Bitootessa 10,2015 Tullu Boolloo
FDG yeroo irraa yerootti ka’uun wal qabatee sochii dargaggoota Oromoo duubaan jirtu sababaa jedhuun hojjettoota mootummaa fi miseensota OPDO gara garaa maqaa ABOn yakkamaa jiru,haala kanaan hojjettooti fayyaa buufata fayyaa magaalaa Tullu Boolloo keessa hojjetan maqaa dirqiin kaardii filannoo fudhachuu diddan jedhuun yakkamanii dararaan irraa gahamaa jira,gama biraan sochii warraaqsaa naannicha jiruun wal qabsiisanii yakka adda addaa irratti akka funaanu kan ramadame gaafatamaan fayyaa naannichaa fi sirna mootummichaaf amanamaa ta’ee kan hojjetu Tsegaye Hundeessaa jedhamu hojjettoota sabboontota ilmaan Oromoo yakka tokko malee akka hojii irraa arihaman taasisaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist