SBO Amajjii 30 Bara 2013

Aside

Oromo TV: OYA Oromo Folk Dance Show with Presentations by Children

Aside

Diddaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Daran Yaaddeessuun Gabaafame

Aside

Amajjii 29,2013 Jimma

Amajjii 27,2013 Godina Jimmaattii diddaan baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Ummataa godina Jimmaa yeroo irraa gara yeroottii jabaachaa deemuun Mootummaa abbaa irree EPRDF yaaddoo cimaa keessaa galchee kan jiruu ta’un hubatameera. Bulchiinsii Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa sodaa warraaqsaa Qeerrootiin kan raafamaa jiruu guyyaa kaleessaa Koree gamtaa baratootaa Yuuniversiitii Jimmaa walitti qabuun maloo baratootaa nuuf sossobaa mooraan Yuuniversiitii Jimmaa fi kanneen kaanis dirree siyaasaa waan taeef mootummaa miidhaa jira jechuun barattoota sossobachaa jiran illee itti hin milkoofne.

Sochiin Qeerroo fi hordoftotni amantaa muslimaa yeroo yeroon sirna abbaa irree irraatti gaggeessaa jiran ammas cimee itti fufaa jira, Mootummaan Wayyaanees sochii eebbifamaa mirgaa ofii falmaachuuf karaa nagaa godhamuu kana danquuf yeroo yeroon Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaattii humna waraaanaan bobbaasaa kan turee, ammas humna waraanaa haaraa guyyaa kaleessaa hoomaa waraanaa mooraa Waraanaa 44ffaa jedhamuun beekamuu fi kan magaalaa Jimmaa keessaatti argamuu keessaa qubsisaa jira, baay’inaa loltotaa irraan kan ka’ee  guyyaa har’aa Loltotaa Isaa Waan irraa ciibsuu waan dhabeef firaashii/firaashaa/[waan irraa ciisaan] mooraa kolleejjii barsiisotaa jimmaa keessaa gara mooraa waraanaa 44ffaatti konkolaataadhaan guuraa ture qeerroon gabaasa. Goototni Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Hoomaan waraanaa sochii falmaa bilisummaa gaggeessaa jiruu danquu hin danda’uu! jechuun dhamatan.

Haala kanaan Ummaannii Godinaa Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa biyyaa dimokiraasiin hin jirree keessaattii maqaa filaannoon nutti akka ka’uu hin barbaadnu jechuun kaardii filaannoo hin fudhannuu jechuun kaardii filannoo fudhachuu diduun diddaa qaban agarsiisaa jiru,

Magaalaa Finfinnee Keessatti Waraanni Wayyaanee Uummata Guraarsuu Itti Fufe

Aside

Amajjii 29,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee aangootti erga ol bahee bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaan itti fayyadamu keessaa inni guddaan
Addunyaatti sirna Dimokiraatawaa mulisuu yaaluu dha.Wal gahii Gamtaa
Afrikaa Impaayera biyyattii keessatti taaamaa jiru irrattis uummatni
mirga isaa kaasee ykn dubbatee abbaa irrummaan kiyya saaxilama soda
jedhuun loltooti Wayyaanee naannoo Finfinnee keessatti ummata jeeqaa jirti. Yeroo ammaa kanatti uummata nagaa karaa irra deemu qabanii sakatauu fi namoota afaan Oromoo dubbatan hordoffii itti gochuun karaa irraa dhaabanii waraqaa eenyummaa gaafataa akka jiran beekama.

Hojjettoota mootummaa osoo hin hafiin namooti hedduun guyyaa lama keessatti kan hidhaman yeroo tau kanneen 20 ol hidhaman keessaa warri maqaan isaanii armaa gadii keessatti argamu.

1. Poolisii Federaa Zalaalam Eggazuu
2. Dargaggoo Margaa Hamsaaluu hojii dhabaa kan tahe

3. Obbo Kaffaalee Fiqaaduu daldalaa Markaatoo(huccuu kan daldalu)

Haala kanaan rakkoon geejibaa magaala Finfinnee keessaa ammas daran jabaatee kan itti fufe yoommuu tahu uummatni gaaffiilee mirgaa dhiyeessuun
wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusaa jira.

Gabaasa Haala Sochii Dargaggoota Oromoo fi Kubbaa Miillaa 2013

Aside

205797_436815216389018_1498544725_n(Gabaasa Jaarmiyaa ABO Africa Kibbaa) Hiree argamee fi danda’ame hundatti fayyadamuudhaan Qabsoo teenya leellisuun, baaksisuun fi jabeessuun dhala Oromoo hundarra jira.Keessattuu kana ilaalchisee miseensonni, qondaaloota ABO fi jaarmaya Caayaalee ABO waan guddaatu irraa eegama. Kana of irratti hubatuudhaan jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa jiru dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa kan bara kana achitti deemaa jiru irratti qoodaa fi dirqama qabsoo beeksisuu fi leellisu  kan isaanirra jiru bifa qindoominaatiin bahataa jiru.

Dorgommii Waancaa bara kanaatiif kan dabarte Itophiyaaniis ajaa’iba agarsiisuuf dhaadachuu fi of dhaadhessuudhaan garee kubbaa biyyoolessaa garas bobbaasuu dandeesse. Bobbaa kanarratti qindoomina godhameen  mootummaan  aadaa fi naamusa Sportiin ala bahuudhaan  taphattoonni fi daawwattoonni akka muummicha ministeraa Mallas Zenaawii dhaadhessan ajajaa fi dirqamni itti kennamee akka ture keessa beeytoonni saaxilanii jiru. Kana ilaalchisee daawwattoonni akka T-shirt suuraa M/Zeenawii uffatanii fi dhaadannoolee isa faarsan qabatanii akka qabanitti yaadame. Taphattoonni ammoo kaniteraa(qomee) jalaan uffatan kan suuraan M/Zeenawii irra jirtu akka uffatan. Abbaan goolii galche yeruma sanatti T-shirti isaa kan gubbaa ofirraa saaqee suuraa Zeenaawii sana mul’isuudhaan akka gammachuu isaa agarsiisu kan jedhu ajajni kenname.269393_436816003055606_1450339911_n

Yeroo ammaan tanaa kana jaalalaa fi jibbansi ummanni isaaniif qabu kan hin hubanne aangawoonni Wayyaanee dirqama naamusa spoortiin alaa kana kennanillee taphattoonni kun aadaa sportiin ala  kun dhimmi siyaasaa sportii keessa galuu isaa daangaan ala kan mul’isu waan taheef hin goonu jedhanii, taphattoonni harkatti didan. “Namuu gara firaa jennaan foon harree daaraa keessatti kufe” jedhu, ajaja kenname kana taphattoonni hundi yemmuu falmanii didan taphattoonni dhala Tigraay namni shank an garee kubbaa biyyoolessa Itophiyaa keessa jiran yaada kana fudhatanii turan. Haa tahu malee mootummittiin haala jiru kana sodaatuu fi ofirratti amantaa dhabuudhaan sagantaan Mallas dhaadhessuu kun akka haftu taasifame.

Kun akkas tahee, eega Afsrikaa Kibbaa gehamee fi taphne jalqabees wanneen mudatanii fi tahan hedduutu ture. Alaabaaleen dirree kubbaa sana keessatti yeroo gareen kun taphatu mul’ate danuu akka ture. Magaalaa keessallee namuu alaabaa isa ilaaltu fannisuu, makiinaarratti maxxansuu fi uffatuudhaan deeggarsaa fi mormii qaban mul’ifamaa ture.  Alaabaaleen Abysinia/Itophiyaa tan Wayyaanee, tan H/Sillaasee fi tan mormitootaas mul’atanii jiru. Tamtu tan Itophiyaati kan jedhu gaaffiidha. Kan morman keessaa tan garri lameen diimtuu jidduun magariisaa fi booruu ganamaatiin faayamte alaabaan ABO fi Oromoos hiriira galtee turte. Kuniis tattaaffii miseensotaa fi jaarmaya ABO kan achi jiraniin godhame. Naannoo gool biratti dhihaatuudhaan akka balaliitu taasifamee ture. Kun waan guyyaa dorgommii duraa hojjatamee dha.
19312_10151256200466242_112194461_nGuyyaa dorgommii lammadaa Embasiin Wayyaanee biyya san jiru kanarraa baaraguu fi rifatuudhaan mootummaa biyyasiitti iyyattee alaabaaleen biraa  keessattuu tan ABO akka hin balaliifamne gochuuf tattaafatame. Kanaaniis poolisa naannoo miseensonni jaarmaya keenyaa jiran irratti ramaduudhaan eeguun  seennaa irratti akka qabatanii hin seenne tattaafatuu, warra kaameraas waa nyaachisuudhaan akka kaameraan garasitti hin xiyyeeffanne taasisuuf tattaafatamaa ture. Waan ajaa’ibaa poolisnilleen kan dura dhaabbataa ture bakkuma miseensonni jaarmaya keenyaa jiraniin qofa ture. Kan warra Habashaa fuuldura humtuu hin turre. Haa tahu malee qondaalotaa fi miseensoonni kana hundaa bira kutanii alaabaa Oromoo balaliisuu itti fufaa oolan. Dhumarratti jaala alaabaa Oromoo  poolisoonni fi namoonni biyyasii horataniin alaabaa kennuufiin, brochure dhaabaas kennuufiin diinummaa osoo hin tahin firummaan akka Oromoo fi isaan jidduu jiraattu gochuun, maalummaa Oromoo fi ABO ummata biyyasiituu hubachiisuun danda’amee jira.

Jaarmaya ABO S/A

SBO Amajjii 27 Bara 2013

Aside

Hayyuun Oromoo Maal Nuu Dhaamee??

Aside

Ogeessi,Hayyuunii fi Beekaan Saba tokkoo imaanaa goototi isa duraa dhaammatanii fi irbuu sabaaf seene tiksee dhalootatti dabarsa.Hayyuun keenyi Jaal Kadir Sa’id fi aartistooti Oromoo biroon onnee saba Oromoo gabrummaan madaaye dhinsanii bilisummaaf kakaasuuf jecha dhaamsa isaan nuu dabarsan dhaloota irraa dhalootatti darba.

*Hayyuun keenya Jaal Kadir maal nuu dhaamee?? Qeerroonoo maal deebisaafii?

DC Rally:VOA: “Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Oromoonni Dabaan Hidhaman Haa Hiikaman!” Oromoota Ameerikaa

Aside

Dagalee Media: Hiriira Nagaa Washington DC – Amajjii 25, 2013

Aside

Godina Wallagga Bahaa Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufe

Aside

Amajjii 26,2013 Naqamte

Tapha dheengaddaa Afirikaa Kibbaatti Itoopiyaa fi Zaambiyaa gidduutti taphatamee ilaalchisuun sabboontotni Oromoo Afirikaa Kibbaa irraa Alaabaa ABO olkaasuun Addunyaa fi Ummataa Oromoo biyyaa Ambaa fi Biyyaa keessaatti argisiisuun Abdii kan nuf kennuudha jechuun Qeerroon dargaggotaa Oromoo Godina Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Haroo Limmuu, Heebantuu, Giddaa fi Limmuu Galiilaa keessaatti Sibaan ABO farsuu fi kayyoo motummaa abbaa irree dura dhaabbaachuu jabeessaani itti fufaan, Mootummaan Wayyaanees sochii Qeerroo kanatti kan rifatee humna poolisaa dargaggotaatti bobbaasuun qabee hidhuuf yaaliin godhamee irree qeerroon fashalaa’ee, keessaattu Onaa Limmuu galiilaatti Poolisonnii baratoota qabuuf bobbafaman kan nama Naasir Alemuu nama jedhamuun hogganaman baratootni fi dargaggonnii wal ta’uun dagaan reebanii of irraa deebisaan, keessaattu nama Naasir Alemuu jedhamuu kanaa humnaa ol madeessuun gabafame, haalumaa walfakkaatuun Onaa Haroo Limmuutti poolisonnii maqaan isaanii 1. Alemuu Biiftuu, fi 2,Tafarii Misganaa jedhamaan ilmaan Oromoo adamsanii qabanii Hidhuuf kan bobbaa’an irree qeerroon reebamuun gabasamera, Gutummaa Godinaa Wallaaggaa Bahaa keessaatti Wayyaaneen karaa jala deemtotaa ishee maqaa Misoomaatiin ba’atii Daagaa[ittisaa biyyee] Qotaa jechuun yaadaa Ummataa gara dabarsuuf yaaliin wayyaanotaan karoorfamee ummaannii fudhachuu diduun Ummaanni Oromoo Ajajaa Wayyaanee fi Jalaa deemtotaa ishee irraa darbuu hin fudhannuu jechuun Sirna waayyaanee balaaleffaachuu cimsee kan jiruu ta’uun gabaafamera, abbaan irree diddaa ummataa kanatti rifachuun humna poolisaa ummatatti bobbaasee uummataa dirqamaan akka baasaa jiruu fi uumataa nagaa poolisaan reeba kan jiruu ta’uun gabafamera. Onaa Haaroo Limmuutti dargaggoonni maqaan isani 1,Qalbeessaa Ayyaalaa, 2, Haile Biftuu fi 3,Misgaanaa Namaaruu jedhaman Ummaannii akka inni Mootummaaf hin ajjajamnee fi kaardii filaannoo hin fudhannee dhorkitaan jechuun Poolisaan kan reebaman ta’uun ibsamera, Kana malees diddaan Baratootaa Oromoo University Wallaaggaa itti fufee jira guyyaa har’aa baratootnii University Wallaaggaa Amantaa Muslimaa hordofaan dhiibbaa baratotaa Oromoo fi hordoftotaa amantaa muslimaa irratti university Berdar keessaatti torbee darbee keessaa geesifamaa turee mormuun Nyaataa dhaabanii jiruu, gutuummaan baratoota Oromoo fi hordoftootni amanta Musilimaa guuyyaa boruus cimsanii nyaataa dhaabuun akka mormii isaanii jabeessaan ibsatan.