Sabboontonni Oromoo 16 ta’an Naannoo Matakkal irraa qabamanii Yakka tokko malee mana hidhaa maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti waggaa tokkoo oliif hiraarfamaa turaniiru. Kunis karoora Mootummaan wayyaanee Akkuma Oromoota Naannoo Sumaalee, Walloo, Raayyaa fi Affaar Jiran walitti buusuun, Hidhuun, Ajjeesuunii fi Buqqisuun Sanyii Oromoo naannoo biraa jiran Lafarraa dhabamsiisuuf karoorfatee fi Hojjechaa jiru dha.
Haata’uyyuu malee Buqqa’insii fi duguuggaan sanyii Oromoota nagaa naannoo Sumaalee jiraatan irra gahe naannoo keenyatti sababaa Kabajaa fi Jaalala Ummanni Biroo naannichaa Oromoof qabu irraa kan ka’e harkatti fashalee jira. Kanaan kan ciisa dhabde mootummaan Wayyaanee; sabboontota mana hidhaattii guuruu fi Uummata Oromoo naannichaa saboota biroo wajjin walitti buusuu Furmaata godhattee kaate. Garuu hanga ammaatti Hidhaa qofaan milkooftee jirti. Continue reading

We the following political organisations:– Afar Liberation Front, Gmbella Regional Movement, Gambella Nilotes United Movement, Oromo Parliamentarian Council, Shekacho Peoples Movement for Democracy and Social Justice, Tatek Ethiopia for Freedom, Democracy and Unity for Ethiopia, Member Organizations of PAFD (Gambella Peoples Liberation Movement, Sidama National Liberation Front,
Qabsoo FDG walitti fufiinsaan adeemaa ture ABO tiin durfamee gantuus galtuus raasee bakkaa bubbutaa, kaanshee dhabama gochaa gara FXG tti ceene. Ammas qabsoon itti fufeera. Walirraa akka hincinnetti bifa miidhaan uummatarra hingeenyeen danboobee jabaatee dannabsaa jira. Tooruma magaalaalee Oromiyaa mara fakkaatuun Naqamtes yeroo gara yerootti sochii diddaa taasisuun hanga yoonaa didaa as gaheera. Leeqaanis ta’e Oromoon martuu waan godhuuf waan dalagu beeka. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beeka. Yeroo kamuu uummatatu beekadha jenna nuti. Warri uummmata miliyoonarra beekna jedhan ammoo Taankiif Qawweenuu dadhabaa jiru. Qabsoo roga mataasaa dandaa’ateen Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya abaasaa keessa ta’ee ABO dhaan durfamee qabsoo taasisaa jiru baase bu’ureeffachuun qabsoo belbelse.
Gurraandhala 26,2018