Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti diddaan jabaachuu irraa mootummaan Wayyaanee hojjettoota mana hidhaatti guuraa jirti. Dhaadannoon barattootaan itti fufe.

Gurraandhala 18,2014 Haromayaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan Uummata Oromoo mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni nyaata lagachuun sirna mootummaa wayyaanee mormuu itti fufan. Dhaadannoowwan mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa haa dhaabu, kanneen ajjeesanis seeratti haa dhiyaatan jedhus jabaatee itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gocha kanaan kan baarage hojjettoota mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dhalootaan Oromoo tahan kan barattoota qindeessu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa jiran. Yeroo ammaa kanas barattootnii fi hojjettootni mooraa Yuunivarsiitii mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu dorgommii tapha kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee keessatti gaggeeffamaa jirus waraanaan tiksuun yeroon xumuranii bahuuf tattaafachuu irraan darbanii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar keessattis dafanii xumuruuf eegalanii jiran. Ilmaan Oromoo diddaa kana keessa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman

1. Obbo Abdurhaman Mohaammed Itti gaafatama Shiiftii nyaataa
2. Kamaal Ahmed hojjetaa mana nyaataa
3. Gizaachoo Damissee hojjetaa mana nyaataa
4. Raffisaa Geetachoo barataa Water Engineering waggaa sadaffaa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee shira kamuu dalaguun diddaa dura dhaabbachuuf yaalus diddaan Barattootaa fi Uummataa daran jabaatee itti fufee jira.

3 thoughts on “Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti diddaan jabaachuu irraa mootummaan Wayyaanee hojjettoota mana hidhaatti guuraa jirti. Dhaadannoon barattootaan itti fufe.

  1. Pingback: Pirezidaantiin aangoo gadhiise; gaafatamaan miidiyaa aangoo irraa kaafame.n |

  2. Pingback: Godina Shawaa lixaa keessatti diddaan Uummataa fi barattootaa itti fufe. Wayyaaneen duula hidhaan Uummataa fi barataa dura dhaabbachaa jirti. | Dhaamsa Ogeettii

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s