Heddumminni Humna Hidhataa Wayyaanee Mooraa Yunversity Haromaayaa Keessa Jiranii fi Baayyinni Barattootaa Wal Qixa Tahuun Beekame.

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo University Haromaya

Yeroo ammaatti mooraan Yuniversitii  Hayroomaayaa  kan barataa ta’uu fi kan poolisa Wayyaan ta’uun wallaalame sababni isaa yoo baayina barataa fi kan waraana akkasumas poolisa mooraa kanaa ilaalle walgitu.

Kunis maaliif ta’e? Akkuma beekamu mooraan Yuniversitii kamiyyuu bakka barataan itti qaroomee ba’u ture malee bakka waraanni wayyaanee itti leenjifamu miti ykn hin turre. Kanumarraa ka’uun gaafa guyyaa Ebla 24,2012 sa’atii 2:00 kaasee hanga sa’a 3:00 wb itti waraannii fi hidhattoonni Wayyaanee bakka LAUNCH WALLAGGAA jedhamuun beekamu keessatti walitti qabamuun maree kan geggeessaa turan yommuu ta’u, mata duree fi ijoon maree irratti mari’atanis Qeerroo mooraa kana keessa dhokatee odeeffannoo keenya funaanu akkamitti harka keenya keessa galfanna kan jedhu fi yookiis Qeerroon ABO kun mooraa Yuniversitiin ala ta’uu waan danda’uf yeroo barataan mooraa seenu ID barattoota hunda kan mooraa kanaa ta’uu isaanii, akkasumas suuraan ID kana irra jira fuula namtichaa wajjin kan walfakkaatu ta’uu isaa ifa baafachuun dirqama kan jedhus gara waardiyaa balbala mooraatti dabarsan.

Haa ta’u malee QEERROON HAROMAYAA UNI  keessa jiru kun hidhataa waraanaa Wayyaanee  keessaa iyyuu maadhee qabaachuu fi qaama dargaggoota mooraa Yuniversitii  alaas ta’uu danda’a.

Hidhattoota mooraa seenanii Qeerroo sakata’uu fi tikoota jala buusan keessaa tokko akka barattoota gariitti haasayetti  “Kan garaa garaa haa taa’uu” Qeerroo Oromoo karaa fedhe iyyuu bilisummaa barbaadu waan ta’eef akka fedhetti dabarsinee hin kenninu kan jedhu kaasuun beekamee jira. Maarree Qarshiin Wayyaanee kan yeroof nama bitu yoota’ellee ani gama kootiin jireenyaaf malee wayyaaneef hin bitamu jechuun quuqqaa garaa isaa keessaa fi karoora ykn sagantaa ABO akka deggeru kan ibse hidhataan kun, jabaadhaa Qeerroon ABO amma fuulli kan keessan kan jedhe poolisni kun maqaa isaa barattootatti himuuf seenaaf qabadha jedheen maqaa fi deggersa Qeerroof qabu himatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Maanguddon Oromoo walitti bu’insa uumameen ajjeefaman! Uummatnis jibba mootummaa Wayyaanee irraa qabu dhaadannoon ibsan!‏

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Wallagga Bahaa aanaa Gidaa Ayyaanaatti Manguddootni Oromoo sabboonoo ta’anii fi warreen abbaa maatii hedduu ta’an waraana Wayyaanee uummata Beenishaangul Gumuziin dahatee Oromoo lolaa jiruun kanneen  ajjeefamuun reeffi isaanii guyyaa lama sadii booda argame. Ajjeefamuu maangudoota kanaan kan aaran ummanni naannoo caalaatti jibba mootummaa Wayyaaneetti kan hammeessee fi qabsoo diddaa gabrummaa irraa duubatti akka isaan hin deebifne dhifatti addeessanii jiru. Ummanni kaannoo kanaa mootummaan Wayyaanee qabsoo sanyii balleessii Oromoo irratti raawwataa jiru yoo hatattamaan hin dhaabne ta’e duula of ittisaa caalaatti akka itti fufan awwaalcha maanguddootaa kana irratti ibsanii jiru. Maanguddoota ajjeefaman kuns kanneen armaan gadii kana.

  1. Obbo Baqqalaa Olaanii
  2. Obbo Fiqaaduu Dabbis
  3. Obbo Jabeessaa Garbii
  4. Obbo Alamuu Tiitaa
  5. Obbo Gannatii Hundarraa
  6. Obbo Fiqaaduu Yaadataa
  7. Aadde Aagee Dhugaasaa
  8. Obbo Gaarumaa Amanuu
  9. Obbo Margaa Toleeraa fi kanneen maqaa isaanii yeroof hin arganne keessatti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Mootummaan wayyaanee Akkuma amala isaa dhimma Amantii keessa seenuun hordoftoota amantii garaa garaa gidduutti wal dhabdee uumaa jira!‏

Aside

Ebla 27,2012 Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee amantii fakkeessanii uummatni Oromoo siyaasa gaggeessaa jira,Kaayyoo ABO galmaan gahaa jira jechuun uummata gooluu irratti argama.Godinaalee Oromiyaa garaa garaa kanneen akka Baalee fi Arsii keessatti haalli kun haalaan jabaate yoommuu tahu uummatni karaa nagaa amantii isaa gaggeessuu hin dandeenye.Haalli kun guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaan Wayyaanee basaastota poolisa federaalaa keessaa funaanuun uffata namootni amantii uffatan uffatanii masgiidaa fi Mana Kiristaanaa seenuun oduu akka funaansisaa jirus bira gahamee jira.Seera biyyattii keessatti mootummaa fi amantiin dhimmoota wal lagatan jedhamanii barreeffamanis hojiin mootummaan Wayyaanee dhimma amantiilee keessa galuun uummata wal danda’ee amantii mataa mataa isaa gaggeeffatju walitti buusaa jira.Haalli kun babal’achuun yuunivarsiitii Jimmaa keessatti filannoo pirezedaantii barattootaa godhamaa jiru irratti protestaantii fi Musliima gidduutti wal dhibdee buusuuf carraaqii guddaa godhee jira.Waan mootummaan Wayyaanee guyyaadhaa guyyaatti wixinu uummata biyyattii kallattii maraan jeeqaa jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Qaallittiitti Hidhamtooti Oromoo Lama Haala Yaaddessaa Keessa Jiru!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 25 Ebla 2012) Mootummaan Wayyaanee hidhamtoota Oromoo dhimma siyaasaa fi eenyummaa Oromoo waliin walqabsiisee to’annaa jala oolchee jiru mana hidha akeessattis reebaa fi hiraarsaa akka jiru beekame.

Oduun mana hidhaa Qaallittii irraa gabaasaa Qeerroo dhaqqabe akak ibsutti hidhamtoota Oromoo dhimma siyaasaatiin himatamanii mana Hidhaa Qaallittii keessatti argaman keessaa hidhamtoota lama Wiixata darbe aka malee reebuun yeroo ammaa lubbuun isaanii haala yaaddessaa keessatti argama.

Hidhamtooti Oromoo humnoota tikaa  Wayyaaneetiin reebaman lamaan Geetachoo Iddoosaa fi Xiiqii Maammoo jedhamanii dha. Hidhamtooti kunneen du’aa fi jireenya keessatti kan argamaman yoo ta’u, sababa kanaan hidhamtooti Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii 1ffaa keessatti argaman illee gochaa hidhamtoota kunneen irratti raawwatame balaaleffachuun nyaata lagatanii jiru.

Seenaa isaa keessatti hidhamtoota siyaasaa Oromoo hiraarsuu fi ajjeecsuun kan beekaman hidhattootni mootummaa Wayyaanee akkuma  barame hidhamtoota siyaasaa lamaan: Geetaachoo Iddoosaa fi Xiiqii Maammoo,  kanneen  deeggartummaa ABO dhaan himatamanii M/murtii deddeebi’aa jiran reebbichaa irratti raawwateen baay’ee lubbuun isaanii hala sodaachisaa keessa akka jiruu fi waardii keessa giluukoosiin itti taa’ee akka jiru  beekamee jira.

“Dhimmi kun Wiixata darbe, gaafa Ebla 23, 2012 raawwate; haala kanaan walqabsiisee Kibxata darbe, gaafa 24/ 04/2012 hidhamtootni mooraa 1/tokko/ keess jiran nyaata dhaabanii jiru,”  kan jedhe odeessi mana hidhaa keessaa nu dhaqqabe, haalichi hedduu yaaddessaa ta’uu illee ibsee jira.

Odeessi kun itti dabaluunis, “yeroo ammaa kanattis hidhamtoota hedduu sababa kanaan hiraarsuuf akka jiran beeknee jirra. Miidhaa nurra gahuuf Oromoon bakka jiru irraa akka sagalee keenya nuufa dabarsu gaafanna,” jedhanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee kanaan duras ilmaan Oromoo kan akka Gaaddisaa Hirphasaa fi Alamaayyoo Garbaa fa’aa mana hidha akeessatti hiraarsuun akka ajjeesee beekamaadha. Oromoon sababa ABOtiin hidhame kamuu mana hidhaa keessatti mirga tokko illee hin qabu; kan biraa illee hafe koree hidhamtootaa keessatti hirmaatee gahee isaa gumaachuuf mirga akka hin qabne kanneen hidhaa san  keessa turanii akka hiree bahuuf carraa argatan ragaa bahaa jiru.

Baqattoonni Oromoo,Oromiyaa fi ABO Dabarsanii Diinaaf Akka Hin Kenine Mormii Sirna TPLF Iraatti Bahaniin Mirkaneessan.

Aside

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Magaalaa Amboo fi University Amboo

Aside

Ebla 23,2012, Sochii karaa nagaatiin itti fufuu irratti qeerroowwan magaalaa Amboo fi Mooraa yuuniversity Amboo irra jiran walitti dhufanii walgayii gochuudhaan marii isaanii ibsa ejjennoos gadi buufachuudhaan xumuranii jiru.
Ibsoota ejjennoo isaan baafatan marii isaanii irratti:
 Uummatoota keenya fedhiin isaa bilisummaa,akkasumas maatii isaaf nagaa fedhu of jala hiriirsuudhaan ,mootummaa wayyaanee barattoota keenyaa fi qote bultoota Oromiyaa keessaa goolaa jiru diddaa karaa uummataas akka itti fufuuf murtteeffanne;
 Akkasumas ta’e jedhee mootummaan Wayyaanee ummattoota nagaa walitti buusuu fi karaa amantiin dahatee jeequmasa saboota keessatti fiduuf karoorfate ciminaan dura dhaabachuuf ejjennoo fudhanne.
 Kaayyoo bilisummaa Oromoo fi akeeka Siyaasa keenyaa manneetii barnootaa fi uummata gidduutti barsiisuun akka dirqama keenyaa ta’e barree akeeka kanaan hojjechuuf waadaa keenya irra deddeebinee haaromsinee jirra;
 Milishoota gandaa fi poolisoota Oromiyaa barsiisuun,dammaqiinsa Oromummaa kennuun gara qeerrootti dabaluun ammas akka dirqamaatti fudhannee itti fufna;
 Doorsisa karaa qawweetiin ilmaan Oromoo irratti raawwamaa jiru kana ammas diddaa keenya karaa nagaatiin akka itti fufnu qabsoo keenya haaromsinee itti fufna;
 Adeemsa keenya keessatti guyyuudhaan yeroo fi haala mijawaa fi mijawaa hin taane keessatti ijaarsi maadhee itti fufa;
 Barsiisota manneetii barnootaa gadi aanaa fi sadarkaa olaanaa keessatti akkasumas koollijiwwanii fi yuuniversitiwwan Oromiyaa keessa jiran mara keessatti ijaarsii fi kaka’umsi gara sochii warraaqsaa akka ta’u ni godhama;
 Saamamuun lafaa,buqqa’uun mana jireenya uummata daran hammaacha kan dhufe kuni uummata keenya rakkoon kun qaqqabaa jiruf hundee diddaa isaa akka ta’e hubachiisuudhaan uummata keenya cina hiriiruudhaan guyyuudhaan kakasuun dirqii ta’uun isaa nu ilaallata;
 Gara dhumaatti waliigalteedhaan,tokkummaadhaan,amantiin utuu wal hin qoodin hamma mootummaan Wayyaanee aangoo isaa gadi dhiisutti diddaan keenya kan itti fufu ta’uu isaa waadaa keenya haaromsineerra !!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!

QEEROO AMBOO IRRAA!

Guyyaan Gootota Oromoo Alaabaa konkolaataa irratti fannisuun uummata dadammaqsuun ayyaaneffratamaa jira.‏

Aside

Ebla 24,2012

Guyyaan Gootota oromoo hanga ammaa bakkeewwan garaa garaa keessatti qophiiwwan garaa garaan ayyaaneffatamaa jira.Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti gandoota hedduu keessatti sabboontotni yaadannoo gootawwaniif taasisuun ayyaaneffatamee jira.Gootota keenya ni yaadanna,Akeeka isaaniis galmaan ni geenya jechuun sabboontotni Oromoo walitti dhufuun konkolaataa irratti Alaabaa ABO fannisuun Abuunaa Gindabaratii hanga Gudarii baatee deemuun ilmaan Oromoo ililchiisanii jiran.Mootummaan Wayyaanee gocha kana irraa rifachuun konkolaataaleen akka sakatta’aman gootee jirti.

Ummati Oromoo Tarkaanfii Of-ittisaa Fudhataa Jiru!

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 22 Ebla 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa Ayyaanaa keessatti uummatni Oromoo waraana mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa Gumuz hidhachiisuun uummata Oromoo fichisiisaa jiru irratti tarkaanfii fudhatame.

Akka oduun Qeerroo naannoo sanaa nu gahetti yeroo ammaa kana miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irra gahaa jiru addatti kan ummata Oromoo irratti xiyyeeffate waan ta’eef ummati gamtaa’ee tarkaanfii of- ittisaa fudhachuu eegalee jira.

Akka kanaan humnoota Oromoo ajjeesaniif dahoo ta’aa kan turan Poolisoota federaalaa  keessaa tokko ajjeesuun poolisoota federaalaa lama immoo madeessuun waraana wayyaanee bobba’e bittinneessanii jiran.

“Uummatni Oromoo ollaa isaa waliin nagaan akka hin jiraanne kan gochaa jiru itti gaafatamaan mootummaa wayyaanee ti,” kan jedhan ummati naannoo, “mootummaa nageenya keenya nuuf tiksu haga hin qabaannetti bakka jirrutti tarkaanfii of-ittisaa fudhachuun keenya dirqama; lammiin keenyas haala kana akka nuuf hubattanii nu cina dhaabbatan isiniif dhaabne,” jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.

Qeerroon Hidhuun Diddaa Jabeessa malee Hindhaabu!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Ebla 2012) Barsiisaan Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Taakkalaa Bayyanaa deeggaraa “Qeerroo fi ABO ti,” jedhamee yakkamee hojii irraa arii’amuun gaabasame.

Diddaan Qeerroo gaggeeffamaa jiru mootummaa wayyaanee kan mataa dhukkubse yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Barsiisaa Taakkalaa Bayyanaa(Msc,pharmacology) dhalootaan Horro Guduruu kan ta’e “ABO fi Qeerroo waliin hidhata qabda, Qeerroo nurratti ijaartee nurratti kakaasaa jirta,” jechuun yakkanii hojii irraa arii’anii jiru.

“Barattootni Oromoos hidhamuun, arii’amuunii fi dararamuun haa dhaabbatu!”  jechuun diddaa itti qabsiisanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun, mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uu kan amaleeffatee fi hojii godhate yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Muummee Politican science and international relation waggaa 2ffaa kan baratu Barataa Oromoo Tamasgeen Fiqaaduu jedhamu barnoota irraa arii’anii jiran.

Mootummaan wayyaanee Barataa Tamasgeen Fiqaaduun barattoota ilmaan Tigiraay reebdee jirta jechuun sobaan yakkanii barnoota isaa irraa arii’anii jiru.

Waraannii fi tikni mootummaa wayyaanees barattoota Oromoo yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti baratan dhuunfachuun doorsisa irratti argamu.

Jabinaa fi guddina Oromootaa irraa jibbinsa guddaa kan qabu bulchiinsi mootummaa Wayyaanee, ilmaan Oromoo ofitti amanoo fi ilaalcha mataa isaanii qaban sababa addaddaa itti uumuun hojii irraa dhaabuu, biyyaa aryachuu fi hidhee dararuu hojii guyyuu godhatee jira.

“Hidhaa, ajjeechaa, barnoota irraa ugguramuu fi hojii irraa aryatamuun gocha fokkotaa sirna garboomsaa ti,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “hidhaa fi ajjeechaa sodaachuun kan mirga isaaf falmachuu lagatu abadan hin jiru,” jedhee jira.

“Aadaan abbootii keenya irraa dhaalle kan nu barsiisu, mirga ofiif didanii eenyummaa fi bilisummaa ofii kabachiisuu dha,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “haga Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsinutti gochaan hammeenyaa golee garboomsa akeessaa bahuu waan hin dhaabbanneef jabaannee qabsoo keenyaan keessaa baana,” jechuun ejjannoon diddaa fi falmaa irratti qabu kan hidhaa fi ajeechaa yookaan roorroo garboomsaan  hin laafne ta’uu Qeerroon mirkaneessee jira.

Qeerroon University Finfinnee Ebla 15,Sababeeffachuun Walgahii Godhatan irratti Murtii Ejjennoo Fudhatan

Aside

Ebla 20,2012 Qeerroo University Finfinnee
Qeerroon University Finfinnee haala sochiin isaanii diinaan tohatamu keessatti diddaa jabaatanii itti fufuun Ebla 15,2012 guyyaa goototaan sababeeffachuun walgahii dhaabbataa godhatan irratti haala qabsoo Oromoo fi sochiilee Qeerroo Oromiyaa keessatti deemu irratti baldhinaan erga mariyataniin booda.Fincila diddaa gabrummaa bara 2012 keessatti haala adda ta’een akka itti fufee qabsoo Oromoo karaa saffisaan bakkaan gahu,kana irratti dabalee haala mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo fi qabeenya Oromiyaa irraan miidhaa gahaa jiru hammeenya hiriyyaa hin qabne waan ta’eef ummanni Oromoo fi saboonni biro sochii diddaa gabrummaa haala qindaayeen akka itti fufu irratti mariyachuun qeerroon gabaasa.
• Walgahii Qeerroo dhaabbataa kana irrattis ibsi ejjennoo baafatan.
• Gochaa mootummaan Wayyaanee ummata keenya irraan gahaa jiru daran hammachaa waan jiruuf qabsoo diddaa gabrummaa hamma bilisummaatti itti fufna.
• ABOn dhaaba abdii ummata Oromoo waan ta’eef jala hiriirree bilisummaa falmachuun mirga keenya.
• Ayyaan laallattootaa fi gantoota qabsoo Oromoo gananii diina waliin hiriiruun dhaaba ABO fi sochii ummata Oromoo irratti daba hojjetan bifa kamiinuu dura dhaabbanna.
• Gochaa wayyaaneen maqaa amantiin biyya goolaa jirtu dura ni dhaabbana
Kanneen jedhan irratti ejjennoo fudhatanii jiru.