Onkoloolessa 01,2012
Ayyaannii Irreechaa Guyyaa Kaleessaa Ummataa Oromoo Godinaalee Oromiyaa Garaa Garaa Irraa walittii Dhufuun Horaa Arsadiittii Haala Baay’ee Gammaachiisaa ta’een kabajame,
Ummaannii Oromoo guyyaa kaleessaa magaalaa Bishoftuu Hora Arsadiittii wayitumaa irreechaa kabajatan dhaamsaawwaan garaagaraa tokkummaa, hidhamtoonnii Oromoo haa hiikamaan, Oromiyaan kan ummataa Oromooti, Oromiyaan ni bilisoomti, harkaa wal qabannee haa kaanuu jechuun Ummaannii dhaamsaa waliif dabarsaa ture, Dargaggeessaa fi dargaggeettii, hayyotaa fi beektonni sirna kanaa irraattii WBO faarsaa olaanii, Addaattii ABO’n gaachaanaa Ummaataa Oromootii jechuun hegeree fi abdii ummata Oromoo tokkicha ABO faarsaa olanii jiru.
Kabaajaa Ayyaana Irreechaa kana ilaalchisuun motummaan abbaa irree Wayyaanee humna waranaa magaalaa Bishooftuu irraa jalqabee hanga bakka irreechaatti heddumminaan tamsaasuun sochiilee qeerroo jala bu’anii dargaggoota nagaan ayyaana irreefachuuf dhufan ABO fi WBO faarsitan sababa jedhuun heddumminaan mana hidhaatti guuraa olanii jiru.Haalli kun kanaan osoo jiruu kanneen hafan diddaa isaanii itti fufuun faaruu fi sirboota qabsoon diddaa isaanii muldhisaa turan. Ummaannii Oromoo kaayyoo diinaa kanaa cabsuun wareegamaa bonsaa kanfaluun akeekaa diinaa cabsuun akkaa irreeffatee diddaa qabsoo bilisummaa Oromoof ammoo bakka galu maratti onaa fi araddaa isaa irratti ummata waliin tokkummaan akka ka’u harka wal qabatee waadaa waliif galee akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.