Diddaan Uummataa Magaalaa Sulultaa Irratti Ka’een Namootni 5n Tikoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame!

Aside

Guraandhala 16,Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa

BilisummaaDiddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti.

1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa.

2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu

3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa

4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti,

5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii

Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00 PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha.

FDG Wallagga, Godina Qellam Aanaa fi Magaalaa Adda Addaa keessatti Adeemsifamaa Jira

Aside


Durraandhala 16,2014

Diddaan farra gabrummaa godina Qellem magaalaa adda addaa keessatti adeemsifamaa jira. Kunis miseensota Qeerroo,maadhewwan jiranii fi barattoota mana barumsaa olaanaa fi qophaayinaa akkasuma barattoota kitaa 7 fi 8 baratan,uummata oromoo miseensa mootummaa wayyaanee(OPDO) irraa walaba tahaniin Guraandhala 15 irraa kaasanii toora garagaraa kan mootummicha laamshessuu fi yaaddessuun eegalee jira. Odeessaan madda gabaasicha irraa hubatamu aanaalee godina Qellem jalatti argaman qabeenyaa mootummaa wayyaanee qabu kanneen akka konkolaataa,daandii konkolaataa irratti mukkeen ciruudhaan,bakka walgayiin itti gaggeeffamu diiguu fi gubuudhaan halkanii guyyaa diddaan qabeenyaa wayyaanee dhabamsiisuu jabaatee,barattootni sirni mootummaa wayyaanee oromiyaa keessatti hin hojjetin, seeraa fi heera mootummaa wayyaanee hin feenu, seeraa fi heera itti bullu dhaaba ABO galma haagau,. Kan jedhu waraqaalee adda addaa facaasuun,akkasuma waraqaalee waamicha FDG raabsuu fi maxxansuudhaan uummanni bakka jirutti diddaa jabeessee jira,akka madda gabaasichaatti gandoota kanneen akka Waabaa Eebbaa,Gerechoo jedhamu keessatti milishoota gandaa kan mootummaa wayyaaneef jilbeenfatanii uummata jilbeenfachiisuu barbaadan tarkaanfii reebichaa irratti raawwachuudhaan hidhannaa isaanii harkaa fuudhanii qabsoof gumaata gochaa jiru, dargaggoonni wal ijaaruudhaan kaabinoota wayyaanee doorsisuun hanga amansiisuun diddaa waliin adeemsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa,diddaa uummataan kae kan bakka hundaatti tokko tae fala dhabuudhaan mootummaan wayyaanee godina kana irratti hanga callisuu filatee akka jiru maddi gabaasaa Qeerroo godina Qellam Dambi Doolloo irraa addeessa.

Diddaa Sirna Mootummaa Wayyaanee Magaalaa Bishooftutti Qabate.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGuraandhala 16/2014 diddaa mooraa yuuniversitii Bishooftuu keessatti qabateen uummanni oromoo magaalaa Bishooftuus dammaqummaadhaan gaaffii barattoota deggeruun guyyaa keessaa saa 12:00 PM bakka waaqeffannaa uummanni itti wal argutti waraqaa qabachuudhaan bobbahanii jiru. Madda gabaasaa Qeerroo magaalaa Bishooftuu irraa dubbatuun barattoota mooraa yuuniversitii Bishooftuu irratti waraqaaleen bittimfamuu irraan diddaan deggertoota qabsoo oromoo qaama hojjetoota mootummaa wayyaanee waliin hiriiruudhaan Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 2:00 AM irraa keessee adeemfame,mootummaa wayyaaneef gonkumaa hin bitamnu, barattoota qayyabatan doormii keessa yaasuudhaan kan eegale bulee hara uummata kan qaqqabate yoo tahu hidhattppta wayyaanee bakka lamatti kan qoode diddaan kun tahuu isaa gabaasaan addeessa,hitaan wayyaanee kan wayyaaneef ajajamee jiraatu ykn bitamee buluuf gama tokko yoo tahu hidhattootni wayyaanee oromoo taan kan sabboonummaa qaban gaaffii barattootaa deggeruudhaan diddaa kanatti hirmaatanii jiru. Hidhattoootni wayyaanee diddaa kanatto hirmaatan uummataaf humna tahuudhaan uummanni waamichi kun bira gahee fi diddaa keessatti hirmaatan bakka tokkotti wal gahuudhaan hanga oromiyaa guutuutti adeemsisuuf adda duree taanii kan jiranii fi guyyaama kana galgala keessaa saa 7:30 AM irratti mootummaan wayyaanee humna darbatamaa bakka biroo irraa konkolaadhaan feee magaalaa Bishooftuu buufachiisee jiraachuu isaa maddi gabaasicha addeessa. Galgala kana irraa kaasee halkan kana guutuu caasaa mootummaa irraas dhaamsi miseensota Qeerroo magaalaa kana jiran qaqqabaa jiru jabaadha kan jedhu dha. Uummatas tae barataa akkasuma hidhattoota wayyaanee keessa kanneen diddaa kana irratti hirmaatan yeroodhaaf kan riphan yoo tahu itti fufee akka gaggeeffamu dhaamsa dhaamu,yoomiyyuu boodatti hin jedhamu jabaadhaa jedhun Qeerroo yuuniversitii biraa irra jiruuf gahaa jiru. Fincilli gama kanaan jiru itti fufa!