Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 10, 2015

Aside

Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Guddoo Kan Isa Baaragse Wayyaaneen Konkolaataa Godinoota Deeman Hunda Sakatta’uuf Murteesse.

Aside

Bitootessa 12,2015 Naqamte

IMG_20150312_112935Sochii Oromiyaa keessatti bifa addaan Qeerroon Bilisummaa itti fufeen kan baarage mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu wallaallee jira,haala kanaan barattooti Yuuniversitii fi hojjettooti mootummaa aannoolee dhaloota isaanii fi bakkoota adda addaatti ramadamanii hojii warraaqsa bilisummaa ni gaggeessu sababaa jedhuu fi shakkii hin jirre afarsuun konkolaatotiin aanaa fi godina deeman hundi akka sakattama’amaniif ajjaja dabarsee jira.

Ajaja kanaan kan sakatta’u loltoota Wayyaanee naannoo biraa irraa rarramadamanii bakka buufata konkolaataa fi keellaalee irra dhaabbatanii jirachuu Qeerroon gabaasa.

Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe.Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran.

Aside

JHBitootessa 11-12 bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaan Oromoo taasisaa jiruun goleelee Oromiyaa walii gala keessatti gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo bu’ureffate itti fufuun, Bitootessa 11 irraa kaasee uumata waliin wal qabachuun godina Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti diddaa kaasaniin waraana Wayyaanee waliin walitti bu’aa oolanii jiru.

Gaaffii uumanni Oromoo aanichaa gaafataa jiru keessaa:-

Mootummaan Wayyaanee haamlee fi aangoo ittiin uumata Oromoo bulchu waan hin qabneef waggaan 23 isa gahee jira nurraa haa bahu.

Qeerroon Bilisummaa akeeka mirga democaracy fi bilisummaa qabatee falmaa itti fufa.

Finfinneen kan Oromooti,

Gochaaleen hammeenyaa mootummaa Wayyaaneen nurratti ta’aa jiru akka dhaabbatu!

Fi dhadatnooleen adda adda addaa dhageessifamaa Qeerroonis wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa oolee jira.

Poolisonni naannoo Oromiyaas Qeerroo cinaa dhaabbattan isa jedhuun mootummaan Federaalaa humna addaa fiduun ummata itti roorisaa ooleen poolisii Oromiyaa keessaa tokko ammoo namni Shifera Kuusaa jedhamu akka hidhame gabaafama.

FDG Bitootessa 11,2015 Ona Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargagaggoon Oromoo Galataa Waaqoo Reebichaan Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Dararamaa Jira

Aside

Gammachuu WaaqoBecause I am Oromo

Bitootessa 12,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Buusaa

Dargaggoo Galataa(Tamasgeen) Waaqoo kan jedhamu godina Shaggar Kibba Lixaa ona Daawoo magaala Buusaa keessa itti guyyaa kaleessa ganama keessaa toora 12.30 pm itti gaaffii mirgaa kaftan sababaa jedhuun Poolisootaa fi kaabinootaan ari’amee erga qabamee booda sadafii qawween erga rukutamee haalaan miidhamee jira,kana malees reebicha Poolisoonnii fi dabballoonni Wayyaanee irraan gahanii lafa irra harkisuun reebicha humnaa ol erga irraan gahaanii booda mana hidhaa aanichaatti galchanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Kana malees Dargaggoo Galataa Bitootessa 11,2015 erga reebanii hidhanii booda rifeensa gogaa irraa haadun fi mana kophaatti galchuun harkaa fi miilla muka dhaabbatutti hidhuun reeba kan jiran yoo ta’u erga kaleessa hidhamee haga amma hidhan kan irraa hin hiikkatiinifi reebichi irraa hin dhaabbatin ta’uu oodeffannoo achiirraa nu gahe ni addeessaa!

Sagalee Simbirtuu,Bitootessa 12,2015/Oduu fi Gabaasa FDG Yuniverstii Wallaggaa

Aside

FDG Guyyaa Har’aa Godina Shaggar Kibba Lixaa aanaa Daawoo Magaala Buusaa Keessatti Ka’uun Kan Baarage Warraanni Wayyaanee Dargaggoo Oromoo Tamasgen Jedhamu Sadafaan Reeban.

Aside

Bitootessa 11,2015 Magaala Buusaa
diddaa9Godina Shaggar Kibba Lixaa  aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti warraaqsi Bilisummaa finiinaa ooleen guyyaa har’aa Bitootessa 11,2015 hiriiraan oole uumannis gaaffii abbaa biyyummaa gaggeessaa ture. Addatti dargaggoonni Oromoo fi barattooti Oromoo qooda guddaa kan fudhatan yeroo ta’u karaa namaa mirga Oromummaa falmachuu irratti gaaffiilee :

  • Oromiyaan kan Oromooti,
  • Finfinnee hin kenninu Murree,
  • Nuti nagaa barbaadna, kijiba Wayyaanee nuffinee fi kkf n adda durummaan dhaadhachaa oolanii jiru.

Haalan kanaan loltootii fi humni poolisa Wayyaanee naannoo jiran maraa wal waamuun barattoota reebgaa oolan, dargaggoo Oromoo Tamasgeen jedhamu sadafiin  rukutanii lafarraa harkisan Uummanni Daawoo kan gochaan gara jabina diinaa dallansiise kuunneen FDG daran jabeessuun  iyyaa fi  dhaadataa jiru.

Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo fi Ganda Baachoo Booree Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Gaggeefamaa Oole,Barsiisoti Oromoo Ta’anis Sababa Kanaan Qabaman.

Aside

oromo in ethioBitootessaa 11,2015,  Godina Jimmatti Sochiin Warraaqsa FDG gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromootiin qabsiifamuu eegale jabaachuun gara uummata Oromoo baadiyyaa godina Jimmatti babal’acha jiraachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa qabee mana hidhatti darbaa jira.

Motummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun sabboontota ilmaan Oromoo  badii tokko malee humna waraanaa poolisii federaalaa irratti bobbaasuun hidhatti ukkamsuu itti fufe jira. torbee kana keessa sabboontotni Oromoo Godni Jimmaa Aanaa garaagaraa keessa maqaa Oromummaan Oromoota hidhatti darbamaa jiru.

Haaluma kanaan magaalaa Jimmaa fi Aanotaa Godina Jimmaa garaagaraa irra kanneen hidhaman:

  1. Nazifaa Abbaa Tamaam jiraataa magaalaa Jimmaa ganda Bachoo Booree jedhamu keessatti uffataa hodhuudhaan kan maatii isa jiraachisu,
  2. Barsiisaa Gammachuu jedhamu aanaa Shabee Somboo  M/B Marsaa jedhamu irraa utuu barsiisuu humna Poolisii Federaalaan ukkanfame.

Kana malee Anaa Deedoo irraa ilmaan Oromoo torba kanneen ammaf maqaan isiinii nu hin qaqqabiin humna poolisii federaalaan qabamanii mana hidhatti darbamuu maddeen keenya gaabasan.

Haaluma kanaan Yeroo amma kana Mootummaan Wayyaaneen humni Adda Bilisummaa Oromoo ABO’n Godina Jimmaa keessa buufate jira maqaa jedhuu fi maqaa sakkatta’aa dhabamsiisuu jedhuun humna poolisii naannoo Oromiyaa irraa shakkii guddaa qabatuun ajaja mootummaa federaalaatiin poolisoota Federaalaa fi waraanaa aanota Godinichaa keessa bobbaasuun ilmaan Oromoo maqaa qorannoo fi sakkatta’insaan dararuu fi ukkamsuun hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamera. Adeemsi gochaa diinummaa mootummaan Wayyaanee fudhachaa jiru kun uummata bakka jiruu dammaqsuun akka uummatni fincilee  sochii FDGtti makamuun mirga isaa kabachiifatuuf dirqamsiisa jiraachuu irraa uummatni utuu hidhatti hin ukkanfamiin harka walqabatnee mootummaa abba irree irratti finciluun yeroon gamtaan kaanee falmannuu amma jechuun dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun ibsame jira.

Strengthening Initial Goal Beautifies The end.

Aside

Firehiwot Guluma Tezera

March 11,2015

I don’t think that there exists anyone who doesn’t know the intent Oromos started struggle.The intent is to liberate Oromia.This aspiration of over hundred years of age in 1992 brought together Oromos who have been disorganized by lie and propaganda of their enemies and resulted in the raising of Oromo flag for the first time in the largest city of Oromia, Finfinne.It is this initial goal that made Oromos nation coming from eleven provinces to realize that they have the same intention.The previous derogatory names of “gaallaa’’ and “qottuu” for the Oromo was replaced by the correct name Oromo.Afaan Oromo, language which was a target of smear campaign by irresponsible habeshas who claimed that the language is not suitable for the media and struggled for over hundred years to make it extinct and make it illegal for the Oromos to use their own language, became a language of instruction and work.Oromos who according to their enemies do not have land and came from ocean, became recognized with a map that they live and own the land in eleven provinces within Ethiopia. Many Oromos realized that they were Oromo and the name Ethiopia was forced on them.If our initial aim of Oromos was to democratize Ethiopia, may be today most of us will call ourselves with the name forced on us “Ethiopiyawi”, and we may never enjoy the benefits, mentioned above, that our initial goal partly achieved.

Read Morearticle.docx

Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ganama Har’aa Irraa Jalqabee Itti Fufe.

Aside

Gootonni barattooti Oromoo mooraa Yuuniversitii Wallaggaa har’a Bitootessa 11,2015 irraa jalqabanii gaaffii mirgaa mootummaa Wayyaaneetti dhiheeffatan akka deebii argatuuf jecha FDG itti fufanii jiru.

Mooaraan Yuuniverstii Wallaggaa dhadatnoo fi sirboota Warraaqsaan gootamtee jirti,Poolisoonni Wayyaaneen keeessa mooraa fi alaan hidhatnoo guutuun naannicha qubatanii barattoota doorsisaa jiru,gariin poolisoonni Oromiyaa ammoo barattoota Oromoo jajjabeessaa akka jiranii fi haalaan dhaabatanii akka ilaalaa jiran qeerroon ni gabaasa.

Gabaasi guutuu ni dhihaata.

Kolleejjiin Barsiisota Jimmaa Irratti Maqaa ABO Qorannoon Irratti Gaggeefamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa 11/2015 Kolleejjiin dhaabbata barsiisota Jimmaa kan Waggaa dheeraaf ogummaa barsiisuummaa sadarkaa Dipiloomaa fi sertifikeetiidhaan barsiisota leenjisaa ture fi amma illee barattoota godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabuun barattoota 10,000 olitti lakka’aman leenjisaa jiru gara mooraa Siyaasa mootummaa Abbaa irree Wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDOtti jijjirame. Mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsa FDG’n muddamee dhiphina keessa seenuun dabbaloota ergamtuu Wayyaanee ta’an mooraa dhaabbilee barsiisota kanarratti bobbaasuun ilmaan Oromoo dirqamaan miseensa OPDOtti ijaaruu, kanneen asiin dura ijaaramanii jiraniin immoo isin ABO waliin jirtuu, namoota warraa ABO ta’anii fi gara ABOtti isin ijaaraan immoo akka waaqaatti sodaattu, qajeelfama isaan isinitti kennaan immoo kuftanii kaatani hojiitti hiikaa jirtu jechuun meseensota OPDO mooraa Koolleejjii barsiisota Jimmaa keessatti argaman barattoota 179 irratti qormaatni bifa adda ta’een koolleejjicha keessatti irratti gaggeeffama jira. Qorannoo kanaan walqabatee miseensotni OPDO duraanii iyyuu arii fi dheekkamsaan guutamuun guutummatti miseensummaa OPDO dhaabuuf murtii fudhatan, sabboontotni barattootni Oromoo kun OPDO’n waanjoo garbummaa uummata Oromootti feetee ofii harree ba’aan itti tole taatee akka harree halaakaa wayyaanee faarsa jiraachuu murteeffatte jechuun arii wayyaanee fi OPDO irraa qaban ibsatan.
OPDO’n uummata Oromoo tuffachiiftee, qaanessitee, Oromoo waanjoo garbummaa jalatti tiksuun dhiyeenya kana immoo mootii abbaa irree TPLF kan ta’ee Abbaay Tsahaayee walga’ii dhoksaan Hawaasaatti gaggeeffame irratti namichi nafxanyaan kun OPDO arrabsee, tuffate doorsise, akka niitii isaattis kabaluuf ”Liki naasgabachowaleen” jechuun itti dhaadate, ergasii as immoo OPDO’n bakka dhaloota isaanii sirrii fi abbaa isaanii sirriin himatan, haala kanaan uummata Oromoo tuffachiisaa, arrabsiisaa mirga dhabsiisaa, qabeenyaa Oromoo saamsisaa fi ilmaan Oromoo ajjeesisaa nuti uummata Oromoo bakka buuna jechuun dhaadachuun kanaan booda dhaabbachuu qaba jedhu sabboontotni Oromoo barattootni koolleejjii barsiisota Jimma.
Dabballoota basaastota Wayyaanee yeroo ammaa koolleejjii barsiisota Jimmaa irratti ramadamuun hojii diinummaa fi garboomsaa umrii dheeressuuf ramadamanii kanneen maqaa qorannoo jedhuun barattoota Oromoo dararaa jiran:
1. AbbaZinaab Abbaa Olii president koolleejjii barsiisota Jimma
2. Taarikuu Laggasee dabballee OPDO fi basaasa barattoota Oromoo dararaa jiru ta’uun yeroo amma kana mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa keessatti waajjira OPDO banachuun mooraa barnooticha gara mooraa siyaasaa fi qorannoo barattoota Oromoo irratti gaggeessutti jijjirani jiru.
Barattootni Oromoo ilmaan qotee bulaa baratanii lammii isaanii barsiisuuf mana ba’an qorannoo Wayyaanee fi dabballoota Wayyaanee kanaan halkanii guyyaa dararamaa waan jiraniif barnoota dhaabuuf murtii godhan. Goototni barattootni Oromoo koolleejjii barsiisota Jimma mooraan barnoota mooraa siyaasaa miti yeroo amma kana waajjirrii OPDO mooraa koolleejjii keessatti ifatti banamuu fi galgalaa ganama barattootni Oromoo dirqamaan akka miseensa OPDO ta’an dirqisiifamuu fi kanneen miseensa ta’aniin immoo isin ABO jechuun dararuun dhaabbachuu qaba. Uummatni Oromoo akka waliigalatti garbummaa keessa jira, dabballootni Abbaa Zinaab abbaa Olii fi Taarikuu Laggasee jedhaman kun seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun dhaamsa dabarfatani jiru, Wajjirrii OPDO fi qorannoon Siyaasaa mooraa Koolleejjii barsiisota jimmaa keessa hanga hin dhaabbatnetti guutummaatti barnoota itti fufuun iyyuu rakkisaa waan ta’eef guutummaatti barnoota dhaabuun mirga keenya kabachiisuuf kan falmannu ta’a jechuun murtii isanii dabarfatanii jiru.