Lafti Oromoo Magaala Finfinnee keessaa Amaariffaan waamaman akka Afaan Oromoon hatattamaan sirreeffaman waajjirri KG OPDO iyyaannoo galche

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014

Mormiin sirna mootummaa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun magaala Finfinnee keessatti naannoowwan maqaa Amaariffaa fi bakkee dhufee hin beekamne akka deebiee afaan Oromoon sirratu bakkeewwan biros kanneen lafa Oromoon jijjiiraman akka deebianii sirreeffaman waajjirri KG OPDO waajjira bulchinsa lafaa iyyannoo galche. Mootummaan wayyaanee haala kanaan hedduu dhiphina keessa seenee deebii itti kennuuf waltajjii balaa akka barbaadu dhaamuun deebisanis Uummatni Oromoo qabeenyaa fi lafa isaa irratti kanaa ol obsa akka hin qabaanne jala sararuun itti dhaamuun gaaffii karaa nagaa gaafatameef karaa nagaa hin deebistan taanaan itti gaafatama kan qabaatu wayyaanee akka tahes dhaamamee jira. Uummatni Oromoo martu gamtaan waan isaa gamtaan falmachuuf akka kau dhaamsi hatattamaas darbee jira. Armaan duras wayyaaneen lafa naannawa Finfinnee mootummaa federaalaa jala galchuuf tattaaffii taasisaa turuun ishee ni yaadatama.

Waraqaan waamichaa hedduumminaan bittinnaa’uun Uummata Oromoo dhaqqabe gaaffii mirgaa gamtaan jalqabsiise

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014

Uummatni Oromoo guyyaa tokko illee mootummaa wayyaaneefis tahe sirna garboomfataa darbeef jilbeeffatee bulee hin beeku. Mootummoota abbaa irree of irraa darbuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa as gahe. Ammas kun daran jabaachaa kan dhufe dhaadannoowwan sirna mootummaa wayyaanee morman magaala Finfinnee keessattii fi naannawa Finfinnee Buraayyuu, Sulultaa fi Sabbataa keessatti haalaan bittinnaauun Uummata Oromoof waamicha mootummaa wayyaaneef ammo dhiphina guddaa tahee jira. Mootummaan wayyaanee haala kana dura dhaabbachuuf Poolisoota hedduumminaan bobbaasus Uummatni gamtaan waajjira bulchinsaa deemuun gaaffii mirgaa gaafachuu irratti argama. Waraqaan waamichaa kun Uummata dhaqqabes Uummatni dirqama isaa akka bahuuf tahuu qeerroon jabeessee hubachiisa.