Lubi Waldaa Makaane Iyyessuus Wallagga, Aanaa Waamaa Hagaloo Paaster Waggaarii Ayyaanaa Mootummaan Akka Kufuuf Waaqa Kadhatte Sababaa Jedhuun Hidhame. Gaaffiin Mirgaas Itti Fufe

Aside

Bitootessa 10,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Because I am OromoUuumaani Oromoo Aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo Keessatti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Poolisoota Wayyaanee Waliin Wal Qabaa Jiru.

Wallagga,aanaa Waamaa Hagaloo magalaa Qassoo keessatti  Bitootessa 10 bara 2015 Humna uumata Oromoo FDG gaggeessaa jiruu fi ergamtoota Wayyaanee jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumameen magaalli Qassoo dirree falmaa ta’uu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Gaaffii uumannii fi qonnaan bultooti naannichaa gaafataniin wal qabatee guyyaa har’aa hiriirri magaalaa kanatti ta’ee fi dhadatnooleen uumataa kan isaan rifaasise poolisoonni Wayyaanee uumata nagaa qabanii hidhuu fi hiraarsuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan sabboontota armaa gadii kana magaalaa Qasoo keessaa waraanni Wayyaanee guyyaa har’aa qabee akka hidhee jiru qeerroon gabaasa.

1Qajeelaa Raggaasaa
2 Boodanaa Baqqalaa
3 Misgaanuu Raggaasaa
4 Danjaa Dhangi’aa
5 Dhugaasaa Abdiisaa
6 Booboo Addunyaa
7 Misgaanuu Addunyaa fi kanneen biroon mana hidhaatti argamu

Oduu dhuma wal fakkaatuun lubi waldaa makaana yesuus darabaaWaggaarii Ayyaanaa jedhamu mootummaan akka kufuuf Waaqayyoon kadhatte jedhamee achi buuteen isaa kan dhabamedha

Mooraaleen Agriculture fi Saayinsii and Technology Yuuniversitii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Sakatta’amaa Jira,FDGs Bifa Qindaawaan Itti Fufaa Jira.

Aside

 diddaa9Bitootessa 10,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jechuun of waamaa jiru Sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoon irratti qabsiifama jiruun yaaddoo fi dhiphina keessa seenuun Mooraa Yuunibarsitii Jimmaa irratti dabballootaa fi poolisoota isaa bobbaasuun sakkatta’insa gaggeessa jira.

Sochiin warraaqsa FDG goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qabsiisaniin walqabatee, sochiin kun haalan jabachaa jiraachuu fi itti fufinsa qabachuu irraan mootummaan abbaa irree Wayyaanee waan qabee gadhisuu walaaluudhaan sochii kana duubaan kan jiru ABO dha.  hojjeetootni mootummaa, barsiisota, fi poolisotni illee sochii kanatti ijaaramanii jiru jechuun baala lafaa sochootu hundaa ija shakkii guddaan ilaaluu irraa bakka argan hundatti dhaabiitti mirga namaa sarbuun sakkatta’insa seeraan alaa gaggeessa jiru. Keessattuu Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan Mian Cumpas, mooraa Business anda Economics, Mooraa Agriculture fi Mooraa Saayinsii fi Technology irratti sakkatta’insa balbala ittin ol gara mooraatti seenanii fi gadi ba’an irra poolisoota isaa hiriirsisuun sakkatta’insa seeraan alaan muddama seene jira.

Sochiin Warraaqsa FDG gootota dargaggoota Qeerroo Oromoon qabsiifame bakka hundatti haala walfakkaatuun jabaatee itti fufaa jira, keessattuu sochiin warraaqsa gootota barattoota Oromoo dhabbiileewwaan barnoota olaanoo fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa dabalachuun walduukaa socho’aa jiraachuun mootummaa wayyaanee muddama guddaaf saaxilaa jira. Warraaqsi gootota barattoota Oromoo dhaabbilee Barnoota olaanoo Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Adaamaa, Harammayyaa, fi madda Walaabuu keessatti daran jabachaa jiraachuu maddeen keenya bakka hundaa gabaasa jiru.  Hogantootni Sochii Warraaqsa FDG sochii bilisummaa uummata keenyaa gonfachiisuuf gaggeessa jirru mudamuun sakatta’insaa fi raafamni wayyaaneen argisiisuu kamuu dhaabuu hin danda’uu FDG jabaatee bakka hundatti itti fufa jechuun dhaamsa dabarsuun uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa ka’uun sochii kanatti hirmaachuun mootummaa abbaa irree dhabamsiisuuf yeroon warraaqsi bakka hunda qabsiifamu amma waan ta’eef bakka jirruu hundatti dirqama Oromummaa bahuu qabdu jechuun itti fufuun wamicha gochaa jiraachuu beeksise.

 

Barruuleen Warraaqsaa Magaalaa Adaamaa fi Gandoota Baadiyyaa Naannoo Keessatti Baldhinaan Raabsamaa fi Maxxanfamaa Oole.

Aside

Adaama 111Bitootessa 10,2015 gabaasa Qeerroo waraqaan waamichi abbaa biyyummaa fi gochaa gar-jabeenyaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru dura dhaabbachuuf waraqaan dhaaddannoo mata duree IYYAA IYYA DABARSAA.WARAABESSI ILMAAN OROMOO NYAACHUU BARE ABBAAY TSAHAAYYEE GUYYAAN YUUSE  jedhu manneen barumsaa,waajjiraalee fi gaandoota baadiyyaa tokko tokko keessatti haala hoowaa ta’een ummata keessa raabsame bakkoota muldhatoo ta’an itti ammo maxxanfamee jira, keessattuu tuffii fi ilmaan Oromoo ajjesiisuf hiisisuu keessatti gahee guddaa kan qabu hoogganaa Wayyaanee Abbaayi Tsahaayyee fi ergamtootni isaa OPDO irratti ummatni keenya bakka jiruu akka dura dhaabbatu waamicha dabarsa

Qabiyyeen barruulee kanaas akka armaa gadii ta’a

  1. Abbay Tsahaayyee yakka duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba.
  2. Mirgi bilisummaa ummata Oromoo fi saboota cinqurfamoo kabajamuu qaba.
  3. Abbummaan lafaa ummata keenyaaf mirkanaa’uu qaba.
  4. Hiree uumata Oromoo Wayyaaneen hin murteessu ofiif mirteeffanna
  5. OPDOn of hooggani hin dandeenye ummata Oromoo bakka hin buutu
  6. Biyyaa fi Qabeenya uumata Oromoo irratti Wayyaaneen abbaa ta’uu hin dandayu.
  7. Hidhamtoonni siyaasaa ilmàan Oromoo haal duree tokko males mama hidhaa irraa bahuu qabu.
  8. Ajjeechaa gar jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti  raawwatameef, ABBAAYI TSAHAAYYEE, MUKTAAR KADIR, DAMMAQAA MOKONNONI fi fakkaattonni isannii itti gaafatamuu qabuAdaamaa jajja
  9. Master pilaanin finfinnee haal duree tokko malee dhaabbachuu qaba.
  10. Uummata oromoo hiyyoomsuf lafa isaa irraa buqqisuu fi gibira humnaan olii sassaabun haa dhaabbatu.
  11. Osoo dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e hin qoorin Abbaay Tsahaayyee ummata oromoo likkiitti galchina jedhee nutti dhaadati dura has dhaabbannu
  12. ,Oromoof kan hojjetu fakkaatee ergama wayyaanee galmaan gahuuf ilmaan Oromoo ficcisiisaa kan jiru OPDO haa balaaleffannu.
  13. Ummatni Oromoo mirgaa lafa isaa humnaan dhabe filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoon deeffata .kan jedhuudha waraqaaleen kun haaluma walk fakkaatun godina shawaa bahaa aanaa fantaallee iddoowwan, magaala mataa haraa,magaalaa Haroo qarsaa, Mag/Harpo adii, Martii, Haroo huubaa ,Qararri, Ilaala,Dhagaa hujufaa,Xuxxuuxii,Nuqusa,Harangamaa,Maarigaa,Dirree Sadeem,Baddannoo,Turoo,Gidaara,Gaara diimaa,Buses,Godoo,Weebaa,Kapii 1,2,3,Faatee,Leedi,Saara,Galchaa,Bantii,Ajoo tarree,Ajoo,Jaarraa nuunnuu,Qobboo,Yaayya,Baalcii,Dhimbibaa,Harramurii ,Gololcha ,Qacaacaluu baadiyaalee jedhamuu fi kkf keessatti haala hoo’aa ta’een waraqaan warraaqsaa kun bifa lamaan facaafamuu fi maxxanfee jira .sochiin Qeerroon naannichaa godhe kun ergamtoota wayyaanee daran yaaddoo keessa galche .dhuma irratti ilmaan oromoo iddoo garagaraa irra jirtan gochaa diinni ummata Oromoo irratti gochaa jiru dura haa dhaabbannu .gabaasa Qeerroo naannichaa gabaasa.
  14. Adaaamaa 112 Adaama j Adaama ja Admaama jaa

Ogeessoti Fayyaa Sabboontoti Oromoo Magaalaa Tullu Boolloo Basaastota Wayyaaneen Yakkamaa Jiru.

Aside

Bitootessa 10,2015 Tullu Boolloo

Wargamaa Wayyaane

Wargamaa Wayyaane

FDG yeroo irraa yerootti ka’uun wal qabatee sochii dargaggoota Oromoo duubaan jirtu sababaa jedhuun hojjettoota mootummaa fi miseensota OPDO gara garaa maqaa ABOn yakkamaa jiru,haala kanaan hojjettooti fayyaa buufata fayyaa magaalaa Tullu Boolloo keessa  hojjetan maqaa dirqiin kaardii filannoo fudhachuu diddan jedhuun yakkamanii dararaan irraa gahamaa jira,gama biraan sochii warraaqsaa naannicha jiruun wal qabsiisanii yakka  adda addaa irratti akka funaanu kan ramadame gaafatamaan fayyaa naannichaa fi sirna mootummichaaf amanamaa ta’ee kan hojjetu Tsegaye Hundeessaa jedhamu hojjettoota sabboontota ilmaan Oromoo yakka tokko malee akka hojii irraa arihaman taasisaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

SBO Bitootessa 11 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi Deebii Jaal.Dr.Fidoo Eebbaa Miseensa KHR – ABO Waliin Taasifame Kutaa Jalqabaa Fi Gabaasa Oduu Sochii Barattoota Oromoo Yunversitii Haramaayaa Irratti Fuulleffate Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromia Insight: Oromo Voice Radio (OVR) broadcast, March 9, 2015

Aside

Gaaffii Mirgaa Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Kaasaniin Wal Qabatee Kaabinooti OPDO 3 Hojii Irraa Arihaman.

Aside

 Bitootessa 10,215 Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa

alaabaa

alaabaa

Warraaqsa Bilisummaa gootota barattoota Oromoon yeroo irraa gara yerootti mootummaa Wayyaanee raasaa jiru jabaachaa fi daran ciminaan soss’aa kan dhufe humni warraaqsaa,mootummaa Wayyaanee haalaan akka yaaddessee fi naasuu guddaa itti fidee jiru beekamaa dha.

Bitootessa 2015 keessa guutummaa Shaggar Lixaa keessatti warraaqsa Qeerroon Bilisummaa socheesen wal qabatee mootummaan Wayyaanee soda guddaan waan itti buleef jidduu kana bulchitoota Federaalaa irraa naannoo Oromiyaa heeraan ala seenuun kaabinoota OPDO hojii irraa arihaa akka jiranii fi sochii warraaqsa bilisummaa kana duubaan ABO itti hidhatee kan hojjetaa jiru isini sababa jedhuun hojii irraa arihuutti argamu.

Bitootessa 9,2013 Shaggar Lixaa Aanaa Abunaa irraa hojjettoota 3 hojii irraa arhiman keessaa:-

  1. Shifarraa Mokonon, Hojin Fayinanasi
  2. Baacaa Lameessa ,Hojin Humnaa namaa
  3. Girmaa Baacaa,hojiin Gageessaa hojii

Kanneen ta’an yeroo tahu,haalli kun gara fuula duraattis mootummaan Wayyaanee naannoolee biro irraa waan itti fufuuf Oromoon bakka jiruu gamtaan ka’ee warreen dhimma bulchiisa Oromiyaa keessa seenanii akka fedhanitti hojjettoota hojii irraa arihan dura akka dhaabbatan taasisuun falmaa yerooti.

Wallagga,Aanaa Sibuu Siree Ganda Waayyuu Tuqaa Keessatti Qonnaan Bultooti Oromoo Lafti Irraa Saamame Gamtaan Ka’an, Qeerroon Situu Siree Ammoo Konkolaatota Biyyee Dachii Oromoo Irraa Gara Tigrayitti Fe’amu Dura Dhaabbachun Oolfatan.

Aside

Bitootessa 10,2015 Gabaasa Qeerroo Sibuu Siree

Oromian resistanceMaqaa investment n namooti Oromiyaa erga dhufuu jalqabanii bulbbulee akkuma jiru godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree lafa qubannaa hindootaattii fi Waayyuu Tuqaa keessatti abbootiin qabeenyaa biyya alaa maqaa maqaa investment n Oromoota dhibbaatamaan  lafa irraa fudhatan dura qonnaan bultooti Oromoo dura dhaabbachuun akka laficha gadhiisan gaafachaa jiru.

Baatii darbe keessa diddaan qonnaan bultoota Oromoo naannuma kana irratti waan ka’eef mootummaan Federaalaa poolisoota guurrachuun inversteroota biyya alaa irra goree uumata qonnaan bulaa reebaa fi abbootiin qabeenyaa illee dabalanii akka reeban ta’aa ture. Haalli kun hammaachaa waan dhufeef Bitootessa 7 2015 irraa jalqabee hamma guyyaa har’aatti qonnaan bultooti Oromoo gamtaan ka’uun lafa irraa saamame falmachuu fi abbootiin qabeenyaas dachii isaanii akka gadhiisanii bahan akeekachiisanii jiru.

Kana malees konkolaatonni gurguddaa wal harkisu biyyee biyya Oromoo kan qonnaaf ta’uu fi daggalla naannoo irraa gubuun biyyee jaa jiru qotuun gara hin beekamneetti geessaa jiru, haala kanaan Qeerroon aanaa Sibuu Siree jiraatan konkolaatota biyyee biyya Oromoo guuranii bakka hin beekamnetti geessaa turan dura dhaabbachuun akka fe’amee hin deemnee taasiaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Sibuu Siree

Harmee Haadha Gootaa !!( Walaloo)

Aside

Abdii Baalee Oromiyaan kan qophaaye.

Barreessaa dhugaa baasa!Akkam nagaa jirtuu,ilmaan Oromtichaa,
Ilmi Baarentumaa fi ilmi Boorantichaa,
Jaallan qabsoo Sabaa,dhamni hangaftichaa,
Baga nagaa taatan,xiqqaa fi guddaan jechaa,
Anis nagaan qabaa galata rabbiif galchaa,
Waa dubbachuun fedhaa,xinnoo na ofkalchaa!!!

Qeerroo Qeerransa koo,si gaaddisni Sabaa,
Sanyii ABO dhaa,goota biyyaaf Abbaa,
Jabaadhu,bakkayyuu,hamileen kee jabaa,
Qabsoo ati gootuun,diina mataan cabaa,
Itti fufi qabsoo,barri numa darbaa!!!!!!!!!!!!!!!!

Inni keessaa fi alaa,kan kallattii hundaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan Abbaa Gadaa,
Hayyoonni Oromoo,warri fuune waadaa,
Jabaadhaa,bakkayyuu,dhalooñni nuun aadaa,
Ofirraa haa kaafnuu,Wayyoonata duudaa!!

Harmee Haadha Gootaa

Wal Quunamtii Uummata Jidduu Kutuuf Jecha Dhaabbati Tajaajila Bilbila Itiyoophiyaa Godinoota Oromiyaa fi Beneshangul Gumz Tajaajila Bittaa Siim Kaardii Dhorkataa Jira.

Aside

IMG_20150309_101911Gabaasa Qeerroo Naqamtee,Bitootessa 9,2015, Dhaabbanni Ethio Telecommunication jedhamu Oromiyaa godinoota adda addaa fi naannoolee Beeneshangul Gumuz tajaajila bilbilaa dhorkachaa jira. Addatti Wallagga lixa keessaa fi naannoon Beeneshangul gum, tajaajila bilbilaa fi bittaa SIM akka hin arganne guutummaatti dhorkaa jira,haalli kunis uumanni Oromoo technology fayyadamuun mootummaa irratti wal kakaasaa jira sababaa jedhuun jiraattoti bilbilaa fi SIM kaardii argatanii akka hin bitannee sababaa dhorkeef jecha jiraattoti konkolaataan hamma magaalaa Naqamtee deemanii akka bitatan taasifamaa jira.

Haala kanaan hiriitti tajaajila bilbila bituu daran hammaachaa jira,jiraatoti godina adda addaa irraa gara magaalaa Naqamtee dhufuuf illee geejjibi gahaa akka hin jirre Qeerroon addeesse.