(Gabaasa Addaa: Qeerroo, Finfinnee, 26 Onkoloolessa 2012) Diddaa fi Fincilli Hawaasa Musiliimaa jabaachuu fi boqonnaa haaraatti ce’uun Guyyaa har’aa Onkoloolessa 26/2012 ganama sa’a 6:00 am irraa kaasee ayyaana Arafaa wayita kabajanitti hiriira jabaa dhaadannoo garaa garaan dabaalameeen magaalaa Finfinnee dhuunfatanii oolaniiru; Qeerroon akka gabaasetti, diddaa fi fincilli hawaasaa kun hedduu guddaa dha.
Magaalaa Finfinnee keessatti hawaasni Musliimaa ayyaana Arafaa ayyaaneffachuuf Istaadiyoomiitti walgahe waraqaa keelloo fi huccuu gurraachaan diddaa isaanii haala hedduu mirqaansaa fi qindeeffamina jabaa ta’een mootummaa wayyaanee balaaleffatanii jiru. Hawaasni Musliimaa kunneen dhaadannoolee dhageessisaa oolan keessattis,
1. Hidhamtootni haa hiikaman
2. Sagaleen keenya haa dhaga’amu

3. Mirgi keenya haa kabajamu
4. Filannoon sobaa fi qarshii 50 hin jiru
5. Hooggantootni nuyi fin filanne nu hin bulchan
6. Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha
7. Cunqurfamuun,Reebamuun,Ukkaamsamuun haa dhaabbatu
8. Bilisaan dhalanne bilisummaa barbaadna
9. Biyya keenya irratti cunqurfamuu fi ukkaamsamuun haa dhaabbatu
10. Sobduuf gurra hin laannu

11. Sobni nu gahe
12. Raadiyoo fi Televisioniin Itoophiyaa sobduu fi Hattuu dha
13. Miidiyaan Itoophiyaa sobduu dha
14. Amantii fi mirga keenya irratti ni duuna
15. Nuyi miliyoonaan lakkaa’amna abbaa irreen wayyaanee muraasa
16. Biyyattii keessatti dhiitamuun mirga namaa haa dhaabbatu fi k.k.f dhaadachuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa galchuun waraana mootummaa wayyaanee abdii kutachiisanii jiran.

Mootummaan wayyaanee diddaa kana jala dhaabbachuuf jala bultii kaasee mana hordoftoota amantaa Musliimaa sakatta’aa kan turanii fi guyyaa ayyaana kanaa irrattis karaa gara Istaadiyoomii geessu irratti poolisootni federaalaa sakatta’aan hawaasa musliimaa doorsisuun diddaa dhaabuuf yaalus nuyi abdii hin kutnu jechuun hawaasni musliimaa mormii jaba dhageessisee jira.
Dhaabbata Raadiyoo fi Television Itoophiyaatti marsuudhaanis ETV sobduu,ETV hattuu jechuun gurra qabatanii kan kee hin dhageenyu jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni musliimaa Biiroo ajajaa Poolisii Federaalaa Warqinee Gabayyootti marsuudhaan waraqaa akeekkachiisaa kennuun poolisootni federaalaa abdii akka kutatan godhamee jira.

Mootummaa wayyaaneetti akeekkachiisni waraqaa keelloo kun armaan duras kan kenname yoommuu guyyaa kana irratti ammoo tahu gara waajjiraatti deemuun akeekkachiisni kennamee jira.
Mormiin hawaasa musliimaa kutaa biyyattii mara keessatti haalaan mootummaa wayyaanee yaaddoo guddaa keessa kan buuse yoommuu tahu magaala Jimmaa keessatti dhaadannoowwan garaa garaa jala bultii ayyaana kanaa kaasee waraqaaleen dhaadannoo
1. Mirgi keenya haa kabajamu
2. Wayyaaneen abbaa irree dha
3. Hawaasni musliimaa nagaa barbaada
4. Biyya keenya irratti dhiitamnee hin jiraannu
5. Mootummaan dhimma amantii keessaa harka haa fudhatu
fi k.k f hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Magaala Shaashimannee,Baalee(Roobee),Kamisee keessatti diddaan wal fakkaataan uumamee hawaasni musliimaa waraqaa keelloon mootummaa wayyaanee balaaleffachaa hiriira jabaa gaggeessee jira.
Magaala Harar,Gujii,Dirree Dawaa fi kanneen biro keessattis mormiin hawaasa musliimaa sadarkaa jabaatti ce’uun pirezedaantii fi kaantiibaa gaaffii mirgaa maaliif nuu hin deebistan jechuun uummatni itti yaa’ee arii’ee jira.

Pirezedaantii Harar kan tahe Fuadii fi Kantiibaa magaala Dirree Dawaa Abdullaah jedhaman uummatni dhugaa uummataa dhoksitu taanaan maal fayyaddu jechuun hanga manaa itti deemuun arii’anii jiran.Pirezedaantii Harar kan tahe waraana mootummaa wayyaaneen marfamuun gara Finfinneetti dhokfamee akka fuidhatames beekamee jira.
Hiriirri nagaan Kamiseetti taasifame uffata gurraachaa fi mudhii ol qullaa tahuun yoommuu tahu kanneen mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa sababa gaafataniif qofa ajjeefteef yaadachuuni dha. Mootummaan wayyaanee kana booda nu hin bulchu, osoo ajjeefamnuu hin jiraannu dhaadannoo jedhanis dhageessisaa oolanii jiran.

Walumaa galatti yeroo ammaa mootummaan wayyaanee abdii kutachuun uummata biyyattii waraana itti bobbaasuun humnaan to’achuuf yaalus uummatni kutannaan gaaffii mirgaa kaasee yaaddoo jabaa itti tahee jira.Kun ammoo jala deemtota mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa fi miseensota TPLF gidduutti wal dhabbii uumee jira.Miseensotni TPLF dhoksaan wal gahii gaggeessan irrattis wal shakkiin akka isaan gidduutti uumamee fi wal amantamummaa wal irraa dhaban odeessi saaxilee jira.
Sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) gaaffiin mirgaa hawaasni musliimaa kaasu gaaffii uummataa fi Qaama qabsoo tahuu hubachiisuun gaaffiin kun hanga galmaan gahutti adda durummaan akka hojjetuu fi itti jiru dhaama.
Hawaasni Musliimaa gaaffii mirgaa mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessaa harka haa fudhatu jedhu gaafachuu erga kaasee yeroo hedduu lakkoofsisee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa kana dura dhaabbachuuf hawaasa musliimaa keessumaa gaggeessitoota kan tahan mana hidhaatti ukkaamsus hordoftootni amataa musliimaa yeroodhaa yerootti biyyattii keessatti Godina garaa garaa irraa gaaffii mirgaa dhiyeessaa turan.
[Sagalee dhaadannoo]Gaaffiin mirgaa kunis mootummaa wayyaanee biratti hidhaa,ajjeechaa,doorsisaa fi miidhaa garaa garaan deebi’us hordoftoota amantaa musliimaa haamilee kutee dhaabuu hin dandeenye. Uummatni mirga isaa sarbame gaaffiin hawaasni musliimaa kaasu gaaffii mirgaa tahuu hubachuudhaan hawaasa musliimaa cinaas dhaabbatnii gaaffii mirgaa akka dhiyeessan kakaasee jira.
Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk