Bitootessa 11/2015 Kolleejjiin dhaabbata barsiisota Jimmaa kan Waggaa dheeraaf ogummaa barsiisuummaa sadarkaa Dipiloomaa fi sertifikeetiidhaan barsiisota leenjisaa ture fi amma illee barattoota godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabuun barattoota 10,000 olitti lakka’aman leenjisaa jiru gara mooraa Siyaasa mootummaa Abbaa irree Wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDOtti jijjirame. Mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsa FDG’n muddamee dhiphina keessa seenuun dabbaloota ergamtuu Wayyaanee ta’an mooraa dhaabbilee barsiisota kanarratti bobbaasuun ilmaan Oromoo dirqamaan miseensa OPDOtti ijaaruu, kanneen asiin dura ijaaramanii jiraniin immoo isin ABO waliin jirtuu, namoota warraa ABO ta’anii fi gara ABOtti isin ijaaraan immoo akka waaqaatti sodaattu, qajeelfama isaan isinitti kennaan immoo kuftanii kaatani hojiitti hiikaa jirtu jechuun meseensota OPDO mooraa Koolleejjii barsiisota Jimmaa keessatti argaman barattoota 179 irratti qormaatni bifa adda ta’een koolleejjicha keessatti irratti gaggeeffama jira. Qorannoo kanaan walqabatee miseensotni OPDO duraanii iyyuu arii fi dheekkamsaan guutamuun guutummatti miseensummaa OPDO dhaabuuf murtii fudhatan, sabboontotni barattootni Oromoo kun OPDO’n waanjoo garbummaa uummata Oromootti feetee ofii harree ba’aan itti tole taatee akka harree halaakaa wayyaanee faarsa jiraachuu murteeffatte jechuun arii wayyaanee fi OPDO irraa qaban ibsatan.
OPDO’n uummata Oromoo tuffachiiftee, qaanessitee, Oromoo waanjoo garbummaa jalatti tiksuun dhiyeenya kana immoo mootii abbaa irree TPLF kan ta’ee Abbaay Tsahaayee walga’ii dhoksaan Hawaasaatti gaggeeffame irratti namichi nafxanyaan kun OPDO arrabsee, tuffate doorsise, akka niitii isaattis kabaluuf ”Liki naasgabachowaleen” jechuun itti dhaadate, ergasii as immoo OPDO’n bakka dhaloota isaanii sirrii fi abbaa isaanii sirriin himatan, haala kanaan uummata Oromoo tuffachiisaa, arrabsiisaa mirga dhabsiisaa, qabeenyaa Oromoo saamsisaa fi ilmaan Oromoo ajjeesisaa nuti uummata Oromoo bakka buuna jechuun dhaadachuun kanaan booda dhaabbachuu qaba jedhu sabboontotni Oromoo barattootni koolleejjii barsiisota Jimma.
Dabballoota basaastota Wayyaanee yeroo ammaa koolleejjii barsiisota Jimmaa irratti ramadamuun hojii diinummaa fi garboomsaa umrii dheeressuuf ramadamanii kanneen maqaa qorannoo jedhuun barattoota Oromoo dararaa jiran:
1. AbbaZinaab Abbaa Olii president koolleejjii barsiisota Jimma
2. Taarikuu Laggasee dabballee OPDO fi basaasa barattoota Oromoo dararaa jiru ta’uun yeroo amma kana mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa keessatti waajjira OPDO banachuun mooraa barnooticha gara mooraa siyaasaa fi qorannoo barattoota Oromoo irratti gaggeessutti jijjirani jiru.
Barattootni Oromoo ilmaan qotee bulaa baratanii lammii isaanii barsiisuuf mana ba’an qorannoo Wayyaanee fi dabballoota Wayyaanee kanaan halkanii guyyaa dararamaa waan jiraniif barnoota dhaabuuf murtii godhan. Goototni barattootni Oromoo koolleejjii barsiisota Jimma mooraan barnoota mooraa siyaasaa miti yeroo amma kana waajjirrii OPDO mooraa koolleejjii keessatti ifatti banamuu fi galgalaa ganama barattootni Oromoo dirqamaan akka miseensa OPDO ta’an dirqisiifamuu fi kanneen miseensa ta’aniin immoo isin ABO jechuun dararuun dhaabbachuu qaba. Uummatni Oromoo akka waliigalatti garbummaa keessa jira, dabballootni Abbaa Zinaab abbaa Olii fi Taarikuu Laggasee jedhaman kun seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun dhaamsa dabarfatani jiru, Wajjirrii OPDO fi qorannoon Siyaasaa mooraa Koolleejjii barsiisota jimmaa keessa hanga hin dhaabbatnetti guutummaatti barnoota itti fufuun iyyuu rakkisaa waan ta’eef guutummaatti barnoota dhaabuun mirga keenya kabachiisuuf kan falmannu ta’a jechuun murtii isanii dabarfatanii jiru.
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist