatu taa jedhamaa jira walitti deebina.

SBO Hagayya 20 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Sochiin Qeerroo Bilisummaa Wayyaanee mudduu ilaalchisuun barruu Qeerroo irraa dhihaatee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oduu Ammee:-Mootummaan Wayyaanee Olola Guyyaa Boruu Eegaluuf Jecha Magaalaa Amboo Hoomaa Waraanaan Marse.

Aside

Hagayya 19,2014 Amboo

Wayyaaneen EPRDF guyyaa boruu walgahii ittiin uumata Oromoo afaan fajjeessuu kan marraa jalqabaa bifa ofii tolfateen as bahuuf deema.

barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo irraa boqonnaaf maatii bira utuu jirani, walga’iin afaan faajjiin kun qophaa’ee barattootni dirqamaan akka hirmaatan Wayyaaneen karoora dabarsite FDG gootota barattota Oromoo duraittin dhaabbachuuf jecha shira dinni Oromoo cabsee bituuf qopheesse ta’uu hubachuun goototni barattootni barattootni Oromoo shira Wayyanee dura dhaabbachuuf kutannoodhaan gara walga’ichatti aanotaa Oromiyaa irraa konkolatan guurama jiru
Sochii barattoota kana danquuf Mootummaan Wayyaanee hoomaa waraanaa daangaa irraa gara Oromiyaatti keessattuu gara Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa. Harammayyaa, Adamaa, Massage Walaabuu, Bulee Horaa kanneen jedhaman irra humna waranaa wayyaanee guddaan qubsiifamee uummata magalota kanneen irra jiran goolaa jira. Barattootni hedduun maqaa walga’ii kanaan wamamanii ukkanfamanii eessaa buuteen isaa illeen dhabamaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Haala kanaan guyyaa har’aa magaalaa Amboo hoomaa waraan marfamtee akka jirtuu fi sodaan FDG nutti ka’a jedhu irraa barattoota warra walitti qaban uumatatti muldhisuu didanii waraanaan qabanii akka jiran gabaasi qeerroo addeessa.

 

Faana Barattoota Yuuniversitii Irraa Boqonnaaf Galanii Hordofuun Mootummaan Wayyaanee Wallagga Keessaa Barattoota Dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa Jira.

Aside

thumbnail.aspxFaana barattoota Oromoo Yuuniversitii irraa boqonnaaf maatiitti galanii hordofuun Mootummaan Wayyaanee barattoota Wallagga Bahaa keessatti dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa jira.

FDG Oromiyaa keessatti barattoota Oromoon qabsiifame dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waan hin godhin hin jiru,ilmaan Oromoo hidhuun,ajjeessuun,barumsa irraa ariyuun,qabeenyaa saamuun gonkumayyuu qabsoo Oromoo fi sochii diddaa gocha isaanii balaaleffachuun dura dhaabbachuu dhabamsiisu fi laamshessuu hin dandeenye. Yeroo ammaa akkuma beekamu qaamni sochii barattoota ilmaan Oromoon gaggeeffamu martiyyuu ABO tu qindeessa sababa jedhuun barattoota goolaa jira, sodaan mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa keessattii yeroo gannaa kana barattootaaf walgayi qopheessee jiraachuun isaa gama hundaan kan dhaamaamaa jiruudha,walgayiin barattoota Yuuniversitii fi Koollejjii irraa galaniif qophaayee kanatti hedduu gaabbii keessa seenanii jiraachuutu ifatti bahee jra.

Dursanii waan qindeeffatan akka qabanii fi walgayiin Hagayya gaafa 18,2014tti qopheeffame kan barattoota ilman Oromoo hunduu gara Hagayya 21,2014tti darbee jiraachuu gabaafamee jira. Kunis barattootni bakka adda addaatti wal jala dabarsuudhaan walgayiin kun akka gaggeeffamu ta’ee jira,guyyaa har’aa  Hagayya 19/2014 barattootni Wallagga Bahaa irra jiran gara Mattuutti konkolaataa Wayyaaneetiin guuramaa jiru ganama irraa kaasee. Kanneen biroos akkasuma yoo tahu sababni jijjiiramuu guyyaa walgayii kanaa maalif kan jedhuuf kanneen caasaa mootummaa keessaa dhoksaa baasanii jiran bakka barattootni walgayiin kun itti gaggeeffamutti barattoota dhalootaan saba biraa garuu Oromiyaa keessatti guddatan kan afaan beekan akka basaastummaatti qindeeffatanii waan gorfatanii fi leenjifatantu jira jedhu,kunis dursanii bakka dhoksaa dhoksaa garagaraatti waamanii leenjiin kennameefii jira,akka haaratti garuu guyyaama wal gayiin kun itti waamamee bakka itti waamamanitti barattoota waliin afeeramu ykns argamu, argamuun isaanii kun yknis dursanii waan iccitawaa ta’een gorfamuu isaanii kuni gaaffii barattootni qabatani ka’an,sochii barattootni Oromoo godhanii fi walii galatti FDGf haalota dursanii agarsiifaman dura dhaabbachuuf kan mijeeffamaniidha jedhu. Kunis dabarsanii barattoota kennuudha,doorsisi kennama jiru hanga ganaatti deemanii walgayii kana irratti hin hirmattan taanan mooraatti deebitanii barachuuf mirga hin qabdani isin keenya miti,kanaaf argamuun dirqama jechuun doorsisaa fi dirqisiisa itti jiru.

Qeerroon Bilisummaa gama isaan barattooti Oromoo hamma dandayametti walgahii kana irratti hirmaachuu irraa akka of qusatanii fi kanneen dirqisiifamuun dhaqan ammoo guutummaatti diddaa isaanii akka dhageessifatan dhaamsa dabarsee jira.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 18, 2014

Aside

Generation fearless of death and detention destroys mountains

Aside

By Firehiwot Guluma Tezera August 18, 2014

Firehiwot Guluma Tezera

There is an Ethiopian saying “she lost what she has under her armpit while reaching for the upper shelf”. While this selfish individual tries to get hold of another, what she already has will be scattered. Lately in Habesha camp fear has spread and uneasiness has increased.

Soothing, warning, rebuking and some others were tried. Unfortunately they try to tell us that the source of their problem is the national struggle of the Oromo people. In reality the aim and goal of the struggle of the Oromo people is to get rid of authoritarian rulers and thus to achieve the right to self determination for the Oromo people based on international regulations and laws is fair. The importance of the struggle is not only for the Oromo people but for all the people of the empire who are suffering under the colonial rule. So the Oromo people trust in united struggle of oppressed people. It will and has been wedging joint struggle with forces with similar aim. In other ways Oromo people demonstrate peace in its cultural and administrational structure and supports fair unity. It helps the weak and stand for the oppressed. A good demonstration is the exemplary unity the different ethnic groups living in today’s Oromiya exhibit despite the numerous attempts by anti Oromo groups to create a rift between them.

Generation fearless of death and detention destroys mountain1.docx

ቄሮ -የኦሮሞ ወጣቶች ለነፃነት ንቅናቄ ድምጵ/ SQB Afaan Amaariffaa Hagayya 18 Bara 2014‏

Aside

Odeessa Qeerroo:- Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche;

Aside

Hagayyaa 17,2014 Odeessa Qeerroo Bilisummaa

QeerrooSochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.

Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.

Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.

Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira. Sochiin Qeerroo Oromiyaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche

“Cidha Walabummaa” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon/Hagayya 17,2014

Aside