Diddaa barattoota Oromoo irraa sodaa kan godhate mootummaan Wayyaanee seera doorsisaa haaraa baase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuniversitii Jimmaa Gurraandala 20,2014

Qeerroo OromiyaaMootummaan Abbaa Irree wayyaanee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gaggeessaa jiru fi addaatti immoo Godina dhihaa Oromiyaa keessaatti sochii Qeerroon irraa jiru irraa sodaa fi naasuu keessa seenuun seeraa itti gootota baratoota Oromoo ittin sodachiisuu bulee bulee baasuun FDG’ gaggeeffama jiru irra uggura ka’a jiraachuun ittuma gootota baratoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo FDGf kan kakasee malee dubbatti kan deebisaa hin jirre ta’uu qeerroon waliif labsee jira.

Haaluma kanan Ergamtootni Wayyaanee bulchitootni Yuunivarsiitii Jimmaa ergama ilmaan TPLF fi EPRDF irra itti darbee akkama jirutti of keessa dabarsuun FDG dura ittin dhaabbachuuf seera Wayyaaneen baase, kan mata dureen isa, ‘Namni seera mootummaa keenyaa baaseen mormee argame waggaa tokko oliif barnoota irra arii’atama’ jedhuu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa bakkoota hundaa fi bakka doormii baratoota hundatti maxxansuun, barruudhuma kana irratti xiqqoo gadi siquun namni seera mootummaa keenyaan mormuu kamuu fuldurattis Yuunivarsiitii fi kolleejjii mootummaatti barachuu hin danda’uu kan jedhuu ibsuun ta’ee jedhee mootummaan wayyaanee wan qabee gadhiisuu dhabuun baratoota shororkeessaa jiraachuun ibsamera.
FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo sududaan gaggeessa jiru, dura dhaabbachuuf toftaan inni biraa Wayyaaneen fudhachaa jirtu akkuma amala isaa afaan qawweetti waggaa 22 oliif dhimma itti bahaa ture, Ammas humna waraanaa of harkaa qabu mooraa dhabbilee barnootaa keessa qubsiisa jiraachuun saaxilame jira. haala kanaan guraandhala 17/2014 irra egalee qabatamaan Yuuniversiitii akka Jimmaa, fi Mattuu, mattuu keessa qubsisee jira. Hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo waraanaa Wayyaanee dhabbilee barnootaa keessa qubsiifama jiruuf waamichaa FDG taasisaa jiraachuu ibsee jira.

 

Radiyoon Sagalee Oromoo (RSO) Gurraandhala 19,2014

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Dhihaa Oromiyaa kufaatii Wayyaanee dhiyaatee jiruutti xummura gochuu fi eeggannoo uummanni gochuu qabu irraatti ibsa gababa kenne.

Aside

Guraandhala 19/2014 Bakka buootiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Oromiyaa Walitti dhufuun haala Sochiin Warraaqsa FDG itti jiruu fi haala Siyaasa yeroo irratti marii gabaaba gochuun ibsa qabxii shan of irraa qabu dabarsee jira.

  1. Waamicha FDG dhabni keenyaa dhabni kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO godhee fi Sochiin Warraaqsaa Dargaggotaa Biyyaalessaa Oromiyaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessa jirru bifa garaagaraan jabeessinee itti fufaa jirra. guttummaatti mootummaa abba irree wayyaanee angoo irra darbuuf guyyuu hojjecha jiraachuu hubachiisuun, FDG haala wal irraa hin citneen kan itti fufnu ta’uu ni hubachiifna.
  2. Mootummaan EPRDF fi TPLF rakkoo siyaasa guddaan isa mudaate raafamaa waan jiruuf ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi biyyota Ambaa garaagaraa keessatti argamtan bakka jirtan hundatti harka wal qabachuun yeroon itti sagalee mormii abbaa irree irratti dhageesifnuu fi hiriira mormii FDG bifa qindaa’een gaggeessinu amma waan ta’eef tokkummaan haa kaanu!.
  3. Ilmaan Oromoo Caasaa Waraanaa, Poliisa, hidhatoota fi tikaa wayyaanee keessatti argamtan yeroon itti uummataa ofii waanjoo garbummaa bardhibbee jala itti baasaan amma waan ta’eef, bakka jirtanitti wal ijaaruun meeshaa waraanaa isin harka jiru, gara mootummaa gabomfataa wayyaaneetti naanneesuun dirqama lammumma akka bahattan dhamsa isinif dabarsina.
  4. Angawoonni Wayyaanee waggaa 22 guutuu uummataa saamaa turani ammas saamaa jiran qabeenyaa uummataan tujaara ta’anii jiru, yeroo amma kanas Ministeronni Wayyaanee hedduun qabeenya uummataa irraa saama turan, biyyotaa ollaa fi hambaa garaagaratti kuufachaa waan jiranii fi qabeenyaa uummataa saamanii baduutti waan jiraniif uummaanni Oromoo hundii, qotee bulaa, daldalaa, fi hojjetootni hundi kanfaltii buusii adda addaa fi buusii Gibiraa akka hin kaffallee dhaamsa isinif dabarsina.

Injifannoon Uummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Guraandhalaa 19/2014

Dhageeffadha! Walaloo Dargaggoo Abdii fi Wallee Aliyyii Sibaati. Yaadatnoo dhumaatii Saba Oromoo. Nayiroobii Keeniyaa

Aside

http://youtu.be/DnPJDwotPgA

http://youtu.be/g6UUGzSReMA

SBO Gurraandhala 19 Bara 2014

Aside

Godina Shawaa lixaa keessatti diddaan Uummataa fi barattootaa itti fufe. Wayyaaneen duula hidhaan Uummataa fi barataa dura dhaabbachaa jirti.

Aside

Gurraandhala 19,2014 Finfinnee

Diddaan Uummata Oromoo Mootummaa Wayyaanee irratti eegale haalaan jabaachaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse. Haalli kunis haalaan jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen barattoota Oromoo isintu diddaa kana jabeessaa jira, Adda durummaan kan gaggeessaa jiru isini jechuun barsiisota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Hojjetoota dhuunfaa mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Uummatni Oromoo naannoo Amboo 40 ol tahan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessaa

1. Barataa Jabeessaa Nagarii Barataa Civil Engineering waggaa 3ffaa
2. Barataa Kamaal Sulxaan barataa seeraa waggaa 4ffaa
3. Barsiisaa Solomon Gaarii barsiisaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
4. Barataa Fayyisaa Habtee barataa Afaan Oromoo waggaa 2ffaa
5. Hojjetaa dhuunfaa Gaaddisaa Reebaa jiraataa magaala Amboo

Kanneen tahan kanneen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessatti argamu. Diddaan Uummataas daran jabaachaa deemuun sakattainsi olaanaan magaala Gincii, Gudar, Geedoo keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo waraanni 200 ol tahu magaala Baakkootti ramadamuun wayita seenaa jirutti Uummatni karaa itti cufuun deemsa waraana mootummaa wayyaanee karaatti hambisee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus diddaan Uummataa hanga bilisummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon Godina Shawaa lixaa addeessee jira.

Aside

 Anoolee,Calanqoo,Imbaaboo fi  Oromiyaa bakkaaoota adda addaa keessatti sanyii duguuggaa Minilik  Ummata Oromoo irraatti raawwate yaadachuun Oromoonni Nairobii Keeniyaa jiran bifa addaan yadatnoo taasisan.

http://youtu.be/wp5uWOnm7N4

http://youtu.be/4ykWDEJhbVg

Uummata Hadiyaa bakka bu’uun kan haasaa taasise.

Mootummaan Wayyaanee itti gaafatama Miidiyaa Oromiyaa aangoo irraa darbite. Pirezedaantiin Oromiyaas aangoo lakkise.

Aside

Gurraandhala 18,2014 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee amanamtoota isaa baroota dheeraaf alagaa tajaajiluun uumata Oromoo kanneen ganan aangoo irraa darbuu irratti argama. Akka kanaan itti gaafatama Miidiyaa Oromiyaa kan ture Obbo Masfin Darajjee aangoo irraa darbamee jira. Mootummaan Wayyaanee haala kana keessatti tasgabbii dhabinsa irraa kana dalagaa kan jiru yoo tahu Uummatni diiddaa gaggeessaa jiraachuun itti fufee jira. Bakka Masfin kanas nama Tamasgeen Baayisaa bakka buusanii jiran. Pirezedaantiin Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaas xalayaa hojii dhaabuu galchuun hojii lakkisanii jiran.

Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti diddaan jabaachuu irraa mootummaan Wayyaanee hojjettoota mana hidhaatti guuraa jirti. Dhaadannoon barattootaan itti fufe.

Aside

Gurraandhala 18,2014 Haromayaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan Uummata Oromoo mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni nyaata lagachuun sirna mootummaa wayyaanee mormuu itti fufan. Dhaadannoowwan mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa haa dhaabu, kanneen ajjeesanis seeratti haa dhiyaatan jedhus jabaatee itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gocha kanaan kan baarage hojjettoota mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dhalootaan Oromoo tahan kan barattoota qindeessu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa jiran. Yeroo ammaa kanas barattootnii fi hojjettootni mooraa Yuunivarsiitii mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu dorgommii tapha kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee keessatti gaggeeffamaa jirus waraanaan tiksuun yeroon xumuranii bahuuf tattaafachuu irraan darbanii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar keessattis dafanii xumuruuf eegalanii jiran. Ilmaan Oromoo diddaa kana keessa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman

1. Obbo Abdurhaman Mohaammed Itti gaafatama Shiiftii nyaataa
2. Kamaal Ahmed hojjetaa mana nyaataa
3. Gizaachoo Damissee hojjetaa mana nyaataa
4. Raffisaa Geetachoo barataa Water Engineering waggaa sadaffaa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee shira kamuu dalaguun diddaa dura dhaabbachuuf yaalus diddaan Barattootaa fi Uummataa daran jabaatee itti fufee jira.

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Uummataaf Bittinfame.

Aside

Gurraandhala 18,2014 

Gaafa  Guraandhala 14/2014 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Barruu Warraaqsa FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummataaf bittineesseen walqabatee mootummaan abbaa irree uummata goola jira. Gaafa Gurraandhaala 13,2014 galgala barruun warraaqsaa waamicha FDG magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf sirriitti bittineeffamuun akka namni hundi hubachuun dhimma bilisummaa isaf ofiin ka’ee gamtaan falmatuuf waamichi godhame uummata qaqabee jiraachuun isa mirkana’era.
Mootummaan abbaa irree Wyyaanee EPRDF FI TPLF’n durfamu sochii warraaqsaa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuuf jirutti barraaguun namoota manneen kompiteraa fi Copy Magaalaa Jimmaa keessa qaban maqaa qorannoo jedhuun qabee waajjira poolisaa magaalaa Jimmaatti guuree darara jiraachuun beejamee jira.Keessaattu ilmaan Oromoo manneen Compitera magaalaa Jimmaa keessaa qaban waraqaan FDG isin biratti baay’ifamee bittineeffamee jira, computer keessaan waraana nurraatti labsa jira jechuun manneen kompitera hedduun humna poolisaan sakkata’amaa jiru. manneen komputera nannoo Yuunivarsiitii Jimmaatti argaman kanneen cufaama jirachuunis hubatamera.

Kana malees gama biraan uummaannii Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa hedduun konkolaataa poolisaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisaamagaalaa jimmaa galfamaa jiraachuu odeessii sa’a kanatti nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataatti rifachuun tajajiloota akka Network fi ibsaa elektirikaa balleessa jirti. Maqaa namoota qabamanii ammatti waan nu hin geenyeef amma qorannee kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.