Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe.Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran.

JHBitootessa 11-12 bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaan Oromoo taasisaa jiruun goleelee Oromiyaa walii gala keessatti gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo bu’ureffate itti fufuun, Bitootessa 11 irraa kaasee uumata waliin wal qabachuun godina Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti diddaa kaasaniin waraana Wayyaanee waliin walitti bu’aa oolanii jiru.

Gaaffii uumanni Oromoo aanichaa gaafataa jiru keessaa:-

Mootummaan Wayyaanee haamlee fi aangoo ittiin uumata Oromoo bulchu waan hin qabneef waggaan 23 isa gahee jira nurraa haa bahu.

Qeerroon Bilisummaa akeeka mirga democaracy fi bilisummaa qabatee falmaa itti fufa.

Finfinneen kan Oromooti,

Gochaaleen hammeenyaa mootummaa Wayyaaneen nurratti ta’aa jiru akka dhaabbatu!

Fi dhadatnooleen adda adda addaa dhageessifamaa Qeerroonis wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa oolee jira.

Poolisonni naannoo Oromiyaas Qeerroo cinaa dhaabbattan isa jedhuun mootummaan Federaalaa humna addaa fiduun ummata itti roorisaa ooleen poolisii Oromiyaa keessaa tokko ammoo namni Shifera Kuusaa jedhamu akka hidhame gabaafama.

1 thought on “Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe.Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Wallaggaa, Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe – Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s