Yuunivarsiitii Hawaasaatti mariin dabballoota Wayyaanee milkii dhabuun irraan barattoota kadhachuutti gad taa’an!.

Aside

Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo

Sodaa Diddaa uummataa fi barattootaa deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee dallaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti dabballoota Federaala irraa bobbaasuun,Tika naannoo fi bulchinsa magaalaa dabalachuun ijaarsa nageenyaa dhimma jedhuun marii gaggeessaa jiru.Mariin isaanii kun barattoota biratti kan hin
liqimfanne yoommuu tahu nageenya yuunivarsiitii tiksitu taanaan tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu ni baay’ata,Ni tolfama jechuun barattoota kadhachaa jiru.Kadhaan isaaniis milkii malee hafuun dabballootni mootummaa Wayyaanee fi tikni mootummaa naannoo sanaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti heddummaachuun barattoota doorsisuu irratti argamu.
Qeerroon moraa Yuniversitii Hawaasaas diddaa isaanii cimsuun dabballootaa fi sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

 

Qondaalli Wayyaanee Zalaalam Jamaanee uummataan reebame.Miidhaan guddaa irra gahe.

Aside

Caamsaa 04,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Caamsaa 03,2012 Godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa jedhamu keessatti ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraa filannoo biyyattii keessatti dharaan taasifamaa ture keessattis OPDO bakka bu’ee akka kaadhimamaatti dhiyaatee kan ture Zalaalam Jamaanee kan jedhamu maatii fi Tika isaa waliin konkolaataan osoo deemaa jiruu naannoo ganda kanaatti Oromoota waliin walitti bu’ee ilmaan Oromoo lama rukkutuun miliquuf osoo fiiguu uummata jalaa bahuu dandadhabee qabamee reebamee caccabee jira.
Haala kanatti mootummaan Wayyaanee hedduu rifachuun konkolaataa hedduun Asoosaa geessuun ummata waliin walitti bu’iinsa uumee namicha reebame Zalaalem Jamaanee Xiyyaaraan gara Finfinnee fidanii Hospitaala Kooriyaa keessatti du’aa fi jireenya gidduutti argama.Uummatni Oromoo yeroo ammaa diina isaa irratti tarkaanfii jabeessaa kan dhufe yoommuu tahu konkolaataa isaas tajaajilaa ala godhamee jira.

Qonnaan Bulaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Gibira dhorkate!‏

Aside

Caamsaa 04,2012 Ejeree
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree keessatti qonnaan bulaan oromoo gibira hin laannu jedhan.Mootummaan Wayyaanee gibira armaan dura funaane bakka dhaqate hanga baasutti Gibira hin kenninu jechuun murteeffatan. Hidhamuu barattootaa fi hiraarsa ummata irra gahu guutuutti mormuun ilmaan keenya nu jalatti hidhaa fi biyyaa arihaa,hiyyummaa nurratti cimsaa,lafa irraa nu buqisaa gibira ammo kafalaa kan jettan hin fudhannu jedhanii mootummicha mormaa akka jiran qeerroon godinichaa gabaasa. Haala kanaan kan rifate mootummaan wayyaanees dabballoota aanaa kana keessa bittinsuun maqaa Misoomaan walgahii walitti qabuun kadhaatti gad taa’us mormiin hojjettoota qonnaa fi Qotee bultoota irraa itti hammaatee jira.

Mootummaan wayyaanee Itoophiyaa Alqaayidaan seene jechuun dhimma amantii keessa seenuu irraan darbee uummata sakatta’aan rakkise.

Aside

Caamsaa 04,2012 Amboo
Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun yeroo ammaa maqaa Alqaayidaatu gama amantiin seene jechuun uummata sakatta’insaan rakkisaa jira.Godina Shawaa Lixaa Magaala Amboo galmaa fi baha magaalaa irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sakatta’insaan uummata rakkisaa jira.Sakatta’insi kun Hoteela Daraaraa jedhamu duubaa fi fuula durattis jabaachuun uummatni seeraan akka hoteela hin fayyadamne taasisaa jiran.Ijaajjii keessattis uffata shamarran Musliimaa uffatan(Ijaaba) akka hin uffatne mootummaan Wayyaanee ajaja dabarsee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa Lixaa keessatti uummatni Itti gaafatamaa Bulchinsa aanaa Beegii dhimma amantii lallabuuf uummata waame oduu kijibaa hin barbaadnu,Nuyi Bilisummaa barbaadna jechuun lallaba ergama wayyaanee harkatti fashalsanii jiran!

Uummanni Oromoo Aanaa Limmuu fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalateen Poolisoonni 5 reebaman.

Aside

Caamsaa 03,2012 Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu
Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fixuuf akkuma karoorsee ka’e diddaan Uummataas dacha itti fufeetu jira. Caamsaa 2,2012 Aanaa Limmuu Galiilaa keessatti walitti bu’iinsi Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee gidduutti akka ka’e qeerroon gabaasa,walitti bu’iinsi kunis Poolisoonni ergamanii dhufan kun mana Uummataa sakatta’uudhaan uummatni manneetii isaanii akka hin sakaattaasisneef qabeenya isaanii tikfachuuf jecha of irraa ittisuuf jecha walitti bu’iinsi ka’een dhimma nageenyaa kan ta’an Ittafaa Galataa fi Abdiisaa Gammadaa kan jedhaman reebanii caccabsuudhaan,poolisoota nama 4 immoo meeshaa qara qabuun madeessanii akka jiran gabaafamee jira.
Itti fufuudhaan immoo mana barumsaa Haroo Limmuu sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas mana barumsaa Sugee sadarkaa 1ffaatti alaabaan ABO fannifamee olee jira.Itti dabaluudhaan Aanaa Ibaantuu keessatti bakka Qeelloo fi Haqaroo jedhamutti alaabaan ABO guyyaa sa’atii 7 irraa kaasee hamma galgala keessaa sa’a 2:30tti fannifamee akka oole qeerroon naannoo sanii gabaaseee jira.
Ummanni aanaa kanaa jabeetee naannoo isaa diina irraa qulqulleessuun injifannoo argamsiifataa akka jiru kanuma waliin gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barattootni Oromoo Mana Barumsaa sad 1ffaa Galaasaa Qooftuu Bosona Collimoo Ciramaa Jiru Gootummaan Dhaabsisan.

Aside

Caamsaa 03,2012 Ambo
Godina Shawaa lixaa aanaa Dadii galaasaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Galaasaa Qooftuu keessatti barattootni Oromoo baratan Bosonni Cillimoo ciramuun diinaan guuramauun haa dhaabbatu jechuun diddaa qabsiisuun ciramuu bosona Cillimoo dhorkanii jiran.Barattootni Oromoo kunneen tokkummaa jabduun bosonni Oromiyaa yeroodhaa yerootti ciramuunii fi gubamuun haa dhaabbatu jechuun gaaffii dhiyeessuun yoo itti fufinsaan ciramuun kan guuramu taanaan barnoota hin barannu jechuun murteeffachuun bosona Cillimoo hanga hafe tikfachaa jiran.Namoota bosona kana ciruuf bobba’anis isin diina ilmaan Oromooti jechuun uummata keessaa baasaa deemsisaa akka jiru ifa ta’ee jira.

Wallagga Gimbii Keessatti Daldaltootii fi Hojii Dhabloonni ilmaan Oromoo ABO ta’uun Keenya nu boonsa Jedhan.

Aside

Caamsaa 03,2012 Gimbii
Mootummaa wayyaaneetti doorsisnii fi hidhaan furmaata diddaa dhaabuu kan itti fakkaachaa turee fi har’as itti jiru Godina Wallaggaa Lixaa magaala Gimbii keessatti dargaggootni nagaan oolanii akka hin galle dhorkaa jiran.Daldaltoota bunaas ABO waliin hidhata qabdu,Meeshaa waraanaa ABOf naannessitu jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Dargaggootni hojii dhabdummaan magaala kana keessatti rakkachaa jiran hedduu yoommuu tahan miseensota ABOti jedhamuun yeroodhaa yerootti qoratamaa jiru. Daldaltootii fi hojii dhabloonni ilmaan Oromoos waan Wayyaaneen ittiin yakka jettee isaan himattu kanaaf nuti Oromoon ABO ta’uu keenyatti hin qaanfannu,yoo ittiin boonnee malee jedhanii ifatti bulchitoota magaalaa Gibittii dubbachuu qabaasi qeerroo addeessa.
Kanuma waliin Gibii fi magaalota naannoo san jiran kan akka Innaangoo,Gullisoo,Yuubdoo fi Najjootti diddaan daran jabaatee akka jabaatus Qeerroon magaala kanaa fi naannoo ishii gabaasee jira.

Barattootni Amantii Musliimaa Hordofan Yuunivarsiitii Amboo fi Koollejjii Alaagee bakka dura salaataa(sagadaa) turanitti akka hin salaatne(sagadne) dhorkaman.‏

Aside

Caamsaa 02,2012 Amboo
Yuunivarsiitii Amboo keessatti mootummaan wayyaanee Barattoota Musliimaa dallaa yuunivarsiitii keessatti akka hin saganne dhorke.Mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatan) naannoo istaadiyeemii bakki kun isinii hin eeyyamamu,yoo isin kan sagaddan taatan warreen kiristaanaafis bakka kennuu waan qabnuuf dhaabaa jedhus barattootni musliimaa amantii keenya bakka barbaadnetti amanachuu dandeenya,Shirri mootummaa wayyaanee hin dalagu jechuun diddaa jabeessuun itti fufanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Koollejjii Teeknikaa fi Ogummaa qonnaa Alaagee keessatti mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatanitti) xuraa’aa bottee lama fiduun naqanii bakka dhorkatanii jiran.Barattootni musliimaas maaliif kana akka godhan gaafatan deebii dhabuun masgiida koollejjii irraa fagaatu deemuun salaatuuf dirqamanii jiran.

Dhiibbaan Biyyattii keessatti dhimma amantiin dhufaa jiru haalaan hammaachaa dhufuun yeroo ammaa waraanni mootummaa wayyaanee hordoftoota amantii garaa garaa ija siyaasaan ilaalaa jiran!

Uummatni Oromoo Poolisootaa fi tika Wayyaanee irraa of ittise. Alaabaan ABO s Manneen barnootaa keessa balalii’aa jiru.

Aside

Caamsaa 02,2012 Laqamte
Uummatni oromoo Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu,Fiixee bokkoo ganda 06 waraanaa fi tika mootummaa Wayyaanee bobba’uun diddaa dhaabuuf yaalan Caamsaa 1,2012 guyyaa guutuu of irraa ittisan.Uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qaban fudhachuun poolisoota mootummaa wayyaanee doorsisaa fi qe’ee irraa buqqisuuf bobba’an tumanii of irraa arii’an.Uummatni Oromoo naannoo kanaa Poolisoota mootummaa Wayyaanee 4 hojii ala kan godhan yoommuu tahu jala deemtota mootummaa Wayyaanee
1. Dafaa Galataa dhimma nageenyaa aanaa Limmuu
2.Abdiisaa Gammadaa Hojjetaa dhimma nageenyaa
3. Abarraa Qorannoo yakkaa aanaa Limmuu
Kan tahan poolisoota guurratanii deeban waliin tumamanii diddaa uummataan naannoo sana irraa ittifamanii jiran.Waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanees uummata naannoo kanaa miidhuuf bobba’us uummatni karaa itti cufuun of irraa ittisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun barattootni Oromoo mana barumsaa
1. M/B Limmuu sad 2ffaa fi qophaa’inaa
2. M/B Barisoo sad 2ffaa
3. M/B Sugee sad 2ffaa
4. M/B Qeelloo sad 2ffaa
5. M/B Qaxaroo sad 2ffaa
Alaabaa ABO fannisuun gaaffiin oromoo haa deebi’u jechuun diddaa jabeessanii jiran.Barsiisotni manneen barnootaa kanneenii fi kanneen biroos diddaa uummataa deemsifamaa jiru kan tumsanii fi adda durummaan kan gaafatan tahuu ibsanii jiran.
Injifannoo uummata oromoof!!

Yuniversitii Adaamaa Keessatti Barattooti Oromoo Filmii Oromiffaan Dhihaatu Akka Hin Ilaalle Dhorkaman.

Aside

Ebla 30,2012, Qeerroo Adaamaa
Dhiibbaan mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo iratti gageessaa jiru ammas kan itti fufe ta’ee kan jiru yoo ta’u bakka buutotni wayyaanee mooraa yuuniversity Adaamaa keessa jiraatan barattoota Oromoo mooricha keessa jiraniin fiilmiwwan Afaan Oromoon gaggeeffamu mooricha keessatti akka hin ilaalmne godhan. Keessumaa Ebla 28/2012 f Fiilmii Afaan Oromoon qophaa’e “HINSEENE”jedhamu ilaalamuuf qophii turban lamaaf godhame guyyaan ilaalamuu kaleessa kan ture fiilmiin kun mooraa yuuniversity kana keessatti ilaalamuu hin qabu kan sabaa fi sab-lamii yoo ta;e male jechuudhaan sabni habashaa yeroo jeequmsa kaasanitti meesholeen kireeffamanii dhufan haa deeni’aniyyuu malee barattootni Oromoo mooricha keessa jiran diddaa isaanii agarsiisuudhaan fiilmiin sun akka ilaalamu ta’eetu jira, isa irraan kan ka’e amma irraa eegalee huccuun aadaa,agarsiisni garagaraa kan Oromoo ilaallatu marti mooricha keessatti akka hin raawwanne ajaja gadi dhiisanii jiru sabni Amaaraa kun,kana hunda sababeeffachuudhaan sabootni Amaaraa kun dhaadannoo garagaraa mooricha keessatti kan akka suuraa Haayila Sillaasee guddisuudhaam mooricha keessatti bakkoota adda addaatti mamaxxansaa akka jiran Qeerroon mooraa Yuuniversitii Adaamaa gabaasa.
Haalli sochii diinonni Oromoo aangoo biyyattii irratti qanitti dhimma bahuun Oromoo irratti dhiibbaa akkasii waan geessisaa jiraniif barattooti Oromoo hamma akeeki qabsoo Oromoo bakka gahee cunqursaan fakkaataa kun nurraa bu’utti qabsoo ni cimisina jedhanii dhaammatanii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!