Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 28,2015

Aside

Caamsaa 28/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MEETTAA ROOBII Keessattis Fincilli Ummataa Daran Jabaachaa Dhufe.

Aside

DiddaaGodina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti holola mootummaan Wayyaanee maqaa filannoo dharaatiin afarsuun walqabatee fincilli ummataa Magaalota akka Gooroo, Eelaa, Minaaree, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa kanneen akka Suubbaa Gaajoo, Dhalataa, Qaxqaxoo, Kuyyuu Gicii cimee Kan itti fufe tahuun ibsameera.

Addaatti immoo Uummatni Oromoo Meettaa Roobii ganda ‘’Kuyyuu Gicii’’ jedhamtuu ganda gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii itti dhalatee yoo taatu yeroo amma kana FDG finiinsuun qamni mootummaa Wayyaanee sadarkaa Aanaa irraa hanga Sadarkaa Federaalaatti jiru kamuu akka nutti hin seennee jechuun of irraa kan ittisan ta’uun ibsame jira. Yeroo Ammaa kanatti Gadindi dhalootaa Gooticha Oromoo Laggasaa Wagii qama bulchiinsa Aanaa illee of irraa ittisuun, diina dura dhaabbatan milishootni  gandaa illee gara uummataa hiriiruun qaamni mootummaa kamuu hidhatees, ergama addaas qabaatee akka ganda Kuyyuu Giciitti hin seenne dhorkatan, hanga bilisummaan keenya gonfanutti halagaaf garboomnee hin bulluu jechuun uummatni murtoo fudhachaa jira.

Akka Waliigala guutummaa AANAA MEETTAA ROOBIItti  Ummatni sagalee keenya diinaaf hin laatnu jechuun,filmaata sobaa keessatti hirmaachuun fafa jechuun uummatni karaan keenyaa tookichaa kanaan booda falmannee falmachiisuuf murtii fudhannee jirra jechuun FDG jabeessuun kan itti fufan yoo ta’uu , Caamsaa 26/2015 gandoota baadiyyaa keessatti korojoon filannoo wayyaanee utuu gara Aanaa Geessuuf adeemanii uummatni itti iyyuun koree boordii irraa fudhachuun ibiddaan barbadeessuun gabaafame, Waraanni wayyaanee uummata sodaachisuuf sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo shororkeessee jiraachuu akkuma bare sababa kanaan walqabatee guyyaa har’aa dargaggoo Taaddasaa Shifarraa magaalaa Gooroo keessatti loltoota mootummaa wayyaatiin rukutamee Hospitaala Phaawuloos Finfinnee galuun dhagahame. Haaluma walfakkatuun dargaggootni Oromoo fi qonnaan bultootni lakkoofsaan 40 ol tahan yeroo ammaa naannuma kanaa mana hidhaatti darbamanii dararamaa jiraachuunis barame. Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII Waan manaa baaneef mana argannutti manatti hin deebinu, Kan manaa baaneef Bilisummaa fiduufi malee rasaasa diinaan reebamnee galuu miti jechuun Ibsa ijjannoo baafatan ummatni naannichaas. Qabsoon daran finiinee itti fufee jira.

Qeerroo/ Wallee Haaraa Shimelis Abbabuu Dabalee

Aside

Caamsaa 28,2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII Warraaqsi Bilisummaa Qabsiifame Itti Fufe, Sabboonaa Oromoo Waraana Wayyaaneen Ajjeefames Uummanni Oromoo Kabajaan Boqochiisan.

Aside

Caamsaa 28,2015 Midaa Qanyii

diddaa9Uummatni  Oromoo AANAA MIDAA QANYII ajjeechaa fi hidhaan mirga keenya falmachuu irraa duubatti nu laffisuu hin danda’u, jechuun FDG qabsiisuun wareegama qaalii kanfalaa jiran daran jabeessuun itti fufan. Uummatni Oromoo fi dargaggootni Qeerroon Oromoo wal jabeeffachuun dabballootaa fi ergamtoota Diinaa irratti mana galmaa diiguu fi akka ergamtootni Wayyaaneen OPDO’n  nannooa gadhiisaanii uummata keessa bahaanif Uummatni walta’uun tarkaanfii irratti fudhachaa jira. Dabballootni Wayyaaneee fi koreen boordii filannoo wayyaanee OPDO  UUmmataan reebaman, Manni isaanis irratti diigamee jira.  

Gandoota AANAA MIDAA QANYII kanneen akka  Baaroo Bidaaruu, Cuqqalaa Wangee, Goosuu Daamuu,  Daamuu, GUddataa Gabaa Lagaa, Dirree Weennii, Kilicaa, Boquu Nissoo, Tuulluu Umburaa, Waayiloo, Goobee Kuraam, Galaan Gumjee,  Haleeluu Goosuu, Bakkaafaa Abeetoo, kanneen jedhaman keessatti Goototni uummatni Oromoo Warraaqsa jabeessuun ergamtoota Wayyaanee uummata ficisiisaa jirtu irratti tarkaanfii reebichaa fudhachuun mirga abbaa biyyummaa keenya nu dhabsiisanii taa’uu hin qaban jechuun manni galmaa dabbaloota Wayyaanee fi koree boordii filannoo Wayyaanee irratti tarkaanfii uummatni fudhateen manni galmaa isaani diigameera, reebichaan ulfaatan irra qaqqabee jira.

 Kana malees Caamsaa 27/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Sabboonaan Oromoo obboo Giddisaa Camadaa FDG irratti wareegame sirni gaggeessaa isaa guyyaa kaleessaa Bakka dhaloota isaa AANAA MIDAA QANYII ganda Galaan Gumjeetti bakka uummatni Oromoo kumootaan argamanitti gaggeeffame . sirna gaggeessaa Sabboonaa Oromoo kana irrattis Waraannii Wayyaanee bobbafamuun uummata gooluu fi dargaggoonni Oromoo dhadatnoo jajjabaa dhageessisaa akka turan Qeerroon gabaasa.

Goototni Qeerroon, Barattootni Oromoo Yuniversitii MATTUU Warraaqsaa FDG Jabeessuun Itti Fufan, Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa Guddaa Mooraa Yuunivarsiitiitti Olgalchee Barattoota Reebaa Jira.

Aside

Caamsaa 27,2015 Mattuu

IMG_20150507_150925-1Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Warraqsaa FDG jabeessuun itti fufan, Waraannii mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu seenee barattoota goolaa jira. Barattootni Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara uummaata magaalaa Mattuu fi naannawaa Yuunivarsiitii mattuutti makaman, Waraannii guddaan mootummaan Wayyaanee barattoota irratti bobbaase mooraa Yuunibarsiitii mattuu irratti waraana banuun dhukaasa gurguddatu dhaga’ama jira. meeshaa gaazii summaa’aa nama boosisuu barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu ukkamsuun hidhaatti guuraa jiru, barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafataniif hedduun reebamani, hedduun hidhaatti ukkanfamaa jiru.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guyyaa har’aa kanas warraaqsaa FDG kaleessa galgala eegalaan jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Waranni Wayyaanee baay’ina barattoota Yuunivarsiitii Mattuu ol ta’uu mooraa Yuunibarsiitichaa waan seeneef barattootni iyya guddaa kaasuun mooraa gadhiisanii gara uummata Magaalaa Mattuu fi naannoo Yuunibarsiitii Mattuutti makatan. Waranni Wayyaanee immoo mooraa Yuunibarsiitii to’achuun mooraa Yuunibarsiitii mattuu dirree liinjii waraanaa fakkeesse goolii uumee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) -27 May 2015

Aside

Caamsaa 26/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Filatnoo Kijibaa Wayyaanee EPRDF/TPLF Balaaleeffachuun Diddaa Dhageessisan

Aside

Caamsaa 27,2015 Mattuu

DiddaaGoototni barattootni Qeerroon Bilisummaa  Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG haalaan qindaa’aa fi jabaa ta’ee mootummaa  maqaa dimookiraasii fi filannoo dahoo godhatee mirga uummata Oromoo cabsaa jiru irratti qabsiisan.   Oromiyaa keessatti maqaa filannoo  fakkeessii dahoo godhachuun  mirgii dimookiraasii fi namummaa uummata Oromoo sarbameera, Oromoon lubbuun ajjeefamaa jira, hidhaatti guuramaa jira, barattootni Oromoo doorsifaamaa fi barnoota irraa arii’ama jiru, Adeemsi waliin dha’insa filannoo fakkeessii dhaabbilee barnoota Olaanoo hanga qonnaan bultoota baadiyyaa, Magaalaa fi gammoojjii jiraataniitti uummatni keenya biyya abbaa isaa keessatti dararamaa  jiraachuun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo warraaqsaa FDG finiinsuu kan eegalan ta’uun guyyaa har’aa galgala sa’aa 12 irraa egaluun Mooraa Yuunibarsiitii Mattuu keessa naanna’uun dhaadannoowwaan itti aanaan kana dhageessisan:

  1. Nuti mootummaa abbaa irreettin hin bullu!
  2. Nuti bilisummaa fi walabummaa barbaadna,
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi hiree ofii ofiin murteeffannaa nuuf haa kabajamu!
  4. Ilmaan Oromoo Oromummaa fi siyaasaan yakkamanii hidhaman haa hiikaman.
  5. Sagaleen keeny sagalee  uummata badhaa Oromoo ti  nuuf kabajamuu qaba.
  6. Mirgootni dimookiraasii fi namummaa haa kabajamuu ,
  7. Saamichi lafaa Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba,
  8. Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
  9. Mootummaan EPRDF/TPLF uummata keenyaa hidhaa, ajjeesaa fi ukkaamsaa jiru seeratti dhiyaachuu qaba, kanneen jedhan dhageesisuun warraaqsa FDG finiinsan.

Battaluma Warraaqsi FDG egaletti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraanaa isaa poolisii, kora bittinneess aa fi poolisii Federaalaa Mooraa yuunivarsiitii Mattuutti seensisuun halkan guutuu barattoota gaaffii mirgaa dhiyeeffatan goolaa kan bule ta’uun ibsame jira., Tajajjillii kanneen akka  ibsaa, interneetii, network  Magaalaa Mattuu fi Yuunibarsiitii Mattuu irra kan bade fi akkasumas magaalaa Baddallee fi Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa irraa balleessuun moortummaan wayyaanee uummata goolaa jiraachuun ibsame.

SBO Caamsaa 27,2015. Oduu, Filannoo kijibaa wayyaaneen walqabatee FDG Oromiyaa keessatti deemaa jiru irratti gabaasa bal’aa, akkasumas dhimmuma kanaan walqabatee gaaffii fi deebii dargaggoo Dachaasaa Lammii waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Barattoota Oromoo Yuniversitii Walqixxee Filannoo Kijibaa Hin Filatiin Hafan,FDGs Yuuniversitiilee Biroo Keessatti Itti Fufe!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 26,2015
Wayita ammaa kana dhaabbilee barnootaa yuuniversitii Oromiyaa keessa jiraanii fi naanno biraattis argamu keessatti FDGbarattoota
sabboontota Oromootin finiinaa jiraachuun waan beekamee uummata, hojjetoota mootummaas itti hirmaachisuudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuuf itti fufee jiruudha, filannoo kijibaatiin kubbuun namaa osoo darbuu jaallan hedduun mana hidhaatti waraana wayyaaneen qabamanii utuu guuramanii akkamiin nama callisiisa jechuudhaan akkasuma diddaa utuu dhukaasni irratti dhuka’uu barattootni
yuuniversitii Bulee Horaa keessatti kaasan rasaasa dura dhaabbatanii falmii gageessuu fi tarkaanfii konkolaataa wayyaanee 4 irratti
fudhatuu deeman uummata kan boonsee hanga har’aatti mooraan Yuuniversitii Bulee Horaa dirree qabsoo fakkaattee kan jirtuu, haaluma
kanaan yuuniversitii Walqixxee keessatti barattootni naannoo Oromiyaa irraa dhufan filannoo irratti guutummaan guututti hin hirmaanne nuti filanno dhugaa fi diimokiraasi jennee yeroo keenya hin balleessinu jechuudhaan filannoon naannoo oromiyaatti barattoota oromoo moorichaan hin gaggeeffamin hafuu Qeerroon har’a gabaase,yuuniversitiilee kanneen akka Haromayyaa, Hawaasaa, Asellaa,Walloo, Dirre Dawaa fi Mattuu keessatti waraqaa filannoo irratti barattootni akkuma jirutti Haayilamariyamin gaggeessuudhaaf kunoo Hihadegin filleerra,
OPDOn ergamtuudha, hattuudha, abba garaati Uummatatti taphachuun haa dhaabbatu, kan hidhaman haa bahan, sagaleen
keenya haa dhagahamu,
Filannoon amma gaggeeffamuu isaatii diimokiraasiidhaan? Kan filannu hin barre, Mootummaan kun ammas yeelloo malee aangoo isaatti fufuufii? Ofii keessani of filtanii filannoo jettuu nuti miseensa ABOti, Mootummaa naggaadee waliin tapha hin deemnu bosonatti galla malee
Kan jedhu waraqoota filannoo irratti barreessuun gabaasni nu gahe addeessa. Akkuma yeroodhaa yerootti gabaasni ibsu ammas mootummaan Wayyaanee FDG aangoo irraa nu buusa jedhee shakkuu irraan barattoota yuuniversitii fi manneen barnootaa keessaa fi alatti humna waraana isaa qubachiisee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Caamsaa 24/2015 Loltoota Wayyaaneen Ajjeefame,Uummata Miidaa Qanyii FDG Jabaaf Kaase.

Aside

Caamsaa 26,2015 Goototni Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII guyyaa har’aa gana irraa eegaluun reeffa sabboonaa Oromoo obboo Giddiisaa Camadaa dheengaddaaCaamsaa 24,2015 loltoota Wayyaaneetiin rukutamee Hospitaalaa dhufaa jiruu daandii cufuun eegaa jiru Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII tti Waarraqsaa FDG uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Oromoo filannoo kijibaa Wayyaanee irratti gaggeessan irratti Waranni wayyaanee dhukaasee sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Ajjeesee, uummatnni Guyyaa har’aa Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII Reeffa Obboo Giddisaa Camadaa daandii cufee egaagaa jiraachuun ibsame jira. Waranni wayyaanees uummata daandii Cufee sabboona ilma Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa eegaa jiruu bittinneessuuf hanga baay’ina uummata olta’uu ramadamee uummatarratti bobbafamuun ibsame jira, Haaluma Wal fakkaatuun Aanaa Calliyaa geedoo irrattis uummatni daandiitti ba’ee Reeffa sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Finfinnee hospitaalaatti sakkatta’amee deebi’aa jiruu eegaa jiraachuun wal qabatee FDG guddaan ka’uuf akka jiruufi mootummaan Wayyaanees waraana guddaa bobbaasa jiraachuun ibsame.
Yeroo amma Kanatti maanneen barnoota AANAA MIDAA QANYII keessatti argamaan sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaatti jiran Cufamanii jiraachuun ibsame jira. hojjettootni mootummaa fi daldaltootnis hojii isaanii dhaabuun sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Eegaa jiraachuun ibsame jira.