Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo faana dhawuuf jecha maqaa walgayii jedhamu dirqamaan Oromiyaa keessaa yuuniversitiiwwan irratti adeemsisaa jiraachuun waan ifaa fi beekamaadha, gama hundaanuu gabaasni isaa kan dhaamamaa jiruu dha. Yeroon kun yeroo barattootni boqonnaa godhatanii fi maatii isaanii gargaaruun,of gargaaruun mana barumsaa bara itti aanuutti of qopheessaniidha. Kunis ka’umsa FDGf sababa guddaa ta’ee, moorawan Yuuniversitii walgayiin kun itti adeemsifamaa jiru keessatti gaaffiin mirgaa haala hoo’aadhaan ka’aa jiruudha. Oromoon yeroo mammaaku “lukkuun haatee haatee aalbee ittiin qalan baafte” jedha mootummaan wayyaanee kaayyoo uummataa fi gaaffii mirgaa ilmaan oromoo itti wareegaman sammuu isaanii balleesuu fi dhimma guddiina biyyaa fakkeessuun maqaa walgayiin gara barattootaatti dhiyaate. Kun barattoota oromoof yeroo itti gaaffiin mirgaa ifatti bahee gaafatamu tahee argame,akka dimshaashaatti gaaffiiwwan walta’aan yuuniversitiiwwan irraa ka’aa jiruu fi gara walgayii kanaattis osoo hin seenin dura gaaffii fi yaadni barattoota irraa maddaa ture akka armaan gadiitti kan fulla’ee jiruudha.
Yuuniversitii Amboo,Mattuu,Jimmaa fi Bulee Horaa Irratti:-
Hagayya 21 irraa kaasee yuuniversitii kana keessatti barattootni walgayiif waamaman hunduu sodaa fi qaanii tokko malee hoogganoota OPDO dirqamaan TPLFn erge dura dhaabbatanii gaaffiwwan mirgaa qabxiiwwan 10 oli kaasanii jiru,akkuma beekamu mooraa yuuniversitii Amboo irratti kan ramadame koreen Giddu Galeessaa H/R OPDO Bakar Shaalee miseensota muraasa nama 8 ol of jala hiriirsuun walgayii barattoota kana gaggeessuuf dirqamee bakka sanatti argame gaaffii barattootni kaasaniin yaaddoo guddaa keessa seenanii jiru, barattoota kana tasgabbeessuufis humni waraanaa magaalaa fi naannowwan yuunniversitii Amboo qubachiifamanii jiru, gaaffiin barattootni gama yuuniversitii Ambootti kaasanii jirana.
Ilmaan oromoo yuuniversitii,koollejjii,mana barumsaa sadarkaa gadiitii fi hojii dhuunfaa akkasuma hoji mootummaa irraa hidhamanii jiranii fi ariyaman; kan hidhaman ammatti haa gadhiifaman,kan barumsaa fi hojii irraa ariyaman deebi’uu qabu,
Nuti ilmaan Oromooti,oromummaan ammo yakka miti, of beekuun maaliif yakka ta’ee? Oromummaa keenyaaf maaliif hidhamnee dararamnaa?
Qabeenyaa saba oromoo saamuu fi gurguruun dhaabbachuu qaba, oromoon qabeenyaa isaatti fayadamuu qaba,