Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Oromoota ajjeesaa,Hidhaa fi doorsisaa jira.

Aside

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantiin wal qabsiisuun uummata Oromoo siyaasa gaggeessitan jechuun miidhaa garaa garaa irraan gahaa jira.Haaluma kanaan Arsii Lixaa aanaa Gada Basaasaa keessatti maangoddoo Sheik Su’id Ahmed jedhaman dabalatee hordoftootni amantii Musliimaa sadii kan ajjeefaman yoommuu tahu Maanguddoon kun rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamuun Hospitaala Xiqur Ambassaa keessatti du’aa fo Jireenya gidduutti argamu.Hordoftootni amantii Musliimaa fi uummatni naannoo kanaa 200 ol mana hidhaa moootummaa wayyaaneetti sababa kanaan kan ukkaamsaman yoommuu tahan mootummaan wayyaanee waraana hedduu bobbaasuun uummata Godina Baalee fi Arsii kanneen akka Kofalee,Shiraaroo fi Shaashimannee keessaatti karaa nagaa amantii isaanii akka hin gaggeessine gochuu irratti argama.Haaluma wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixaa Ijaajjii keessattis dhiibbaan mootummaa wayyaanee irraa hordoftoota amantii kanaa fi kanneen biro irratti dhufaa jiru hammaachuun uummatni rakkachuu irratti argama.
Oduu wal qabateen Godina Iluu Abbaa Booraa fi Magaala Jimmaa keessatti mootummaan wayyaanee basaastota masgiida keessatti ramaduun uummatni karaa nagaa amantii isaa akka hin gaggeessinee fi qulqullummaan amantii isaanii akka hin hordofne gochaa jira.
Magaala Finfinnee fi Godina Harargee bahaa Awwadaay keessattis mootummaan wayyaanee barattootnii fi barsiisotni Awaaliyaa hiriira nagaa bahu sodaa jedhuun federaalota manneen barnootaa Islaamaatti naannessuun eeguu irratti argama.

Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Ebla 30,2012 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawa

Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Dindabaratitti diddaa dargaggoonni Oromoo qabsiisaniin mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabee human waraanaa naannoo san turanitti kan biro dabaluun ummataa fi dargaggootaa goolaa turuun Qeerroon aanichaa gabaaan. Mootummaan Wayyaanee waraana isaa bobbaasuun ilmaan Oromoo mana hjidhaatti guuruun furmaata diddaan ittiin dhaabbatu kan itti fakkaate yeroo ta’u,Godinuma Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessaa dargaggoota mana hidhaatti ukkaamsitee jirti.Yeroo ammaa dargaggootni

  1. Laggasaa Damee Ganda Gooroo Furtoo irraa
  2. Chaaluu Tolaa ganda Koluu irraa

Waraana mootummaa Wayyaaneen ukkaamsamanii bakka buuteen isaanii dhabanii jiran.Uummatni naannoo kanaa mootummaa Wayyaaneen yeroodhaa yerootti doorsifamaa kan jiranii fi galgala bilisaan deemuu dhorkamanii akka jiran gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Godina Iluu Abbaa Booraa itti Investera Habashaa Ummata Oromoo Rakkisaa Ture Tokko Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Ebla 30,2012 Mattuu

Mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhata godhachuun qabeenya dinagdee guddaan kan sosso’uu fi ilmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti saamuu fi akka sabaattis eenyummaa Oromoo xiqqeessee tuffachuun jiraattota naannoo kan rakkisaa ture invesiterri Abashaa yeroo adda addaatti gochaa hammeenyaa kana irraa akka dhaabbatee ummata Oromoof kabajaa akka kennuu qabuuf gorfamaa fi akeekkachiifamaa kan ture lammiin Habashaa Habtaamuu Muuyii jedhamu gocha isaa irraa dhaabbachuu didnaan Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Seeddoo keessatti uummatni Oromoo itti yaa’uun reebanii qabeenya isaas bittinsanii jiran.Qabeenyaa nama kanaa kan tahe suuqiilee gurguddaa inni qabu diiguun magaazina bunaa guddaa buna kuntaala hedduu baatee kan ture jalaa kan bittinsan yoommuu tahu Habashoonni ummata Oromoo kabajuu hanqachuun tuffii fi arrabsoon biyya Oromiyaa irra jiraachuu akka hin dandeenye dhaamsa dabarsaniifii jiru. Kanneen kaanis godhchaa akkasii dalaguu fi mirga ummata Oromoo dura kan dhaabbatu jiraannaan tarkaanfiin wal fakkaataan akka isaan eeggatus hubachiisanii jiru.

Miseensoti Qeerroo Yunivarsitii Wallaggaa Waadaa Qabsoo Haaromsatan!

Aside

(Qeerroo, Naqamatee, 29 Ebla 2012) Saamamuu lafa abbootii Oromoo, ajjeefamuu saba Oromoo, reebamuu fi ariyatamuu, rasaasaan tumamuu ilmaan Oromoo  sababeeffachuudhaan qeerroon magaalaa Leeqaa Naqamtee fi mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessa baratan walitti dhufuudhaan wal gayii gabaabaa adeemsisuudhaan ejjennoo qaban lafa kaayatanii jiru.

Akkasumas miseensoti Qeerroo itti dabaluun dhaamsa dabarsan keessatti qabsoo Bilisummaa Oromoo karaa hundaan gargaaruuf  waadaa waliif seenuudhaan qabsootti akka jabaatan murteeffatanii jiran.

“Baayinni Oromoo mootummaa wayyaanee aarsuudhaan lammii biroon akka ilmaan Oromoo ajjeesee fixu mootummaa wayyaanee karoorsus diddaa mootummaa wayyaane irratti eegalle  itti hammaachaa kan deemnu kan ta’u malee boodatti akka hin deebine mirkaneessina,” kan jedhan miseensoti Qeerroo, “Gumuz gofa osoo hin taanee ilmaan Tigraayis wal guuranii yoo dhufan kanaan booda ejjennoon keenya ammas mootummaa wayyaanee abbaa irree kana of irraa fonqolchuudhaaf murtoo qabnu beeksifna,” jedhan.
“Bara baayyee sodaa wayyaaneetiin sochii warraaqsaa deemamee karatti rarra’aa tureera,” kan jedhan miseensoti Qeerroo kunneen, “amma garuu mee nuti abdiin saba Oromoo waanjoo garbummaa yeroo dheeraa nurra ture of irraa galagalchuuf tokkuummdhaan,saba keenya kakasuudhaaf hidhannee kaanee jirra,” jedhanii jiru.
Gocha gaddisiisaa uummata Oromoo irra gahaa jiru kana dura akka dhaabbatan murteeffatanii kan jiran miseensoti Qeerroo, “ammas irra deddeebinee gocha mootummaa wayyaanee  dura dhaabbanna; kaayyoo isaa fesheleessina; kaayyoon diinaa keenyaa galma akka hin geenye jechuudhaan dhaamsa waliif dhaama,” jedhanii jiru.

Gaaffiin Mirgaa Hawaasni Musliimaa Gaafachaa Jiru Qaama Qabsoo Farra-Sirna Wayyaanummaa ti

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

 Ebla 28, 2012

Hawaasni Musliimaa Ebla 20 bara 2012 guyyaa Jimaataa kumoota dhibbootaan bahee ‘mirgi amantii keenyaa haa kabajamu’ jechuun sirna abbaa irree Wayyaanee balaaleffachaa oole. Gaaffiin hawaasa Musliimaa kun gaaffii mirga amantii ti. Mootummaan Wayyaanee seera amantii Islaamaa kan hanga haráantanaatti hawaasichi hordofu dhiituudhaan barsiisa amantichaa haaraa ál Ahbash’jedhamu kan yeroo dhihoo keessa nama Abdullaah al Habash jedhamuun naanneeffamaa jiru fudhattan malee jedhee humnaan tooftaa adda addan dirqisiisaa jira. Leelliftoota barsiisa haaraa al Ahbash’ jedhamu kanaa, kan lakkoofsaan bicuu tahan waan maraan yoo cinaa dhaabbatee jajjabeessu, hordoftoota amantii Islaamaa wayyaba kan mootummaan dhimma amantii keenyaa keessa seenuu hin qabdu jedhanii dura dhaabbatan ammoo diinomfachuudhaan doorisisaa jira.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee akkuma sabaa fi sablammoota keessaa warra hambaan bitaman jaarratee akka meeshaatti itti dhimma bahu hunda amantiilee ummanni hordofu adda addaa keessas harka naqachuuf jecha tooftaa wal fakkaataa fayyadama. Dabballoota sirna isaa deeggaran maqaa hayyummaa amantiitiin muudee karaa isaaniin amantiilee hunduma meeshaa siyaasaa isaa taasifachuuf akka hojjechaa jiru ifaa dha. Qaamni ‘Gumii Dhimma Islaamummaa’ (Majliisul Al’aalaa) jedhamus bifuma kanaan yeroo ammaantanaa jaarmaya amantii tahuu isaa hanga irraanfatutti maxxannee sirna Wayyaanee tahuudhaan mirgoota amantichaa sharafee sharafsiisaa jira jechuun Musliimonni Itoophiyaa keessaa kulkulfatanii dubbachaa jiru. Warri Majliisul Al’aala kana geggeessu warra hordoftoota amantichaan filame osoo hin taane dabballoota Wayyaaneen muude waan taheef sagalee keenyaan kan nuuf tahu filachuu barbaanna jechaa jiru.

Read Full Statement in 

Oromo OLF Press Release April 28, 2012

              Amharic          OLF Press Release April 28, 2012-Amharic

English  OLF Statement April, 2012

Qoteebulaan Oromoo Maatii 272 Qe’ee Isaanii Irraa Buqa’an Bakka Galan Dhabuu Irraan Tumsa Barbaadu

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo lafa irraa buqqisuu fi qe’ee irraa arii’uu waan amaleeffate Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu ganda Bariisoo Birmajjii bakka Abbaa Moo’aa jedhamu irraa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo abbaa warraa 272 qabeenya isaanii waliin waraana itti bobbaasuun lafti kun kan uummata Beenishaangul Gumuzi jechuun buqqisee jira.Uummatni Oromoo naannoo kana irraa buqqa’an qabeenyi isaanii fi maatiin isaanii bittinnaa’aa kan jiruu fi Waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’e qabeenya isaaniis saamuu irratti argama.
Ummanni naannoo kanaa yeroo dheeraaf qabsoo fincila diddaa gabarummaa itti fufuun naannoo isaanii dabballoota Wayyaanee irraa bilisomsanii manguddoota Oromoo gandaan of bulchaa turan,haaloo kanaa bahuuf jecha waraanni Wayyaanee itti bobba’uun qabeenya isaanii waliin saamee arihee waan jiruuf sabboontotaa fi ummata Oromoo irraa birmatnaa barbaadu.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Magaala Hoolotaa keessatti Mariin Afaan Fajjessaa Qondaalota Wayyaaneen dhihaate hojjettootaan fashale

Aside

Gabaasa Qeerroo Amboo Ebla 28,2012
Ebala 27,2012 Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree magaala Hoolotaa keessatti mootummaan Wayyaanee hojjettoota qonnaa maqaa marii ‘’Raayyaa Misoomaa Lafa qabsiisuu’’ jedhuun wal gahiin waamame gaaffii hojjettootaan dhiyaate jala dhaabbachuu dadhabuun fashalee oolee jira.Hojjettootni Qonnaa 70 tahan wal gahii kana irratti waamaman gaaffiilee

1. Misoomni waggaa meeqaaf odeeffame firiin isaa eessa dhaqe?
2. Ummanni Oromoo maqaa mishoomaan lafa irraa buqa’ee rakkataa fi hiyyeessa ta’ee jiraachuun mishooma hin jedhamu.
3. Mishoomi abbootii biyyaa kan ta’an hiyyoomsuu fi durreessa alagaa soromsuu dha moo hiikkaan isaa maali?
4. Maqaa Misoomaan miindaa cituun maaliif hin dhaabbatu?
5. Maqaa Hidha Abbayyaan maallaqni funaanamu nurraa maaliif hin dhaabbatu?
Gaaffiilee jedhan hojjettootni qonnaa kun dhiyeessuun ergamaan mootummaa Wayyaanee Itti aanaa Hoogganaa waajjira qonnaa kan tahe Taammiraat Zoodee jedhamu waan deebisu dhabuun mariin maqaa mishoomaan ummata afaan fajjessuu barbaaddee Wayyaanee misoomaaf waamte gaaffii hojjettoota irraa itti dhufeen fashalee jira.
Haaluma wal fakkaatuun mormiin hojjettoota mootummaa irraa leenjii guyyaa 45 jedhamuun magaala Asoosaatti dhiyaate fashalsiisaa jira.

Wallagga Bahaatti Ilmaan Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun mormii Jabeessan ,Mmootummaan Wayyaanees qabeenya saamee hidhaatti darbe.

Aside

Ebla 27,2012, Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu ganda Bariisoo Birmajjii keessatti argaman Jiraattota Oromoo lafti kun keessan miti kan mootummaa waan ta’eef abbootii qabeenyaaf gadhiisa jechuun lafa irraa buqqisaa jira.Ilmaan Oromoo lafti kun keenya,Nuyi lafa keenya irraa hin buqqaanu jedhanis dirqiin qabeenya isaanii saamamanii mana hidhaatti darbamaa jiran.Yeroo ammaa kana abbootiin maatii shan qabeenya saamamuun mana hidhaa Wayyaaneetti kan darbataman yoommuu tahan isaan keessaa
1. Obbo Olaanaa Mokonninii fi
2. Obbo Fiqaaduu Taasisaa keessatti argamu.
Uummatni Oromoos hidhamnus,ajjeefamnus lafa keenya irraa shira mootummaa Wayyaaneen hin buqqaanu jechuun diddaa daran jabeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanees ABO uummata Oromoo naannoo kanaa meeshaa waraanaa hidhachiisee jira maqaa jedhuun manaa manatti deemuun uummata sakatta’aan dararaa jiran

Jala deemaan Wayyaanee Hogganaan(Dean) Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Dr.Yiliqaal Asfaawu jedhamu tokkummaa sabboontotaan aangoo irraa darbame!.

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Ergamaan mootummaa Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuutti Hoogganaa(Dean) turee fi mootummaa Wayyaanee waliin hidhata jabaa godhachuun barattoota Oromoo hiisisaa,barnoota irraa arii’aa fi barattoota dallaa sanaa dhimma amantiin walitti buusee tokkummaa isaanii cicciruuf irratti hojjechaa ture Dr.Yiliqaal Asfaawu jedhamu tokkummaa barattootaa fi sabboontota barsiisota yuunivarsiitii Bishooftuun namni kun aangoo irra kan jiru taanaan hojii baruu fi barsiisuu ni dhaabna jechuun diddaa barattootii fi barsiisonni kaasaniin aangoo irraa darbanii jiran.Mootummaan Wayyaanee fala tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan itti dhufe jala dhaabbachuu waan dadhabeef jala deemtuu Wayyaanee aangoo irraa buusuuf dirqamtee jirti.Barattootnii fi barsiisotni yuunivarsiitii Bishooftuu tokkummaan humna jabaadha jechuun ergaa kana kan dabarsan yoommuu tahu mootummaa garboomfataa Wayyaanee kana of irraa buusuuf tokkummaan hedduu akka barbaachisuu fi kun fakkeenya ilmaan Ormoo cufaaf akka tahu jechuun dhaamanii jiran.

Sodaa Qeerroof Jecha Doorsisnii fi Sakatta’insi gaggeeffamaa jiru daran hammaachaa jiraatus Qeerroo fi Ummati adda baasuun dadhabame!.

Aside

Ebla27,2012 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawwaa
Godina Harargee Lixaa Galmaa fi bahumsa magaala Ciroo fi Hirnaa keessatti mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasuun uummata karaa deemu sakatta’aan rakkisuu irratti argama.Diddaa uummataa guutuu biyyattii keessatti itti jabaate jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee yeroo ammaa naannoo magaalaa fi yuunivarsiitiilee keessatti waraana heddummeessuun uummata Oromoo doorsisuu irratti argama.Magaalli Dirree Dawaa,Yuunivarsiitiin Amboo,Miizan Teeppii,Yuunivarsiitiin Dirree dawaa,Yuunivarsiitiin Haramaayaa fi Magaalawwan Harar,Awwadayii Fi Haramaayaa yeroo ammaa kana waraana Wayyaanee fi tikaan dhuunfatamuun uummata hojii mataa isaa hojjetu doorsisuu irratti argamu.Doorsisni diddaa qeerroo daran jabeessa malee akka duubatti hin deebisnes Wayyaaneen jabeessee akka hubatju Qeerroon beeksisanii jiru. Hidhaa fi sakatta’iinis hammam yoo hammeetes diddaan ummata Oromoo hanga bilisummaa argatuttis itti fufuu beeksisanii jiru.