Barsiisoti Kolleejjii Barsiisota Jimmaa Imaamata Sirna Wayyaanee Mormuun FDG Eegalan

Aside

DIDDAA 2Hagayyaa 29,2014 Mootumman Wayyaanee EPRDF gaaffii mirgaa uumanni Oromoo gaafataa jiruu fi diddaa sirnichaa bakka hundaa itti qabatee jiru dura dabbachuu fi sochii qindaa’aa uummata hunda hirmachisaa jiru irraa soda guddaa keessa seenuun hojjetoota mootummaa sadarkaa garaagaraa irra jiraniif  maqaa mindaa hojjetoota parsentii(%) guddaan daballee jirra jedhuun ololli ofaama ture fincilaa hojjetootaa qabsiisaa jira.

Godina Jimmaatti barsiisotni kolleejjii barsiisota Jimmaa maqaa daballii mindaan walqabatee olollii ofamaa ture kan mirga keenya sarbudha malee mirga keenya hojjettootaa waan kabachiisuu miti, mootummaan kaleessa mindaan keessan persantii guddaan jechuun parseentii 58% fi isaa oliin isiniif dabalamee jira jechuun FDG dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo waliigalatti gaggeessa jiru  fuul-dura dhaabbachuun sochii karaa hojjetoota dhalachaa jiru dhaamsuuf olola isaa butatee  fiigaa tur.Mindaa hojjetoota barasiisota koollejjii kanneen wajjiraalee secteroota garaagaraa irra hojjetanii 28% perooliin akka hojjetamuu yeroo murtee dabarsan warrii mootummaa naannoo Oromiyaa bakka buuna jedhan OPDO’n mallatteessuun yeroo fudhattee soba Wayyaaneen dura 58% tiin miindaan keessan isiniif dabalame jechuun ololaa ture, ammo gara 28% gadi buusuun peroliin akka hojjetamuu gochuun FDG tti barsiisotni fi hojjetootni Aanotaa fi sekteroota garaagaraa irra hojjechaa jiran akka seenan ta’ee jira.

Adeemsa Wayyaaneen daballii mindaa 58%tiin dabalee jettee gara 28%tti gadi deebisuun hojjettootaaf akka kanfalamuu gochaa jirtuu kana naannoo Oromiyaa qofa keessatti malee naannooleen Amhaaraa , Tigiraay  fi Kibbaa hin hin mallatteesinuu mediadhan ibsa godhaa jechuun kan morman yeroo ta’uu ergamtootni Wayyaanee Oromiyaa bulchaa jirra jettuu immoo mallateessuun fudhachuun haalan kan hojjetoota dheekamsiisa jiru yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana yeroo dhagaa’an barsiisotni Oromoo kolleejjii barsiisota Jimmaa barnoota gannaa barsiisaa jiran guutummaatti hojii dhaabani mirgi keenya kabajamuu qaba. Mindaan kan nuuf dabalamus yoo ta’ee ogeessa waan taaneef gatii Ogummaa keenyaa tajajila kenninuuf malee mirga keenya sarbuuf bilisummaa keenya mulquuf kan dabalamaa jiruu fi olola sobaa ofaamaa ture hin fudhannu jechuun hojii barsiisuumma dhaaban.

Mootummaan Wayyaanee sochii FDG biyya keessatti gama hundaan hudhee isa qabee jirun aangoo irra darbamuuf kan jiru yeroo amma kanatti gaaffiilee gama hundaan hudhanii Wayyaanee qabanii jiraniif deebii tokko illee dhabuun uummata sodaachisuu qofaaf jedhee humna waraanaa off harkaa qabu konkolaatatti fe’ee Oromiyatti guura jira. Adeemsi kunis mootummaa wayyaanee kufaatii irra kan hin olchine ta’uu fi mirga ofii caalmatti akka falmataniif kan nama kakaasuu malee duubatti kan nama hin deebisne ta’uun ibsama jira.

FDG Barattoota Oromoon Eegale Gara Diddaa Uummata Itti Ce’uun Baha Oromiyaa Dirree Dawaa fi Shawaa Lixaatti Uummanni Oromoo Diddaa Sirna Wayyaanee Qabsiise.

Aside

 diddaa9Hagayyaa 28,2014 FDG Gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromootiin biyya keessatti Yuunibarsiitiilee garagaraa irraa finiinaa jiru gara uummata waliigalaatti tarkaanfatee jira .

Godina Bahaa Oromiyaa magaalaa Dirree Dawaatti uummatni magaalaa Dirree Dawaa gaaffii mirgaa kaasuun mootummaan Wayyaanee bakka nu bu’uu hin danda’uu nus bulchuu hin danda’uu jechuun FDGtti seenaani jiru, uummatni dammaqinsa siyaasaa fi sochii warraaqsaa FDG garbummaa goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyaa keessatti qabsiisuun mirga keenyaaf falmaa jiran gaaffii keenyadha, dargaggootni Oromoo bakka nu bu’uu danda’uu jechuun guyyaa keessa sa’aatii 6:00 irraa eegaluun uummatni waldammaqsuun daandii cufee gaaffiilee mirgaa kanneen akka bulchiinsii dimookiraasii hin jiru, nuti mootummaa dimookiraatawaa barbaadna malee mootummaa EPRDF kan uummataa fi dargaggoota rasaasaan ajjeesaa jiru hin barbaadnu,, tajajilootni hawaasummaa kanneen akka ibsaa, bishaan dhugaatii, fi network nurraa cicitaa waan jiruuf hedduu rakkachaa waan jirruuf mootummaan kun nurraa bu’uu qaba. nuti mootummaa bakka nu bu’uu danda’uu hundeeffachuu qabna, nuti nagaa fi dimookiraasii tasgabbii barbaadna.

Gama biraan mootummaan Wayyaanee humna waraanaa daangaa biyyaa eeguu magaalaa guddaa hagana ga’utti deebisuun yakkoota akka ajjeechaa, saamichaa fi humnaan dirqisiisanii gudeeduu ilmaan keenya fi dubartoota keenyarratti rawwachaa jiruuf seeratti nuuf dhiyaachuu qaba jechuun uummatni FDG itti fufsiisee jira. yeroo amma kanatti maddeen keenya magaalaa Dirree Dawaa irraa akka nuuf gabaasaa jiranitti magaalaan Dirree Dawaa jeequmsa keessa seentee jirachuun gabaafamaa jira.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa humna waraanaa fi poolisii Federaalaa uummatatti bobbaasuun sochii uummataa kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhuus uummatni nuti waraana hin barbaadnu mirga keenya kabachiifachuu fi gaaffii keenyaaf waraannii deebii hin ta’uu jechuun mormii jabeessan boodarraa mootummaan wayyaanee gaaffii keessaniif deebii ni kennina jechuun waadaa hin jirre seenuun uummataa fulduratti beellamuun akka uummaatni bittineeffamuu taasisee jira.

Gama biraan Godina Lixa shawaa Aanota kanneen akka Midaa Qanyii,  Jalduu, Amboo, Tokkee Kuttaayee, Gindabarat, Calliyaa Geedoo, Xuuqur Incinnii, Giinciii, Meettaa Roobii fa’atti diddaan uummataa haalan jabaachuun uummatni walga’ii wayyaaneen sadarkaa aanaa fi gandoota irratti qopheessuun olola ofufu yaala jirtuu diddaa uummataan fashalaa’e jira. Uummatni Oromoo mootummaan abbaa irree rasaasaan nu ajjeesaa jiru walga’iin isin waliin qaba jedhee walitti nu qabuuf yaaluun isaatuu qaanii guddaadha  nuufisan.

Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 28,2014

Aside

Hagayya 27 fi 28,2014 Yuuniversitiilee 9 Keessatti Gaaffiileen Mirga Bu’uuraa Barattoota Oromoon Ka’uun Hogganoota Wayyaanee Muddama Keessa Buusuun Beekame.

Aside

Hagayya 28/2014

QeerrooWalgayiin barattootaa Yuniversitiilee 9 irratti qondaalota OPDO9n  gaggeeffamaaa jiru  barattooti Oromoo rakkoo uumata isaanii ifatti haasa’uuf  sababa guddaa kan ta’eedha, akkasuma yaada bara dheeraa itti dhiphitan kaasuu irratti kan dirqaman ta’anii gaafachuus danda’anii jiru, gaaffii bal’aan ka’aa jiru, kan darbe dhaabaaf dhhiyaate irratti gaaffilee addaa ammas kanatti fufee kan jiruudha.

  1. Sirna nafxanyaa yeroo godina Booranaa bulchaa ture keessatti aanaa Bulee Horaa Tuulaa Suraa naannoo jedhamu keessatti Oromoo nama 360 mana tokko keessatti gubanii turan,madda gabaasaa garagaraa irraa utuu hubatanni har’a sirna isaanii nurratti faarsitu, kun maalif ta’aa?
  2. ABOn biyya keessa seenee akka mormitoota biroo seera qabeessaan maaliif hin dorgomu? Maaliif hin iyyamamuu? Mirga mormitoota biroodhaaf kennamee ABOdhaf maalif hin kennamin? Maalifis shororkeessaa jedhamee moggaafamee?
  3. Barattootni mooraa Yuuniversitii Oromiyaatin ala jiru keessati mirgi isaani xuqamaa jira,keessattuu Yuuniverstii Gondar keessatti .mootummaan kana irrati maaliif xiyyeffannaa godhee hin ilaaluu? Mirgi barattoota Oromoo Yuuniversitii akkasii keessatti maalif hin kabachiisuu?
  4. Ergee dimokiraasii dhugaa gaggeessina jettanii egaan uummanni Oromoo mirga Bilisummaa fi Walabummaa mataa isaa yoo labsachuu barbaade isiniin maaltu dhibee?
  5. Afaan Oromoo afaan federaalaa tahuu irra maaltu isa dhorkaa? Afaan saba heddummataati,maalif afaan federaalaa hin tahuu?
  6. Siidaan Aanolee fi Calanqoo ijaaramuun isaa tokkummaa uummata eegama jedhameetimoo? Yaadannoo gochoota habashaa darbaniitii? Achi keessa mootummaan dhokatee uummata walitti buusaa jiraachuun isaa kuni amma mootummaa ofiin jedhee of waamaa?
  7. Waa’ee milinik odeessuu qofa taatan yeroo hedduu,gocha fokkisaa isaa kaan odeessuu irra seenaa gaarii tokko hojjettanii odeessitan maal qaba?
  8. Gaaffiin eenyummaa fi abbaa biyyummaa waan hudaa dursa,gaafii kanaaf utuu deebii hin kenning waa’ee guddin biyyaa odeessuun keessan maal faayidaa qabaa?
  9. ABOdhaan akkamiin shororkeessaa jechuu dandeessanii? Keeyyanni 39 hojii irra haa oolu jedhee waan qabsaa’eefiidhaamoo?Guutummaa Gaaffii kanaaf :- Gaaffiilee Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee 9 Keessatti Kaasan

Oromoonni Hojjetoota Mootummaa Ta’an Sadii Badii Malee Arsii,Shaashimannee Keessatti Hidhaman

Aside

Haayya 28,2014 Shaashamannee

Godina Arsii Lixaa aanaa Lammataa naannoo Abaaroo jedhamu keessatti hojjtooni mootummaa sadii tikoota Wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti darbamanii jiru, akka ibsa gabaasa kanaatto guyyaa haraa Hagayya 28 alaabaa OPDO irratti jechi ABO fi Oromiyaani Ni Bilisoomti jedhu barreeffame, namootni kana godhan naannicha kan gadhiisan yoo tahu hojjetootni waajjira hawaasumaa aanaa Lammataa irraa hojjetan isinumatu kana godhe jechuudhaan namoota maqaan isaanii kanaa gaditti argamu tikoota Wayyaanee qabamani mana hidhaa Shaashimanneetti hidhamuu isaanii kan gabaasu Qeerroon magaalaa Shaashimannee irraati, namootni kuni:

1. Awal Abdii
2. Eliyaas Bulii fi
3. Bulii Baqqalaa kan jedhamaniidha,

Namootni kuni hojjetoota dhimma hawaasumaa aanaa Lamattaa kan hojjetan yoo tahu mootummaan wayyaanee isin silumayyuu ABOdha, qaamni addaa dhufee maqaa kana alaabaa kana irratti hin katabu, quunamtii qabdus jechudhan mana jireenyaa maatii isaanii sakattauuf humni waraanaas ergamee dirmaqamaan manni namoota kana sakattaamee akka jiru tahus homaa kan hin argannee fi namootni kuni namoota maatii qabanii fi mana hidhaa keessatti qaama quunnamtii qabdanii fi dhoksaatti waan hojjettan odeessa nuuf laadha jechuudhaan poolisin wayyaanee itti wal jijjiiruun reebaa akka jiran gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa 200 Ta’an Hidhaman, 26 Ammoo Warnaana Wayyaaneen Reebamii 1 Ajjeefamuun FDG Caalaatti Itti Fufsiise.

Aside

Hagayya 28,2014 Naqamte

db4234bfBarattooti Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa keessatti humnaan walitti qabamanii akka olola Wayyaanee baratan yeroo taasifamuu yaaluun roorroo uumata Oromoo irratti hammaatee jiruu fi gaaffiin hundee qabsoo Oromoo waan hin deebi’iiniif daran diddaa barattootaa jabeessuun guutummaa Oromiyaa keessatti Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) qabsiisee jira.

Haala kanaan Yuuniversitii Wallaggaa keessatti FDG Hagayya 27,2014 jabaatee itti ooleen baratooti 200 ol hidhamanii tokko waraana Wayyaaneen ajjeefamee 26 ammoo gara malee reebamuu irra darbee qabamanii mana hidhaa magaalaa Naqamtee jiru keessatti ugguramanii jiru. Barttooti 26 haalaan miidhaman kuniin:-

  1. Barataa Yaadataa Luuccee,barataa Injineeriingii waggaa 2ffaa.
  2. Barataa Addisuu Beekamaa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  3. barataa Daani’eel Kumarraa, barataa Fayyaa waggaa 3ffaa.
  4. Barataa Gammachiis Camadaa, barataa Economics  waggaa 2ffaa
  5. BarataaTarreessaa Nagarii, barataa Seeraa waggaa 4ffaa.
  6. Barataa Eebbaa Tesfaayee, barataa Accounting waggaa 1ffaa.
  7. Barataa Adduunyaa Geetinnet, barataa Injineeriingii waggaa 2ffaa.
  8. Barataa Gurmeessaa Bantii, barataa Seeraa waggaa 3ffaa.
  9. Barataa Firaa’ol Tuujubaa, barataa, Political Science and Governance waggaa 2ffaa.
  10. Barataa Guutamaa Xiiqii, barataa political Science and Governance waggaa 3ffaa.
  11. Barataa Caalchisaa Gammachiis, barataa Seenaa waggaa 3ffaa fa’aa
  12. Barataa Baay’isaa Warqinee, barataa Management waggaa 2ffaa.
  13. Barataa Tamasgeen Shifarraa, barataa Computer Science waggaa 2ffaa.
  14. Barataa Firoomsaa Baalchaa, barataa Injineeriingii waggaa 3ffaa.
  15. Barataa Fufaa Qaabataa, barataa fayyaa waggaa 3ffaa.
  16. Barataa Taaddalaa Irranaa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  17. Barataa Yaadanii Mootii, barataa seeraa waggaa 2ffaa.
  18. Barataa Firaa’ol Beqqelee, barataa Management waggaa 1ffaa.
  19. Barataa Guddinaa Tulluu, barataa Biology waggaa 3ffaa.
  20. Barataa Rabbumaa Jirraa, barataa Geography waggaa 1ffaa.
  21. Barataa Guutuu Immaanaa, barataa Seeraa waggaa 4ffaa.
  22. Barataa Caalaa Fayyeeraa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  23. Barataa Namarraa Guutaa, barataa Accounting waggaa 2ffaa.
  24. Barataa Cimdii Dhufeeraa, barataa Fayyaa waggaa 3ffaa
  25. Barataa Siifan Qixxaataa, barataa Economics waggaa 1ffaa.
  26. Barataa Dinquu Jaatanii, barataa Journalism waggaa 2ffaa.

Kanneen jedhaman dha.

Galmee hidhamtoota walii gala Qeerroon gama fuula duraatti ni dhiheessa.

 

Raadiyoo Oromiyaa fi Seife Nebelbal

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, Focus on FDG, August 27, 2014

ABOn, KAAYYOO UMMATA OROMOO MALEE, HAYYAMA DALDALAA MITI !

Aside

SEENAA Y.G (2005)| Hagayyaa 26, 2014

Addi Bilisummaa Oromoo bu’aa ba’ii Ulfaataa fi Daandii dheeraa keessa dabree har’a ga’uuf, Wareegama Ilmaan Oromoo qaqqaalii nu gaafateera. Wareegamni qaqqaaliin kafalaman, har’a ga’uu “ABO” kan nuuf mirkaneessu qofa osoo hin taanee, Kaayyoo isaa akka galmaan ga’u illee nu dhugeessa. Har’a seenaa ABOn keessa dabree hundeessitootaa fi warra lubbuu fi jireenya isaanii wareeganii isa jiraachisan irraa kan gaafannu hin qabnu. Seenaa fi Kaayyoon ABO yoo xiqqaate dhaloota sadii keessa jiraachuun hin shakkisiisu.

ABOn HAYYAMA DALDALAA MITI !!!!!.docx

Oromummaan Raayyaa Seenaa Tahee Akka Hin Hafne !

Aside

Malkaa Seenaa Irraa

“የራያ ሕዝብ የማንነት ጥያቄ እና
የማዕከላዊ መንግስታት ምላሽ
ከአፄ ዮሐንስ ፬ኛ እስከ ኢህአደግ”

Kitaaba Alamuu Kaasaa Rattaa fi Siisaay Mangistee Addisuutiin barreeffame.

Kitaabni kun gara waggaa tokkoo dura ‘Amaarinyaa’dhaan barreeffamee kan maxxanfame oggaa tahu, waa’ee gaaffii eenyummaa fi mirgaa kan ummata Raayyaa ibsuu irratti kan hundaawee dha akka mata-dureen isaa jedhutti. Mata-dureen isaa kan “Gaaffii eenyummaa ummata Raayyaa fi deebisaa mootummoota Waaltaa, Atsee Yohaannis IV irraa hanga Wayyaaneetti” jedhu kun qalbii koo waan harkiseefin barbaadee dubbise. Ergan dubbisee booda gaarummaa ykn. mishooma isaa qofa osoo hin taane akka hammeenya isaattis waanin ilaale/hubadhe waan jiruufin yaada kana namoota waliin qooddachuun hin hammaatu jedhee waan kana barreessaa jira. Yaada natti bule ykn. hubannaa kiyya ibsuu dura, warri barruu kiyya kana dubbisuuf carraa argattan kitaabichas barbaaddanii akka dubbistanin isin yaadachiisa.

Oromummaan Raayyaa Seenaa tahee akka hin hafne.doc

ቄሮ፡ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና፡ – Hagayya 27, 2014 Sagalee Qeerroo Afaan Amaaraa

Aside