Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.

Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.
Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira.Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.

Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Meeshaa waraanaa guddaa ta’aa kan dhufe ibidda dha. Meeshaa horii nama hingaafanne. Ibiddaan qabeenya woyyaanee mancaasuun cimee ittifufuu qaba. Gubuu, gubuu ammas gubuu!
yoo wal-qabannee harka tokkoo taanee ni bilisoomna afaanin qofa miti gochaanis arrgisiisuu qabna ennuumayyuu tae kan injifannoo hin barbannee hin jiru even namni wayyaanee wajjiin dalaguuyyuu garu tattaaffi nuti hin qabnuu waan taeef male walitti ha galluu yoo walii galan alaa galani