Jiituu Sabaafi Lammii Moosisaa; Unbarsiitii Finfinnee Amajji, 2013
Kuaa 2ffaa
“Kan dagalee raasu yemmuu namatti bu’e argu….”
Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kutaa jalqaba barreeffama kaanaa keessatti qabxiiwwan ijoo tokko tokko kaasuf yaallee turre. Inni dursaafi waliigalaa gidiraan adda addaa jiraatullee abbaan dhugaa tasuma gola salphinatti akka hinafne; warri dhugaa awwaaluuf dhagaa gangalchan ooli bulii booda matuma isaaniitiin bool’a salphinaatti yoo dhidhiman seenaa kaleessaarraas ta’ee jiruu har’aa keessattii argaa jiraachuu keenya wal yaadachiifnee turre. Barreessitoonni barruu kanaa bardheeraa of duuba deebinee seenaa kaleessaa dubbachuuf tarii umriin nu daangessullee, barri keessa dhalanneefi keessa jirru yeroo qabsoon Orommummaafi Bilisummaa sadarkaa murteessaarra gahe ta’uun adeemsa kana keessatti waa hedduu arginee deebifnee akka dubbannu seexaa seenaa nutti hore. Dhugaan seenaa quqquuqee nu dubbisullee dubbii keenya dura Angaftichaafi Angaftittiif SAFUU qabnaa “NU OOFKALCHAA!” jennee gara dubbii kaaneefitti ceena.
Guutuu isaa dubbisuuf:- Utaaltee muka yaabdee, Buutee ilmoo ishee dhabde 2.doc



