Gurraandhala 18,2014
Gaafa Guraandhala 14/2014 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Barruu Warraaqsa FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummataaf bittineesseen walqabatee mootummaan abbaa irree uummata goola jira. Gaafa Gurraandhaala 13,2014 galgala barruun warraaqsaa waamicha FDG magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf sirriitti bittineeffamuun akka namni hundi hubachuun dhimma bilisummaa isaf ofiin ka’ee gamtaan falmatuuf waamichi godhame uummata qaqabee jiraachuun isa mirkana’era.
Mootummaan abbaa irree Wyyaanee EPRDF FI TPLF’n durfamu sochii warraaqsaa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuuf jirutti barraaguun namoota manneen kompiteraa fi Copy Magaalaa Jimmaa keessa qaban maqaa qorannoo jedhuun qabee waajjira poolisaa magaalaa Jimmaatti guuree darara jiraachuun beejamee jira.Keessaattu ilmaan Oromoo manneen Compitera magaalaa Jimmaa keessaa qaban waraqaan FDG isin biratti baay’ifamee bittineeffamee jira, computer keessaan waraana nurraatti labsa jira jechuun manneen kompitera hedduun humna poolisaan sakkata’amaa jiru. manneen komputera nannoo Yuunivarsiitii Jimmaatti argaman kanneen cufaama jirachuunis hubatamera.
Kana malees gama biraan uummaannii Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa hedduun konkolaataa poolisaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisaamagaalaa jimmaa galfamaa jiraachuu odeessii sa’a kanatti nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataatti rifachuun tajajiloota akka Network fi ibsaa elektirikaa balleessa jirti. Maqaa namoota qabamanii ammatti waan nu hin geenyeef amma qorannee kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.
Nagaan kiyyaa qilleensaa fi dambalii galaanaa qaxxaamuree bakka ati jirtutti si haa qaqqabu yaa dursaa fi qabsaa’aa ilmaan Oromootaa.Ani dhalataa Godina Qellem Wallaggaati,garuu yeroo ammaa barataa waggaa 5ffaati yunivarsitii jimmaatti. Yeroo hedduu email siif godhus hanga har’aatti homaa naaf deebisuu dhabuun keessan hedduu na aarsee jira. Ta’us kan abdii kutate hin mo’u waan jedhamuuf utuu abdii hinkutatin barreessuu kiyya itti fufeen jira. Hojii seena qabeessa hojjechaa jirtu,jabaadhaa maaloo yeroo wayyaanee fi jala-kaattotni ishee hunkuramaa jiran kanatti qabsoo walirraa hincitneen morgaa isaanii kutnaa! Injifannoon Uummata Bal’oo Oromoof. Yoo na quunnamtan email koo irratti naaf deebisaa,ani garaa haadha kiyya keessatti kan qabsaa’e,garuu rakkoo fi gidiraa wayyaanee fi uumaan narraan gaahan irraa kan ka’e hin milkoofne.